Oduu Haaraya
dirree sheek husseen

Giimii Ukkaamame – Asoosama Gabaabaa

Review Overview

Asoosama Gaariidha

User Rating: 3.35 ( 8 votes)

Beekan Gulummaa Irranaa-tiin, Yunivarsiitii Finfinneetti barataa PhD | Okonkoleessa 16, 2013

Kaleessarra har’a wayya laataa jennaan, kan durii ammarra wayyoome. ‘Jagni hin quufu jennaan, waraabessi nyaataa bule’ jedha mammaakaan Oromoo. Guyyaansaa onkoloolessa 4 bara 2013 ture kanan lafa seenaa Oromoon qabdu keessaa dirree shekahuseenaa daawwachuuf manaa ba’e. Lafti ka’umsakoos magaalaa guddittii Oromiyaa Finfinnee lafa Dachee Golbaa jedhamurraati ture.

Yeroon manaa ba’eefi akkatti manaa ba’es ta’ee, maaliif akkan manaa ba’e yeroof wanti naa ife waan hinturreef, utuu waan geejjibaaf tajaajila kennan hedduun magaalicha keessa baay’atanii jiraniiti ani garuu miillan ittiin dhaladheen imalakoo kanan itti fufuukoo arge ergan halkan keessaa sa’a 6 tti magaalaa Bushooftuu ga’eetani. Magaalattiinis Haroo uumamaa gama hedduun itti marfamteen kan badhaateefi kan keessaa miilla fuuchuunsaa namatti hintolle miidhagduu uumaan dhoksee iddoo sana kaa’edha. Lafa daawwatamuuf tuuristoota hedduu ofitti harkistu ta’uushee qofa utuu hintaane, kan qilleensi haroo sanarraa ka’u nyaata malee akka buddeenaa nama quubsudha haalli teessuma magaalaa Bushooftuu.

Anis gaafan akka nama hirribaa dammaqee olii gadi ilaaluutti ka’u, kanan duratti horii warra keenyaa waliin tiksaa turre Caalaa Tarfaasaan iddoo sanatti arge. Dhaabannee ija keessa wal ilaalleetu nu lamaanuu ijaan malee afaaniin walitti dubbachuu dadhabne. Erga adda baanee yoo xiqqaate waggaa 22 ta’eera. Akkatti aniif Caalaan gargar baane seenaa qaba. Nama isas ta’ee anaanis argee hinbeekne tokkotu waan akka giimii tokkoo itti qabee doorsisee Caalaa nabiraa butatee bade. Caalaan yeroo sana nama kutaa torbaffaa baratu ture. Ergasiis akka mana barumsaatti hindeebine gaafa anatti himuun akka raata’uu ta’een fajajee hafe.

Yaa Gurmeessaa naan jedhe Caalaan. Anis gaafan jalaa owwaadhu, hiddi fuulasaarraa waan foon keessaa funaanamee lafeen qofaan dhaabatu anatti fakkaateera. Namni isa du’eef booha; duuni isa hafeef booha’ jedhu mitiiree?

Anis hafuura gara keessaatti malee, gara alaatti baafachuun dadhabe. Waan keessakoo ukkaamamee jiru Giimii Ukkaamamee abiddi keessaa dhuka’uuf ka’e fakkaata. Akkuman caalaa ija keessa ilaalettan yaadaan geejiba gatii maleen Oromiyaa keessa balali’ee as deebi’e. Yeroon imalakoo xumuree as deebi’u ammas ani kanan jiru magaalaa Bushooftuu keessadha.

Gabaasa isan naanna’aa oolee dhufe sanaa Caalaatti himuun narra ture sanaa itti gadi tarreessuuttan ka’e. Waa’ee seenaa mana barnootaa keessaa. Namni maaliif akka baratuufii isa barate kanammoo eessaafi akkamitti hojiitti akka jijjiiru. Konkolaataa luka lamaa keenyaan imala keenya ittuma fufuun lafa Maqii jedhamu geenye. Utuma yaada kanaan walwaxalluu barsiistuun Afaan Oromoofi Ogbarruu tokko as nutti baatee gaaffii nuti isheef deebisuu hindandeenye tokko nugaafatte. Maqaanshees Hambisee Rabbirraa jedhamti.

Akka iddoo sanaatti Bunni Jabanaa beekamaa waan ta’eef, mana aadde Soolaneetti nuqabdee nu afeeruu akka barbaaddu gaafa nutti himtu, nutis dadhabneerra waan ta’eef tole jechuun gadi teenyee buna keenya harkatti qabannee haasaa keenya eegalle. Anis Hambisee keenyaa amma gaaffiikee sana itti fufuu dandeessa jedheen. Gaaffii tokko tokko nugaafaatte. Gaaffii isheen nagaafattes, namni waan garaasaa keessaa hojjetamoo? waan garaasaa keessa kaa’aniif hojjetaa? naan jette. Hiryaakoo Jaal. Caalaatiin ammoo, namatu Waaqa jibbemoo? Waaqatu nama jibbee? jetteen.

Gaaffii Hambiseen nugaafatte kanaaf deebii barbaaduuf akka isheen guyyaa muraasa nuu laattuuf Hambisee yoo gaafannus, matumaa deebii kana anis barattootakoo kutaa 12ffaa jiraniin waanan gaafatameef lakkii ammuma naaf deebisaa malee jettee morma nu huute Hambiseen. Isa barsiisaankoo Karoorsaan yeroon kutaa 10ffaa baradhu barumsa seenaa utuu nubarsiisaa jruu daree keessatti dubbaten yaadadhe. Namni lafarra yaa’aa jiru kun jedhe Barsiisaa Karoorsaan, Giimii Ukkaamame kan yookiin hin bobaane, yookaammoo hindhaamne garaasaatti guuree yaa’aa nuun jedha ture. Abiddi garaa keessa jiru kun eenyuun akka nama keessa kaa’ame yeroon barachaa ture sanayyuu anaaf gaaffii cimaa ture erga nuun jedheen booda, ittuma fufuutiin giimiin abiddaa nama keessa ukkaamfamee jiru kun lafee namaa kan nyaatuufi dhaabiitti dhiiga namaa kan xuuxudha. Gogaa namarraa kan luqqisuufi akka solloqqee haadha mukaa gagadhiisuutti dhgna namaa kan gargar diigudha. Gaaffiin achi keessaa burqus akka seelii qaama namaa kan lakkoofsaan bira hinga’amnedha. ‘Bishaan hin oofanii, ofiin bowwaa bu’aa’ akkuma jedhan, giimiin ukkaamfamee nama keessa jiru kun utuu hinbeekiin gara waan ta’uu hinbarbaadiiniitti humnaan nama oofa nuun jedhe.

Akka nama qalbiin butamee utuman waan kana wacabbaraa jiruu gidduutti Hambiseen deebiikoo irraanfattekaa naan jette. Anis lakkii hin irraanfanne; garuu ‘giimii ukkaamfame’ keessaan dubbisuu deemen jedheen. Ittuma fufuunis silaallee namni waan garaasaa keessaa yoo hojjete gaariidha; kan garaa keessa humnaan namaa kaa’anii akkasitti hojjedhu, akka kanatti raawwattu malee, abaluun akkas gootu malee, sana dhiistee kana raawwattu malee namaan jedhan sanatu garaa keenyaa keesstti ‘giimii ukkaamfame’ uumee guddina nudhorken jedheen. Garaan keenya qajeelummaa hawwinaan jallina nu barsiisan; guddannee guddisna jennaan, guddaa keenya caccabsani; barannee barsiisna jennaan, sammuu keenya duwwaatti hambisani; kalaqnee agarsiifna jennaan, kalee keenya keessa nutumatani; fageessinee ilaalla jennaan, qaroo keenya dhabamsiisani; kadhannee deebii argannaa laata? jennaan, Waaqa nuwallaalchisani; deemnee lafa yaadne geenya jennaan, danqaraa nujala kaa’anii…kanaafuu deebii quubsaa waan narraa argachuu hindandeenyeef amma Guyyaasaan gaaf tokko siideebisa jedheen yaadakoo gudunfe.

Jaal. Caalaanis gaaffii gaafatameef deebii akka kennuuf dabareen isa qaqqabde. Akka sa’a tokkoo gaaffii Hambiseen gaafatte irratti yaadaa kan ture Caalaan akkas jechuun deebii qopheeffate sana itti hime. Deebiinsaas, Waaqni nama hinjibbine; namnis Waaqa hinjibbine; ‘namatu nama jibbe’ jedhe Caalaan. Ittuma fufee ‘Leenci liqeeffatee nyaatu maal fidee galchaa? jennaan, eenyutu isa gaafata?’ jedhan mitiiree? Waaqni maal godhe jenneetu isa gaafachuu dandeenyaree? nutoo asumatti wal dadhabeeti. Dubbiinoo lagaaf gosaan walqoqqooduu taate. Abalu nama asii yookaan achii, isa goodaa yookaan gubbanaa, warra akkasii yookaan akkanaa, isa amantii akkasii hordofu yookaan isa sanaa, isa laga gamaa yookaan kan gamanaa…utuu jennuu barri lafa kanarratti uumaa biraa nuuf murtoofte sun xumuramaa jirti. Kanaafuu Waaqa nujibbe utuu hintaane, nutu waljibbe jedhee Caalaanis yaadasaa gudunfe. Barsiistuu Hambiseenis deebiin keenya kan ishee quubse ta’uu baatus hanga tokko deebii argchuuf yaalushee hafuura baafannaasheerraa adda baafachuu dandeenyeerra.

Boruunis diimatee laftis dimimmisarraa bariitti harka kennateera. Nutis walfudhannee imala keenya gara lafa dhalootaa gooticha Oromoo Jan. Waaqoo Guutuu-tti taasifneerra. Giimii garaatti nukuufame kanaaf fala barbaacha oliif gadi joorra. Mana itti dhukkubaaf waldhaanaman tokko cina geenyeerra. Gaafa ija olqabannu ammoo ‘Mana Kilinikaa Fayyisaa Dafaa’ jedhamu tokko argine. Anis Caalaanis kilinika kanatti gorree dawwaa giimii keessa keenyaatiif gaafachuu jalqabne. Kilinkicha keessa kan hojjetanis Dr. Dandanaa Barii jedhamu. Waa’ee dhibee keenyaa gadi fagenyaan gaafa ibsinuuf ‘qas qas’ jedhanii kolfa nutti gaggaban. Aniif Caalaan ija keessa wal ilaalleetu, maal goonee? maal dogoggorre laataa? jennee naasuudhaan achumatti hadoodne.

Dr. Dandanaanis lakkii isin homaa tokkoyyuu hinballeessine; garuu waa tokko nayaadachiistani nuun jedhe. Ittuma fufuunis, yeroon dooktorummaakoo Yunivarsiitii Walabummaarraa xumuruuf mata duree waraqaa qorannoo keenyaa galfadhaa jedhamnetti, ani mata duree dhimma isin waliin dhukkubsattan kanan qorachuuf galfadhee ture. Haata’u malee Piroofeeserri Yunivarsiitii sanaa bu’aa argannoo mata duree qorannoo sanaa fuulduratti dursee waan argeef, kun Yunivarsiitii keenya keessatti fudhatama hinqabu naan jedhe. Kanaafan mata duree yeroon itti darbe isa garaa namaa bobeessuuf ukkaamfame onnee namaa nyaatu kana maaliif guurtanii yaatuu? nuun jedhe. Haaluma kanaan dawwaan dhukkuba keessanii kilinika keenya keessa waan hin jirreef mee darbaa barbaaddadhaa nuun jedhe. Nutis kun Kilinka maqaa qofaan irra ba’edha jennee guguungumaa iddoo sanaa baanee qajeelle.

Magaalaa ‘Dirree Dawaa’ keessa darbinee akka kiiloo Meetira 22 erga deemneen booda, Maanguddoo wayyaa adii yookaan gaabii hojjaa isaanii isa meetira afuritti siquun rifeensa mataa isaanii isa gaabii isaanii faana walfakkaatu irraa kooffiyyaa ol qabatanii nagaa nugaafachuuf ariifatan tokkotti baane. Maqaa nugaafatani jennaan itti himne; kan isaaniis gaafa gaafannu, ‘Qaalluu Biyyaa’ nuun jedhan.

Umuriin isaanii waggaa 98 dha. Yaa ijoolleekoo nuun jedhan, nuti OOO jenneen. ‘Mana abbaan gube, dirmannaa hinqabu’ nuun jedhan. Itti dabalaniis ‘dhamaatuun dhama raaftee ro’oo komatti’ nuun jedhan. Yeroof hiika mammaaksa isaanii dugduubatti dhiifneetu waa’ee dhukkuba keenyaa isaan mariisifne. Gaaffii keessan afaan keessanirraa dhaga’uun nanbarbaachisu; bifa keessanirraayyuu nidubbifama; kanaafan mammaaksa sanaan sin simadhe ijoolleekoo nuun jedhan. Yaa Akaakaa keenyaa fallisaa maaliree? jedhee gaafate Caalaan akka jarjaruu tokko ta’eetu. Ammas Obbo Qaalluun ‘hamma farda bira geenyutti, harree yaabbanna’ nuun jedhan. Itti dabalaniis gaaffii isin ijoollummaa kanatti waliin miixataa jirtan kana anis umurii guutuu wajjin gidiramaa ture. Kunoo ammammoo umuriinis sokkitee, humnis na dhumteetan du’a simachaa jira nuun jedhan. Barbareen harkaan dhaaban ija nama gubdi yaa ijoolleeko! Finna lamatu jira nuun jedhan; kunis finna nuti ofiin ofitti finneefi kan jarri nutti fiddedha jedhan. Kanaafuu isa ofiin ofitti fidnerratti jabaattanii yoo walii wajjin hojjettan, isa qaamni biraa isinitti fidemmoo salphaatti qolachuu dandeessuuti kanarra nandudubbachiisinaa ijoolleekoo jedhanii achumatti nugatanii gara qe’ee isaaniitti deebi’ani.

Yaa Caalaa keenyaa ‘abidda rafe huubni to’achuu kajeelti’ jedhan mitiiree? jabaadhu humni nubu’uu hinqabu jedheen jajjabeessuu jalqabe. Caalaan garuu walfaana mammaaksa lama sammuu keessa na buusee achitti nagatee bade. Mammaaksichis: ‘Dhibeen garaa keessaa, dhidhiibbaan irra keessaa’ kan jedhuufii ‘ulaandhula garaa jiru, saani cinaacha arraaba’ jedhani naan jedhe.

Ani Gurmeessan ammoo ‘giimi ukkaamame’ garaatti baadheen qe’ee warra keenyaa utuu hingadhiisin guyyaa oofkaltiikoo eeggachaa beekaaf wallaallaa faana dhimma kanarratti mariisisaan jira!

Beekan Gulummaa Irranaa, beekanguluma@gmail.com,
+251911074437 – Yunivarsiitii Finfinneetti barataa PhD.

Check Also

toophiyaa31

Ethiopian Empire: Socialism and Federalism as Schemes to Avert its Breakup

November 10, 2023 Fatansaa Sulee Shogodoo    The interest of this article is not to do …