Garee inni tokkoffaa
Oduu-ololaan wal-faalee firaa diina wallallee Garaagarummaa yaadaa adda addummaa siyaasaa diinummatti lakkaa’ee abaaree wal-akaa’ee
Shiraa laf-jala xaxee wal-irraatti kakaasaa Lammii lammitti duulchisaa! Guddaa ulfaataa namaa
Beekama kabajamaa Hayyuu dhaaf qaroo sabaa
Ogeessaa golgaa jabaa..
xiqqeessee rakasiisaa egeree biyyaa doomsaa! waan qqbatamaa malee Eebalu bar gantuu dha ebalummoo hattuu dha
Jedhee yoomuu hamatuu
Taasa xiqqoo hin saalfatu .. Dammaqaa wal-dammaqsaa jette jettee oduu gandaa hundeenshee dhabamsiisaa..
Garee inni lammaaffaa
Ana malee hin ta”uu Anatu beekaa hunda caalaa anumaan na ilaalaa Jedhee guyyuu of-dhaadaatuu
Qabsoo blisummaa sabaa beekamtiidhaa oolfatu..
Garee gumii ijaarratee fafakkaattiwwan isaa
Warraa miiraan socho’uu habaqaaluu qilleensaa
Gadi fageenya hin qabnee ka-hundeen irra keessaa ka-harkaa walii dhahuu wabii badii waliif ta’uu..
Lachuu maaddaa rakkootii gufuu guddina hawaasaa qaanqee aduu dhaaf urjiittii waaroo dumeessaa huwwisaa Buubbee obonboleettii habaqii kaattuu qullaa Madaa dhukkubaa sabaa summii xannachee dhullaa yoo calisnee ilaallee boorii keenya owwaalaa!
Tufaa irraa
Email: Ear_tuf12@hotmail.com
09/26/2014