Oduu Haaraya

GARAAGARUMMAA GOOFTAA KIRISTIYAANAA FI WAAQA WAAQEEFFANNAA

Dereje Tadessetiin
Dubbii kana kan kakaase, amantaalee waldorgomsiisuuf ykn amantaa kamiyyuu ceepha’uuf miti. Haala ka’iinsa fi galii uumamaa, sammuu fi afaan dhala namaa fi, dhugeeffacha fi hundeeffacha saba addaa-addaa hubadhee hubachiisuu fi ofiis nama irraa baradhee nama biro barsiisuu barbaadee ti, malee. Yaada ceepha’uun nama/saba ceepha’uu miti. Maaliif jennaan, yaadni qabeenyaa dhuunfaa nama/saba tokko miti.
Ceepha’an, qoratan, saaqan wal’irra baratani!

1. Heera, Seera Fi Aaadaa
Waaqeeffannaan, Ayaana ykn waan Waaq calqaba ittiin UUMEE (nama dabalatee waaqaa gadi, lafaa ol jiran hund ittiin) uume hundaaf Saffuun jiraachuu amana; kanaafuu Ayyaana fi Saffuu Haadha-Abbaa ni kabaja. Waaqayyoo Heera kana keenne waan ta’eef nammuu irraatti ajaja hinqabu jedhee amana—fakk, nammi, qilleensa walitti guuree, huurrii godhee, cabbiitti jijjiiree, rooba godhee hinroobsu; namni, callaa facaasa malee, biqilchee, lalilchee, firii itti godhee, madhaanitti jijjiiree achirraan callaatti hinjirjiiru; namni hinfuudha/niheeruma malee dhiiga rimaa ghodhee, mucaa ghodhee, daa’ima taassissee, nama gaha, luba fi gadaa taassisee, yuba, qaalluu, ykn beeroo ghohee hinjaarsu ….kuni HEERA Waaqaa qofa!!! Garuu, nammi Seera fi Aadaa fi Jiruu-jireenya harka fiqalbii isaatiin dalagata. Kan’irratti lufus, milkaa’us, kufus, laafus…dalagaa isaati malee WAAQA ykn Sheexana kan akkas na godhe HINJEDHU; “Sheexana” waan jehamtu’yyuu keessummoota irraa dhagahe male HINBEEKU!

Kirisyiyaanni, qaroomina ittiin Ayyaana, Heera, Aadaa fi Seer, ittiin jedhee maqaa baafatus/himatus, adda baafatus, hubatus HINQABU; yaadiin kunneen afaan kamiini’yuu hinturjubaanamu—babaha (evolutionary process) ykn seenaa keessa isaan hindabarre kaa!!! Falqaassitoota (philosophers) tokko tokkotu dheengadda maqaa itti baaseefi bara 18toota keessaa ca;qabanii nurraa hannaan waraabbataniitoo “Nuyi abbaan” jedhanii fakkeessan. Kanaaf kKristiyaanonni, yoo qufa’anis, yoo kufanis, yoo mirkanaa’anis, yoo abdii kutatanis, yoo dhukkubsatanis, mana yaalaa dhaqanii yoo kiniiniidhaan fayyanis—BADIINIS, MILKIINIS, QAANIINIS, SAPHLIINIS, hundu ka Gooftaan ‘jedhe’, ‘natti fide’, ‘naaf godhe’, ‘abjuun natti hime’, ‘narraa luqqise’…..jedhu!

Waaqeessaan garuu HEERA Waaqaa irreeffateeti, seera, aadaa fi jiruu-jireenya tolfata; yoo dadhabe oof ceepha’a; yoo mirkanaawes waliin eebbifata! Heera waliin jarreen kana waliitti hinlallaaqu. Waaqayyo guyyuu nam takkaantakkrr faana deemee fiishakaa hin’afuufu. Maal, Waaqayyo waa namaa?

Ee! Waaqi Kiristiyaanaa tokkoon Nam-fakkaataa, yoo dhibe ammo nama!!

2. Seerluga Waaqaa Fi Gooftaa

Afaan: Waaqqeeffataadhaaf, Waaqayyo nama hin baanu (Waaqaya NEVER speechificate!!). Waaaqyyo Afaan dhala namaa—ka sagalee/phonology, laqqaamsa/lexis, saccaansa/syntax—kamiyuu hindubbatu, yoomuu!! Dubbiin waaqaa GADAA dhaa jedhu ((Sirna Gada/ System jechuu qofa osoo hintaane), k.j., agadaa-agadaadhaan/gadaatiin (segmented) mara yaarrimoo, ykn yaa’a jaarraa (ykn, akka maqabaasa Warra Dhihaatti, dhangala’a barabakkaa/barwaaqaa ‘constant flux of spacetime’). Saphlaatti, jijjiiramaa fi mara baraa (gadna/gannaa, gadaa, waggaa/waakkha, lubbuu) fi dibaayyuu (irgee, iddee, bakka, ardaa, qoolloo) fi ayyaanaa (essence, fundaments, spirits) jechuudha. Uummoon ni aada, qeeransi ni burrisa, leenci ni barooda, duris har’as, si’acchis; Simbirri/lagni/abboftiin ni wacca; aduun ni bariiti, ni qaariti, ni dhiiti, ni waariti ni bariiti; Tabbi/yabbi/gaarri ni hadara/ni sulula/ni baaqqata; gabri ni guutaa, ni caama; sagliin, buttaan, jaarraan ni mara; lubbuun ni lufa, ni dhaala.; malkaan, kaloon ni marga, ni goga, ni marga…..

Kunneen afaan/DUBBII Waaqaa keeysaa xiqqishuu dha garuu fakkeenya. Armaan olittis xuqxuqne! Kanaafuu DUBBIIN/Afaanni Waaqayyoo kun akkafeetee, akkatasee, faallafaallaa/falfala, takkatakkee, darbaadhufaa, liphaaliphee miti—IRREESSA ykn CAYAA dha, malee [universal transcendental]! Akkas jadhu, Waaqeeffannaan. Qooda akkas ta’ee, ADDUUNYAAN ARGAA-DHAGEETTII KUNI’YYUU KITAABA, BARRUULEE dha; ni dubbifamaa jedhan.

Kiristinnaanni, ammo, ka jadhu, Gooftaan Afaan Aramaa/Aramaic dubbateeraa jedhu; yaggu barbaadan’ammo Afaan Heebiruu tiin barsisaa turee jedhu! Kanaafuu Waanqeelli/Baaybibiliin afaan/sagalee/barreefa Gooftaan baanee/dubbatee/haasa’ee jedhu. Hinumaayyu: sagalee ulfaataadhaan “GURBAA, ATI GARA KIYYA KOTTU!!!” jadhee nama yaamee/waamee’llee ni beeka, jadhan! Sagaleen/afaanni afaan tokkoo (“Aramaic”) akkamiin sagalee/afaan Girikii/Laatini/Ingilizii ta’aree yoo jedhanii wal falqan/qoran sirrii dha.

Waaqeeffattootaaf, kuni ARGAA-DHGEETTII Heera Uumee irraa siphatame/habbuuqatame/dhugeeffatame osoo hintaane, JACHAA-DHAGEETTII dha jedhu! Mirkaneessuuf’yyuu hindanda’amuu jjadhan. Dhugaa dha!!

Bakmaqaa (personal pronoun): Waaqeeffannaan Waaqayyoon bakka-maqaa (personal pronoun) godhee hinmoggaasu. Ammas, ammas “Waaqa” ykn mararsiifatee “Waaqayyo” jedha male “Isa”, “Isee/Ishee”, “Ati”, “Isin”, “Isaan”….gonkuma hinjedhu, Waaqayyoon!! Nama (person) miti kaa!! Waaqayyo TOKKO qofa kaa!!

Khoornyaan (gender marker) Waaqaatti hin hojjatu! Waaqayyo akka Gooftaa Kiristiyaanaa khoornyaa dhiiraatiin (“He”, “Issuu”) ykn dhalaatiin (“She”, “Issua”) hin;ifsamu. Nama miti kaa!!!

Gitii “Case”: Waaqeeffannaan ka jadhu, yagguu Waaqa jeekkarus waaqeeffanus, gitii ykn inni Afaan Ameerikaatiin “case” jedhan hinjiru; maaliif jennaan, Waaqayyo gita/qixa namaa miti, jadhan. Gitiin Waaqaa LEEYMOO OLI (absolutive case), k.j. (kana jachuun) Heeraa diriirse ykn Uumaa fi Daanyaa dha [is transcendental/unmoved-mover]—nammis, maaliyyu kana sadeen godhuu hindanda’u!!

Kiristinnaan Gooftaa isaa namaan giteessa/qixeessa. Kanaafuu, “Gooftaan kana anaaf/naan godhe/jedhe/kenne/dhorke…!” jedha. Hinumaayyuu Kiristiyaannonni akkas jedhan:

“Gooftaan ana waame!”; “An Gooftaan waammadhe/himmadhe!”,
“Abaluu Gooftaatiin ‘kottu/dhiisi/baasi/abaari/guddisi/buqqisi/dhaabi….’ Jedhe!”
“Gooftaan acchi/as/garas/garana’tti bahe/taa’e/deeme/ol bahe/gadi taa’e….!”
“Gooftaan namatti akkas jedhee hime/barreesse/dhaame/labse…..!”
“Gooftaan namatti/ofii ISAATII rifate/gadde/gammade/dheekkame…..!!!”
“Gooftaan Namaan/Abaluun/Sheexanaan ajjeefame/fannifame ykn rukutame/hari’atame/awwaalame/itti koflame!!

Kun garuu, Waaqeeffata dhaaf: WAAQEEFFATAADHAAF WAAN GUDIITI! SAFFUU DHA! WAAN BAACOO IJOOLLEEti GOWWOOMSA!!

Jaarraa “tense”: Waaqayyoo bakkaa-fi-baraan hindaangeffamu. Kanaafuu, ‘tense’in Waaqa ittiin irreeffatan, jeekkaran, Waaqeessan ka BARAMAROO/BAKKAMAROO (“PERMANENTIVE”) dha, Waaqeeffataadhaaf. “Gooftaan, …Jedh-E!, godh-E!” ka jedhu DABARSAA (“PERFECTIVE/PAST”), k.j., ammas hinjiru/hingodhamu/hinjedhamu ykn sichis hinjedhu, higodhu, jechuudha!

Ka Kiristiyaanaa kun SAFFUU dha!! Jadha Waaqeeffataan.

Abbooma “Possession”: Akka Waaqeeffataatti, Waaqayyo nama QABA, malee namni Waaqa hin QABAAtu!!! Waaqayyoo meeshaa/obboleessa/obboleetti ofii MITI! Abboomaa dha, malee!! Kanaafuu, inni Kiristiyaanni/BIBILE’n “Gooftaa KOO/KEESSAN/KEENYA” jedhu waan gudiiti!! SAFFUU dha!

Kanaafuu “kooti” “kee miti” jehanii wal-fixu!!

Fakkeenya Jeekkara/Irreeffannaa Waaqeeffataa (osoo Kiristinnaadhaan boora’ee yyuu)

Ya Waaq, Ya Waaq, Ya Waaqayo

Waaqaan nan bula, sin an oola

Gurraacha leymo, garaa taliilaa

Dhisaa malee, diriirtee

Utubaa malee ijaajjitee

Alluu malee dottattaa

Dumessa walitti ka guurtu

Urjii ka facaastu…
Tokkicha maqaan dhibbaa
gurraacha garaa garbaa,
yaa Waaqa Waaqa hinqabnee,
yaa gooftaa gooftaa hinqabnee,
mooticha giddii hinqabnee…..
3. Seergocha Waaqaa fi Gooftaa (“Voice” & “Function”)

Waaqeeffataan, Waaqa IRREEFFATA; Kiristinnaan, Gooftaa KADHATA.

Ajajaan eenyu? Maal jachuun/akkamiin?

ITTI FUFA…………………………………………..

Check Also

abuna sawiroos

Gaaffilee bu’uraa ummata Oromoo fii Sabaaf Sa-blammoota Ortoodoksii

1. Abboota Afaan, aadaafi Safuu ummata keenyaa beekaniin yaa tajaajilamnu 2. Durii Kaasee Manni Kiristaanaa …