Oduu Haaraya

Guyyaa kaleessaatuu Gondoritti ummanni kumaatamaan tilmaamamu, hedduun isaa qawwee hidhatee bahee osoo waa takka hin tuqamin gale.

Johaar Mohammadiin

Ji’oottan saglan dabraniif ummanni Oromoo gaafii mirgaa haqummaan isaa mootummaanuu amane qabatee haala seeraaf heerri biyyattii eeyyamuun falmachaa jiraachuun isaa ni beekma. Yeroo kana keessatti ilmaan Oromoo 600 ol ta’an loltoota mootummaatin ajjeefamanii, kanneen 5000 ol ta’an madaayanii jiran. Kana jechuunis ji’oottan saglan dabran kana qofa keessatti guyyuma guyyaadhaan ilmaan Oromoo sadi (guyyaatti) Agaaziidhaan ajjeefamaa turan. Hundi isaanii rasaasaan haala garaa jabinna hamaa tokkoon rukutamaniit ajjeefaman. Ajjeechaan suukanneessaa akkanaa kuni amaluma mootummaa abbaa irreeti jedhamee fudhatamaa ture hanga yoonaatitti. Tibbana kana garuu akkaataa mootummaan sun mormii naannoo biraatti ka’e (keessattuu naannoo Amaaraatitti) itti keessummeesse ‘edaa gaafii isaatiif deebin kan rasaasa ta’u Oromoo qofa’ akka jennu nu godhee jira. Oromiyaatti daa’immaniifi manguddoon harka duwwaa gaafii haqaa qabatanii bahan rasaasni itti roobfamee fixaman. Naannoo biraatti garuu ummanni qawwee qabatee magaalaa jidduutti dhukaasaa oolee osoo waa takka hin tuqamin nagayaan manatti deebi’ee gale. Asirratti wanti haalaan hubatamuu qabu, kun ta’aa kan jiru Oromoon lafa kiyya narraa hin saaminaa, qotee-bulaa Oromoo lafa irraatti dhalaterraa hin buqqisinaa waan jedheef qofa yoo ta’u, warri naannoo Amaaraa garuu lafa amma naannoo Tigray keessa jiru gara naannoo Amaaraatitti deebisaa, lafti sun duriin isaa keenya jechuudhaan gaafachaa jiru.

Guyyaa kaleessaatuu Gondoritti ummanni kumaatamaan tilmaamamu, hedduun isaa qawwee hidhatee bahee osoo waa takka hin tuqamin gale. Sa’aatilee muraasa booda Oromiyaa, Harargee Bahaa magaalaa Awwadaay keessatti ummata karaa nagayaatin mirga isaa falmachuuf bahe irratti duula ilaammatanii dhahuutiin (sniper shooting) ilmaan Oromoo 26 rasaasaan madeessuudhaan nama jaha ammoo ajjeesanii jiran. Kanarraa kan hubannu mootummaan sun lammiilee biyya sanii ija gargaraatiin akka laaluudha. Ummata Oromoo akka diina hiree argame maraanuu ajjefamuu qabu, ummata biraa ammoo kan mirgi isaa kunuunfamuufi qabu godheet laala jechuu dha. Haalli kun paartiin Dh.D.U.O kan silaa Oromiyaan bulcha jedhus paartiin ANDM irraa garaagarummaa akka qabus qabatamaan ifa taasisee jira. Naannoo Amaaraatti mormii loltoota ANDM duriitin qindeeffamaa jiru mootummaan naannichaa harka irra qabuu bira darbee ifatti deeggaraa akka jiru agarra. Yeroo miidiyaan mootummaa Oromiyaa olola mormii ummata Oromoo maqaa xureessu hojjatutti, kan naannoo biraa qabsoo isaanii ifatti deeggaruudhaan labsaa jira.

Maarree Oromoon guyyuma guyyaan yoo ajjeefamu, ormi maaliif kabajame?

1. Ummanni Oromoo fedhii gaaga’amni hamaan biyyaafi naannoo isaarratti osoo hin geenye mirga isaa kabachiifachuuf jecha tooftaa qabsoo nagayaa filatee, qawwee qabatee bahuu dhabe. Qawwees qabatee kan hin bahiniif waggoota 25 dabre kana bara baraan qawween irraa hiikkamaa ture. Dabalataanis hoggansi fi hayyoonni Oromoo qawwee qabattanii hokkaratti hin seeninaa jedhanii waan gorsaniifi. Kunis kan ta’eef Oromoon ummata nagaaf nageenya yeroo maraa aadaaf uumaa isaa keessatti leellisu waan ta’eefi. Naamusni kun garuu naatoofi kabajaa uumuufi dhabee saba guddaa kana tuffachiisee jira. Inumaayyuu mootummaan wayyaanee aadaa nagaaf nageenyaa ummata Oromoo kana siyaasaa ishee cunqursaatiif itti fayyadamuuf kutattee kaate fakkaata.

2. Baatilee saglan darban kana ummanni keenya magaalota bilisa baasee too’ate keessatti Ummanni Tigree kan Wayyaanonni irraa dhalatan akka hin tuqamneef wareegama guddaa kafale. Ummanni naannoo biraa garuu ni gobe. Naamusnifi tikni Oromoon godheef kana galateeffachurra akka doofaafi sodaataatti akka laalamu godhee jira.

Walumaagalatti Obsiifi naamusni haga gaba. Aariifi xiiqiin Oromoo amma guutee irraan jiguuf deema. Osoo sun hin taane hireen dhumaa haa laatamuufi. Ummanni Oromiyaa akkuma ummata naannoo biraa lammii kabajaan maltuun akka ta’e mootummaan sun akka mirkaneessuuf, tarkaanfileen armaan gadii ni fudhatamu.

1. Sanbata duraa as adeemu Hagayya 6, 2016 guutuu Oromiyaatti, Dirree Dhawaa dabalatee hiriiri nagayaa kan mormii ni godhama. Mormiin ammas akkuma dura guutuu guututti kan nagayaa ta’a. Gaaffileen keenyaas, ajjeechaan akka nurraa dhaabbatu, hoggatootni keenya kanneen hidhaa keessa jiran haal-duree tokko malee akka hiikaman, Oromiyaa humna Agaaziitiin bulchuun akka hafu, Oromoon mirga ofiin of bulchuun akka kabajamuuf gaafachuufi kkf ta’u.
2. Hiriira kana bahuudhaaf hayyamni hin gaafatamu. Akka heera mootummaatti hiriira qopheessuuf aanga’oota dursanii beeksiisuutu barbaachisa. Barruun kun akka beeksisa sanitti fudhatamuu qaba. (Ummanni Gondoris kanuma godhe, Oromiyaaf seerri addaa jiraachuu hin danda’u)! Dameen nageenyaa Oromiyaas ta’ee humnoonni federaalaa mormii kana dursanii hanqisuufis ta’ee guyya san ummata reebuuf yoo kan socho’an ta’e, gaafasirraa ka’ee sochiin Oromoo tarsiimoofi ergama ( mission and strategy) jijjiirrachuutti tarkaanfata. Gaaga’ama sanitti aansee dhufu hundaaf kan itti gaafatamu hogganoota Wayyaanee, akkasumas Oromoota isaan waliin hiriiruu itti fufan ta’a.

Ummanni keenyas kana beekee gaafa san tokkummaafi murnannoodhaan akka mirga isaatiif bahu waamicha dhiheessina.

About bilisummaa

Yaa rabbii ilmaan Oromoo haqa garsiisi warra haqa isaa ka dhabe karaa haqaatii fii gootummaan ifirratti falmatee deeffatu godhi!! Baha, Dhiha, Kaabaa fii kibbatti sagalee keenya tokko nuuf taasisi yaa waaqa!!

Check Also

Waraana calqaba isaa malee xumurrii fi ittibahinsi isaa hin beekamne – Oromoon maal godhuu qaba?

Berhanu Hundee Waraanni amma garee seeraa fi heeraa ala mootummaa Federaalaa ofiin jedhu fi mootummaa …

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *