Oduu Haaraya

GOSA DARGAGGOOTA KEENYAA !!!!!!!

Gosa dargaggoota zamana keenya kanaa bakka Afuritti qoodnee laaluu dandeenya.

Gosa 1ffaa. warra haraaraa ( suusii) adda addaatiin rabbiin isaan mokkore.

Gosa 2ffaa.  rabbiin haraaraadhaan isaan hin mokkorre, garuu rqudwaan ( hidhannoon) isaanii warra dhihaati ( west) . Yoo isaan uffatan innis ni uffata, yoo isaan maraatan innis wajji maraata!!! waan isaan achii hojjatan cufa innis asii hujitti hiika!!!

Gosa 3ffaa. rabbiin haraaraa fii akkasuma warra dhihaa hordofuudhaan isa hin mokkorre, garuu rakkinni isaa hamilee hin qabu. sadarkaa amma irra jiru kanarraa gara sadarkaa guddootti dabaruudhaaf hin tattaafatu!!!!

Gosa 4ffaa. gosti afraffaa tun gosa ammaan duraa cufaan adda, jireenya isaa keessatti karoora qaba, akkasuma haqa rabbiitiifii haqa namaatiis ofirraa eega.

Obboleessa kiyya !!!! ati gosa afraffaa kanarraa tahuu qabda. hadaraa hadaraa !!!! gosa sadeen duraa sanirraa hin tahin !!!!!
rabbiin dardara addunyaarratti isa sodaatee Aakiratti JANNATA argaturraa si haa godhu !!!!!!!!!!!!!!!!!

Check Also

toophiyaa31

Ethiopian Empire: Socialism and Federalism as Schemes to Avert its Breakup

November 10, 2023 Fatansaa Sulee Shogodoo    The interest of this article is not to do …