Oduu Haaraya

Oromoon wal malee gargaarsa biraa akka hin qabne yoomiyyuu caalaa ifa ta’uu qaba

 

Abdii Boruutiin

 

Impaayara Itoophiyaa tana keessatti, sochiilee godhamaa turani fi jiran yoo ilaalle, hamma Oromoon saboota biroo wajjin dhaabbatee adda-durummaadhaan wareegama guddaa kaffale, dhimma saba keenyaarratti garuu saboonni biroo dafanii nuuf mirmatanii nu wajjin dhaabbachuun isaanii hin mul’atu. Kan fagoo hafee, isuma dhiyoo kanaa yoo yaadanne, bara 2005 yeroo deeggartootni jaarmayaa CUD hiriira nagaa bayanii Finfinnee keessatti Wayyaaneedhaan ajjeefaman, saboota biroo keessaa kan dafee isaaniif mirmate fi sagalee dhageessise Oromoo ture. Har’a garuu yeroo ijoolleen teenya kuun reebaman, kuun mana hidhaatti guuraman, kuun ammoo ajjeefaman, saboota biroo keessaa sagaleen takkallee hin dhagayamne. Kan Habashootaa haa dhiisnuu; warrumti kibbaatuu, kan saba Oromoo wajjin hiree walfakkaataa qaban, callisanii nu ilaaluu isaaniitu hubatama. Kun maal nutti agarsiisa? Asirraa maal hubachuu fi barachuu dandeenya?

 

Sochii diddaa gabrummaa barattootni fi uummatni Oromoo yeroo ammaa godhaa jiran kana ilaalchisee, sabootni Itoophiyaa, kan Oromoo hin taane, maaliif callisanii nu ilaalu jechuudhaan namootni keenya tokko tokko komii isaanii ibsaa jiru. Saboota cunqurfamoo ilaalchisee komiin kun sirrii ta’uu mala. Haa ta’u malee, warrii uummata Amaaraa komachaa jiran waan dogoggoran natti fakkaatu. Maastar Planii Finfinnee babal’isuu kana ilaalchisee, akka natti fakkaatutti kun projaktii Wayyaanee qofaa otuu hin taane, sirumaa kun kaayyoo fi karoora nafxanyoota durii ti jedheen amana. Maaliif yoo jedhame, sochiin Oromoo waan isaan sodachiseef; akkasumas ammoo gaafiin mirga hiree ofii murteeffachuu uummata Oromoos hanga deebii argatutti qabsoon kun akka hin dhaabbanne fi sirumaa cimaa akka deemu waan hubataniif, tooftaa fi shira biraa baasanii akka qabsoon keenya ittiin laaftu; kana birallee dabramee akka Oromiyaan bakkee lamatti addaan cittu taasisuuf fedhii guddaa waan qabaniif, babal’achuu Finfinnee guutumaa guututti deeggaru jechuu dha. Kun karaa tokko dha.

 

Karaa biraatiin ammoo, wanti hubatamuu qabu, yoo sabni Amaaraa sochii barattoota keenyaa kana deeggaranii fi sochiin kunis milkiidhaan kan xumuramu ta’e; yoo Maasta Plaaniin kun fashale, Oromoon injifannoo tokko goonfate jechuu waan ta’uuf, injifannoon uummata keenyaa ammoo kufaatii isaanii (nafxanyootaa) waan ta’uuf sochii kana akka hin gargaarre waan ifa ta’uu dha. Kanaaf, deeggarsa isaanirraa eeguun waan hin yaadamnee dha. Kanaafan komiin Oromoon Habashootarraa qabu dogoggora jedhe. Saboota biroo, warra akkuma Oromoo Habashootaan gabroomfaman yoo fudhanne ammoo, akka natti fakkaatutti, kunis karaa adda addaatiin ilaalamuu ni danda’a.

 

Tokkoffaa, olola Habashootni keessumaayuu Wayyaaneen oofturraa kan maddu, sabootni kibbaatuu guutumaa guututti Oromoo waan amanan hin fakkaatu. Isaanumtuu Oromoorraa sodaa waan qaban fakkaata jechuu kooti. Kanaaf, sochiin dhimma Oromoo qofaa ilaallatu kan akka Maastar Planii Finfinnee kun yoo cime fi Oromoon injifannoo yoo argate, gara fuulduraatti waan Oromoodhaan liqimsaman itti fakkaata jedheen yaada.  Asirratti wanti biraa kan hubatamuu qabu, babal’achuu Finfinnee Oromoo malee sabootni biroo waan balaaleffatan natti hin fakkaatu.

 

Lammaffaa, sochiin ijoollee (barattoota) keenyaa kun dhugumatti cimee; uummata bal’aa Oromoo hammatee; warraaqasa uummataa kaasee, injfannoo fiduu ni danda’a jedhanee waan hin amanneef; sanumaa asitti Wayyaaneenis sochii kana dhaamsuuf ijoollee fi uummata keenya akka fixxu waan beekaniif, dafanii ibidda boba’aa jiru kana keessa seenuuf waan of qusatan natti fakkaatu. Kanaaf, moggaa taa’anii ilaaluu filatu. Yeroodhaaf callisuu haa filatan malee, waayeen akkanaa kun garuu isaaniifis akka hin oolle ni dagatu jedhee hin yaadu. Har’a Finfinnee, boru ammoo magaalota biroo akka ta’an waan nama shakkisiisuu miti jechuu kooti.

 

Sadaffaa, biyya Itoophiyaa jedhamtu sana keessatti humna qawwee malee sochiin karaa nagaa keessumaayuu Wayyaanee jalatti bu’aa tokko akka hin fidne kunoo sochii Musiliimotaa, kan waggoota lamaa ol deemaa jiru, kanarraa waan hubataniif, kan ammaa kunis (kan barattoota Oromoo) bu’aa fiduu danda’a jedhanii waan hin yaadneef, sochii kanatti makamuu ykn deeggarsa kennuurraa ofqusatu.

 

Dubbii gabaabsuudhaaf, sochii ammaa kanas ta’ee, walumaagalatti sochii mirga hiree ofii ofiin murteeffachuu saba Oromoo keessatti, Oromoon wal malee gargaarsa biraa akka hin qabne hundi keenyaa hubachuu qabna. Yoo nuti wal bira dhaabbannee, harka walqabannee tokkummaadhaan keessa fi alaan mirga keenyaaf hin falmanne; yoo teenyee gargaarsa ykn deeggarsa biraa kan eegnu ta’e, kaayyoo keeenya bakkaan (galiidhaan) gayuun rakkisaa akka ta’u ifa ta’uu qaba. Keessumaayuu ammoo warra nu bitaa turani fi ammallee sirna durii sanatti nu deebisuuf halkanii fi guyyaa hojjechaa jiran deeggarsa gaafachuun ykn irraa eeguun waan hin yaadamnee dha. Kanaaf malli fi falli jiru, gabaabumatti Oromoon tokko ta’ee; karaa danda’amu hundaan qabsoo kana keessatti gahee ofii taphachuu fi qooda ofii gumaachuu qofaatu galii barbaadnutti nu geessuu danda’a. Yeroon ammaa yeroo gandaan, naannoodhaan, amantii fi ilaalcha siyaasaatiin wal qoqqoodnee mooraa keenya laaffisnu otuu hin taane, yeroo yoomiyyuu caalaa “OROMUMMAA” hundee godhannee mirga keenyaaf tokkummaadhaan falmannu ta’uu qaba.

 

Har’a diinotni keenya kan nurratti duulaa jiran, amantii fi ilaalcha siyaasaa keenyaa dhabamsiisuuf otuu hin taane, kaayyoo fi karoorri isaanii adda-durummaadhaan eenyummaa keenya Oromummaa balleessuufi. Waayeen Maastar Plaanii Finfinnee, kan yeroo dheeraaf shirri irratti hojjetamaa ture kun maqaa misoomaatiin lafa babal’isuu qofaatti waan hafu otuu hin taane, kun bu’ura ykn jalqaba duula balleessaa eenyummaa Oromoo fi dhiphisuu fi bakka lamatti kutuu Oromiyaa dhiiga fi lafee gootota keenyaatii ijaaramte kanaa ti. Kanaaf, Balaa nutti deemaa jiru alaalatti arguudhaan; nu bira gayee otuu harkaan nu hin qabatin dafnee tokkummaadhaan falmii guddaa godhuu qabna. Har’a dhiigni ilmaan Oromoo dhangala’us; lafeen ijollee Oromoo caccabdus; haa turu ykn haa daddafu malee injifannoon xumuraa kan uummata keenyaa akka ta’u shakkiin hin jiru. Warri bilisummaa fi walabummaa isaanii argatanis lubbuulee lammiilee meeqaa itti dhabanii waan ta’eef, kan keenyaas adda ta’uu hin qabu. Dhiigni ijoollee Oromoos bilaashatti hin hafu. Qabsaa’an ni kufa qabsoon ittifufa.

 

Galatoomaa!

Abdii Boruu: aboruu@gmail.com

 

 

About bilisummaa

Yaa rabbii ilmaan Oromoo haqa garsiisi warra haqa isaa ka dhabe karaa haqaatii fii gootummaan ifirratti falmatee deeffatu godhi!! Baha, Dhiha, Kaabaa fii kibbatti sagalee keenya tokko nuuf taasisi yaa waaqa!!

Check Also

Hayyuu fii gameessi Oromoo gara aakiraa deeman

INNAA LILAAHII WA’iiNAA ILEEYHII RAAJI’UUN PROF Mahdii Hamiid Muudee (Abbaan Gaazexaa Bariisaa) Hayyuun Oromoo guddaan …

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *