Oduu Haaraya

Guyyaan Gootota Oromoo bara 2015, biyya Norway, Magaalaa Oslotti sirna o’aan kabajameera

Guyyaan Yaadannoo Gootota Oromoo bara 2015 kan Kutaa ABO Scandinavia qopha’ee

Magaala Oslo keessatti haala o’aadhaan kabajameera.

Ayyaanchi kan eegaale sirna simannaa dura ta’aa kutaa ABO Scandinavia, J/Mohammed Ahamed Hajii anaa dhufuu hirmmaattotaa wal gahiif erga godhanii booda yaadannoo jaalleewwaan qabsoo bilisummaa Oromoof waareegamaan daqiqaa tokkof godhameera. Itti aansuun miseensonni ABO kutaa Scandinavia fi hirmaattonni korichaa waalin ta’udhan faaruun alaabaa Oromoo farfamee booda akkuma aadaa Oromootti eebba manguddoota Oromoon sagantaan yaadannoo Guyyaa Goototoa Oromoo eegalame.

I/anaan Hayyu Duree ABO J/Dhugassa Bakakkoo karaa bilbilaan waa’ee seenaa Guyyaa Gootota  Oromoo  fi  bu’aa  wareegamni  Jaallan  keenyaa  aragamsiise  hirmaattoota  wal gahichaaf ibsaa kennanii jiru. Kaayyoon gootowwan keenya irratti wareegaman galma isaan akka hin geenye J/Dhugasaa hirmmaattoota korichaa yaadachiisuun, ABO’n kaayyoo kana galamaan gahuuf amma illee qabsoo hadhooftuu gaggeessa akka jiru ibsaniiru. Dhuma irraatti akkuma bishaan xixiqqoon walitti yaa’uun gaalan ta’u Oromoon bakka jiru waan qabuu fi waan dandeettii isaa waliin qindeeffatuu akka qabsoo ABO gaggeefamu akka utbuu fi tokkommaa isaa tikfatuun akeeka Jaallawan keenya kaleessa kufanii fi hara’a kufaa jiraniif akka galmaan ga’amuuf waamicha dhiyeessanii jiran.

Itti fufuudhaan, J/Jireenyaa Guddataa I/anaan Birkii Jaarmiyaa Biyya alaa, Oromoon malliif Guyyaa Gotootaa Oromo akka kabajuu fi akkeeka Jaallan keenyaa wareegamaniif hirmaatota korichaaf  ibsanii  jiru.  Gootota  keenya  hangafoo  fi  dhaloota  haaraa  yeroo  amma  akeeka qabsoo bilisummaa Oromoo kufaa jiran akka fakkenyaatti kanneen maqaan tarreessuun yeroo ibsanitti, hirmaattonni korichaa jaallan kufan yaadachuun yeroo muraasaa gaadda guddaan guutamanii turan.

Qabsoo  fi  akeeka  haqaa  jaallan  keenya  kufaniif  galii  maayyiin  ga’uuf  waan  dandeenyu hundaa akka gumchuu qabnuu fi Oromummaa irratti of ijaaruun, tokkummaa saba keenyaa tiksuu fi cimsuu irratti akka xiyeeffatamuu qabu J/Jireenyaan   hirmaatotaaf yaamicha dabarsanii jiru. Akkasuma miseensa koree hojii rawachiistuu ABO kan ta’an J/Dr.Dagafaa Abdiisa yeroo har’aa Oromoon lafa isaa qofaatu qircamaa jira osoo hin taane, Oromoo uumatichi akka qircamaa jiru hirmaattota yaadachissuun akka badiinsa uummata keenyaa baraaruuf tokkummaan qabsoo jabeessuu akka qabamu dhaamanii jiru. Hirmaattotni wal gahii kanaa Guyyaa Goototta Oromoo ilaalchisuun bifa marii, gaaffii fi deebiin yaada wal jijjiiranii jiru. Dhaamsa maayiis irraati hirmaattonni wal  gahii seenaa dhugaa fi  Akeeka Gootonni Oromoo kufaniif dhalootaa haaraa akka himamuu fi Oromoon akkeeka kan galmaan ga’uuf jabaannee akka hojjennu ibsamee jira.

Akkeekaa Gootonnii keenyi kufaniif galamaan ga’uuf har’a diina waliin kokkee kan walqabaa jiruu abdii fi gaachana uummata Oromoo kan ta’e WBO’f tinnisni karaa Abba diinagdee Kutaa  Scandinavia  J/Hussein  Ahmed  fi  Jaallee  fi  Artisti  Ilfneesh  Qannoon  hirmaattota korichaa gaafatamee jira.  Alaabaa Oromoo fi huccuu aadaa Oromoo caalabaasii dhiyaatee fi gumaachi  hirmaatoota  irraa  taasifameen  maallaqin  biyya  Norway  18 900  (kuma  kudha saddeetiif dhibba sagal) WBO tinnisamee jira. Akkasumas walaloon Gootota keenya faarsu J/Edoshe Oljirra dhiyaatee jira. J/Tajuddin Hussen walaloon bu’aa wareegamuu jaallan keenyaan argame ibsu dubbisuun, dhaadannooleen hirmaattota onnachiisan dhageesisanii jiru.

Artistoonni beebeekamoon kanneen akka Ilfinesh Qannoo, Hirphaa Gaanfree, Haayiluu Kitaabaa, Muktaar Usmaan fi Tottobaa Taddasaa Gootota faarsaa fi hirmaatota koricha irratti argaman bohaarsaa fi bashannansiisaa bulaniiru.

Gootonni keenyaa warreegaman bara baraan ni yaadatamu!

IUO’f!

Kutaa ABO Scandinavia! Ebla 18,2015

Oslo, Norway

Check Also

walloo

Witnesses say latest ethnic clashes in Ethiopia kill dozens

NAIROBI, Kenya — Witnesses allege that several dozen civilians and fighters have been killed in …