Oduu Haaraya

Garaagarummaa gurguddaa hiriirota Oromiyaa fi Gondaritti tahan gidduu jiru:

Booruu Barraaqa

gondarii fii aawwadaay

Garaagarummaa gurguddaa hiriirota Oromiyaa fi Gondaritti tahan gidduu jiru:
1. Oromoon dallaa sodaa cabsee ji’oota dheeraaf lubbuu isaa wareeguudhaan warra Gondariif fakkeenya tahe.

2. Wayyaaneen OPDO kan tuffattuu fi ANDEM kan sodaattu waan taheef Oromiyaatti nama danuu fixxe, Gondaritti garuu titiisa illee irraa kaasuu sodaatte.

3. Naannoo Amaaraa keessatti dhaabni ANDM karaa ifaas karaa dhoksaas ummata waliin dhaabbata, Oromiyaatti garuu dhaabni OPDO dabballoota sadarkaa gadii Oromummaaf quuqaman muraasa irraa kan hafe hoggansi isaa olii farra Oromoo ti.

4. Hiriirri Gondar magaalaa guddoo 2ffaa naannichaa keessatti jiraattota magaalaa irra-guddaa yoo hirmaachisu, kan Oromiyaa garuu magaalota aanaalee (baadiyyaa) keessatti liqimfamee hafuun hanga barbaadamu dhagahamuu dhabe. Magaalaan beekamaan Oromiyaa kan seenaan keessatti hojjetame Shaashamannee qofa.

5. Hiriirri Gondar hanga ammaatti zoonii san keessatti qofa kan beekamu yoo tahu kan Oromiyaa garuu guutuu naannichaa kan waliin gahe dha.

6. Gaaffiin warra Gondar yoo dhimmi Walqaayit furame kan dhaabbachuu malu fakkaataa ture, Amma garuu ”Olaantummaan TPLF haa dhaabbatu” kan jedhu dabalachaa jira. Gaaffiin kun gara kutaalee Amaaraa birootti ni babal’ataa fi hin babal’atuun hanga ammaatti ifaa miti. Kan Oromoo garuu hundee gaaffii mirga siyaasaa fi dinagdee gadi fagoo waan qabuuf mirgqqoota qunxuramee itti darbamuun kan dhaabbatu miti.

7. Hiriirri Gondar bajata guddaan kan itti bahe (humna siyaasaa jabaa wahiitiin akka qindaahe) tahuu alaabaalee fi dhaadannoo bal’inaan hiriira irratti mul’atan irraa hubatama. Kan Oromiyaa garuu hanqina maallaqaa fi qaama siyaasaa duubbee jabaa tokko malee onnee qofaan kan geggeeffamaa jiruu dha.
Kana irraa kaanee mee of keessa haa laallu.

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …