Oduu Haaraya

GOCHA TPLF BABALIDHINA AMANITAA FI RAAYYAA ITTISAA

Raayyaa Ittisaa

Farra qabsoo Oromoo gaggeesaa fi laamishesaa jiran akkaminii tohachuu danda’ama? Mootumman kun diinagdee biyyatiin qabdu hundaa kan itti saamitee fi dhangaalaasa jirtu humna qabsoo Oromo dadhabisiisuu irrati dha. Kana moo bifa adda ta’eedhaan.Ummani Oromoo kan beekuu qabu tokko mootummaan kun itti fakkeesee akka waan ummata kanaaf waan garii dalagu fi bu’aa buusuufi itti fakkeesuudhaan lammiidhuma saba kanaa ta’ee akka meeshaati itti gargaramaa jira.Yoo argaa jirtan harki caala diina Oromoo faana bakka adda addaa irraa leenji’anii Oromoo fixaa kan jiru Oromoo dhumma. Kana moo kan ta’uu danda’eef waan xiqqaa tokko itti agarisiisanii tarii maalaqa ykn angoo ta’uu danda’a ittin mookissaa jiru. Namooni mokifammaa jiran kun moo malaqitti ykn angoo sana jechaadhaaf waan Ummani hin barbaanne tokko dirqisiisanii akka fudhatuu godhu ykn moo akka hidhamuu ajjeefamuu taasisu jechaadha. Mootumman wayyanee yeroo ammaa kana bajata dhokisaa kan Raayyaa ittisaaf baasituu caala kan itti ramadee Ummata akka mirga isaaf hin falmanne taasisaa jirtu keesa inni tokko dhimma Amantaa babalisuu irrati. Inni Sadaffaa baala nama addoochuu ykn Jimaa (Caatii) kkf Qeerroo akka sammuun isaa adoodugochaa jirti. Inni dhumaa moo garee Siyaasaafi Isportii adda addaa umitee Sammuun Ummataa himootii kana fakkaatuu irrati yeroo isaa akka dabarsuu kun kanan otuu jiruu moo dhaaboliin kun otuu luka gad hin jabeefatiin diigisisuu fi kkn fakkatuudhaan Ummata qabidee akka feeteti acuucaa fi bitaa jirti.Kan bayye nama gaddisiisuu yeroo ammaa kana Oromia keessati babalidhinni Amanitaa hundaatuu kan ta’ee hin beekinneedha. Fageenya Meetii 1000 ykn km 1 jidduutti Church n, Masqiidini , Bataskaanni kkf ijaaramee jira. Mootummaan kan hojjachaa jiru hordoofitoota miseensa Amanoota kanaa akka wal morkan taasisaa jira. Kana qofa mitti Ummanii Amantoota kanaan akka samuun isaa qabamuu ykn Busy ta’uu, akka dhugaan ykn Waaqin isaan qofa bira jiruu itti fakkeesiisanii Ummanii mana Amantoota kana keessa gad bahee Mootummaa kana falmachuu hin danda’uu. Siriidhummayyuu kan mootummaa jijjirisisuu danda’uu Rabbi nutti calisinnee bitamuu qofa siin jedhu. Egaa isinuma yaadachiisuudhaaf malee wa’een Amanitaa kun Oromummaa ammam akka dagachiisa jiru ni beekituu, mirga isa akka hin falmanne ammam akka gochaa jiru ni beekituu, ammam ummata gargar qoodaa dhufe ni beekituu.

Egaa bu’ura mootumman wayyanee bu’ureeseenPhaaltokii irrat, Radio irrati, amma moo bifa TVdhaan wa’een Amanitaa Oromoo akka babaldhatu gochaa jiru. Mee falimmii Amanitaa ykn wal dorgomii Amanitaa dhiisanii maaf Falmmii enyuumaa isanii maaf hin goonee? Yoo biyya qabatee dha kan amanitaa keef falmituu malee otuu biyya hin qabatiin diina kee faana Mana Amanitaa ijaarachuuf deemita. Yeroo ammaa kana Mana Amanitaa dhiisinaan manuma yeroodhaaf keessa jiraatu kan ijaaratu illee mitti otuu rooroon mootumma abbaa irree Itiyyophiyaa achi jiruu. Guyyaa guyyaa diina kee faana mana sagadaa waaqa kee kadhachaa olta. Halkan halkan moo diini kee Abbaa kee, Haadha kee, Ijoollee kee, fi fira kee si jala haxaa’aa fi ajjeesa jira. Dhaqixeeti moo diina kee wajjin kun hojii Seexanaati jetta.

Hardha inni baratees xiqqoo waa beeku biyya alaa ta’ee, biyya nagaa keessa otuu jiru maalaqa isaa dhaabilee Amanitoota kanaaf ergee babalidhisaa jira. Garuu qabissoon Oromoo maala akka fakkaatu hin beeku. Dhiiginni ilimaan Oromoo gadi dhangala’aa jiru waan tokko itti hin dagahamu. Ta’ee diina isaa faana sagada ykn kadhanaa sobaa kadhachaa jira. Waqayyoo dhufee akka bilisoomisuu barbaaduu? Waqayyotuu isa tokko bilisa baasee isa tokko garbummaa jalatti hambissee? Mee baiyya kamituu kadhaa Waqayyoodhaatin bilisa bahee? Ummata Oromoo milliyyona 50 dhiisinaan biyyi Ummata Milliyyona Tokko hin guunne bilisummaa isaaf falmachaati jira.

Akka natti fakkatutti rakkoon Oromoo rakkoo Amanitaa enyuutuu mitti. Amanitaan abbaa fedhee dhufeefi rakkoo Oromoo hiikuu hin dandaa’uu. Durattis rakko Amanitaa qabaatee hin beeku otuu Tvn Amanitaa hin banamiin, Otuu Radion Amanitaa hin banamiin akkasumas Phaaltokii dabalatee. Kanaafuu rakkon ummata Oromoo abbaa biyyumaa isa dhabuu, mirga isa dhabuu, bahee nagaa galuu dhabuu, lafa isaa irrati nagaa jiraachuu dhabuu, Mirga Afaan isa dhabuu kkf fakkaatuu dha malee, Oromoon Tulluu Irrati Bahee Yoo Waqa Isa Kadhate Waqayyo ni Dhagaha Dirqama Tv Fi Maneen Amanitaa babaldhateefi Mitti. Duraan dursinee mootummaa enyummaa keenya jijiira jiru, qabeenya keenya saamaa jiru, lammii keenya lafa irraa haxaa’aa jiru falmachuutu dursa.

Abbaa gumachaa wanta kanaa baruu yoo barbaaddan link gara olii sanatti kawwame sana banaati share cuqaasa,abbaa waan kana ummataaf gumaachaa jiruus kabajaaf jaalala qabdanuuf asumaan achi irratti dabarfachuu ni dandeessu galatomaa horaa bulaa yoo dubbiftaniif.

Check Also

faannoo

OROMO CIVILIANS CONTINUE TO BE TARGETED BY FANO MILITIA

Amhara Fano continued to attack Oromo civilians. In this latest incident, at least 17 people …