Oduu Haaraya

Galgala yeroo amma kanatti Magaala Dodolaa fi Magaala Aawwadaay keeysatti Sakattaa’iinsi cimaan geggeyfamaa jira

 

‪#‎oromoprotests‬
ODUU AMMA NU GAYYE

 

RDH –December /Muddee 16 /2015 /Muddee 5/2008

Guyyaa hardhat Magaala Awadday keeysati Maneen Hawaasa irra nanawuudhan Mana Sakata’a kan jiraniif akkasummas bika tokko tokkot Woraani Mootumma mana jireenya hawaasa cabsuudhan ummata sodaachisuuf yaali guddaa kan taasissa jiran tahu madden keenya nuf gabasaniiru .

Qaamotin gara Jabeeyi Mootummaa Ulmaa’ota heddu shakkina rakkina kana booda isaanitu jira jechuun kan hidhaa jiran yommu tahu yeroo ammat Shekh Ahmad Toofiq Barsiisa Darasoota 3000 ukaamsan iddoo isaan geeysan kan hin beekamin tahu madden gabasaniiru .

Akkasummas Zaawiya Darasoon keeysa jiran bikka heddut cabsuudhan kan Darasoota hidhaa jiraniif sochii kana kan qindeeysa jirtani isiniidha jechuun Darasoota Jimmaa,Arsii,Baale,Illu Abba Boora fi bikka adda addaa irraa dhufan kan hidhaa jiranif mani hidhaa magaala Awaday Guute gara mana Hidhaa Haramaayat Nama Fe’a kan jiran tahus madden gaabasaniiru .

Kanumaan wol qabate Goodina Arsii Lixaa Magaala Dodola kan yeroo lammaaf Mormii cimma dhageeysisa turte Qaamon Gara jabeeyi Federaala Yeroo ammat galgalaan maneen hawaasa irra nana’uudhan Kan sakata’aa jiraniif namoota mana hin bane maneen isaani cabsaa kan seena jiran tahu madden nanawwa irraa nuf gabasaniiru .

  • 12391102 1231164526898059 8119406063182841039 n

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …