Oduu Haaraya

Garaaf jettee hin gowwoomin..

Hawwii Caalaa irraa | Waxabajjii 3, 2014

Garaaf jettee hin gowwoomin
Qarshiif jettee hin gabroomin
Dhugaaf du`i malee sobuuf hin jiraatin
Sabaaf falmi malee sabatti hin dulin

Dhiiga saba kee yaadhadhu
Lafe cabeef lubbuu badef falmadhu
Hin dagatiin yomillee gonkumaa
Si gaafata seenaan bara kumaa

Wareegamni qaalii qabsaa`otaa
Onneen lencaa kan barattootaa
Sitti mee akkamin mul`ataa?
Gatii kan hin qabne fakkaataa?
Lakki innoo gati qaba ,gati isa guddaa
Kan hin irraanfatamne yeroo hundaa
Ni yaadanna nuti hojii isaanii kaleessaa
Ol kaasne isaan waamna maqaa isaanii lellisaa
Hojjataniru waan ta`eef hojii amansisaa
Isa ammaaf qofa miti isa dhufu illee ni bonsa

Lakki dhisi ati yaa basaastuu
Saba kee qarshiin kan gurgurtuu
Garaaf jettee garaa hin jabaatiin
Saba irraa dhalatte alagaaf hin laatin

Lakki dhisi maaloo ani sifan himaa
Faayidaaf bitamun ni qaba waan hamaa
Gobanaafu hin tolle saba ofii gurguruun
Seenaa kee jijjiri qomoo keef dhaabachun!

Hawwii Caalaa irraa | Waxabajjii 3, 2014

Garaaf jettee hin gowwoomin
Qarshiif jettee hin gabroomin
Dhugaaf du`i malee sobuuf hin jiraatin
Sabaaf falmi malee sabatti hin dulin

Dhiiga saba kee yaadhadhu
Lafe cabeef lubbuu badef falmadhu
Hin dagatiin yomillee gonkumaa
Si gaafata seenaan bara kumaa

Wareegamni qaalii qabsaa`otaa
Onneen lencaa kan barattootaa
Sitti mee akkamin mul`ataa?
Gatii kan hin qabne fakkaataa?
Lakki innoo gati qaba ,gati isa guddaa
Kan hin irraanfatamne yeroo hundaa
Ni yaadanna nuti hojii isaanii kaleessaa
Ol kaasne isaan waamna maqaa isaanii lellisaa
Hojjataniru waan ta`eef hojii amansisaa
Isa ammaaf qofa miti isa dhufu illee ni bonsa

Lakki dhisi ati yaa basaastuu
Saba kee qarshiin kan gurgurtuu
Garaaf jettee garaa hin jabaatiin
Saba irraa dhalatte alagaaf hin laatin

Lakki dhisi maaloo ani sifan himaa
Faayidaaf bitamun ni qaba waan hamaa
Gobanaafu hin tolle saba ofii gurguruun
Seenaa kee jijjiri qomoo keef dhaabachun!
Barreessituun walaloo:Hawwii Caalaa
http://www.youtube.com/watch?v=ptMmwAI8y4I

Check Also

usmaayyoo muussaa

Yaadannoo artist Usmaayyoo Muussaa

Sagantaan yaadannoo Artist Usmaayyoo Muussaa magaalaa Finfinnee Hoteela ILILI INTERNATIONAL tti torbaan dhufu ni qophaawa. …