Oduu Haaraya

Gamtaan Awrooppaa Dhimma Itiyoopiyaa Keessattuu kan Oromiyaa Irratti Yaada Murtii Dhiyaate Raggaasise

Paarlaamaan Awurooppaa dhimma Itiyooopiyaa irratti dheengadda dhiyaateefii kan ture yaada murtii har’a,Ammajii 21,206 raggaasisee jira.

Paarlaamaan kun murtii kana kan raggaasise paartilee fi gareelee gurguddoo jiran 8 keesssaa deeggersa torban isaanii argachuun akka ta’e miseensa paarlaamaa kanaa kan ta’an Aanaa Maariyaa Gomesh VOAf ibsanii jiru.

Gamtaan Awrooppaa sababaa nageenya naannoo fi kanneen biroon Itiyoopiyaa waliin wal ta’uu filatee kan ture ta’us amma garuu lammiiwwan isaa irratti dhiittaa mirga namoomaa fi dararaa geessisaa jira jedhame kan isa yaaddessaa dhufe ta’uu ibsee jira.

Yaadi murtii kun kan Raggaasisame waan tokko utuu hin jijjiiramin utuu hin fooyyeffamin ta’uu kan ibsan Ms. Gomes kan dubbatame Oromiyaan tasgabbii dhabuu fi naannolee ka biroo Ogaadeenii fi Gambeella kanneen fakkaatan keessatti dhiittaan mirga namoomaa geggeefmaa jiru murtii kana irra nu geessise jedhu.

Check Also

barnoota afaan oromoo universitii

This language was banned in Ethiopia just 30 years ago. Now, it’s being taught at Stanford

Afan Oromo, a native language of Ethiopia, is being taught at Stanford for the first …