Oduu Haaraya

Haasawa Dr. Ittaanaa Habtee har’a iccitii Obboo Johaar Muhammed jedhee dubbate haasawa mizana kaasu miti.

Haasawa nama baratees hinfakkaatu. Maqa balleessi nama dhunfaa fakkaata. Waan qabsoo sabaaf dubbatamees natti fakkaachuu dide.

Gara jibba dhunfaatti harkaa gadi bu’e fakkaata. Kunis taye sana yeroo yaadni akkasii ka’u namni harka namaa dhayu hindhabamu waan tayeef haasofni isaa namoota hagoo gammachiisun hinhafu. Bara kana osoo seyxaannis as bayee waa dubbate nama like fi share godhu wan dhibu miti.

Waa mee waan hundaafuu wantoota inni kaase haa ilaallu.

1. Johar PLC 23 qabaa jedhe

2. Obbo Jawaari fi Dr. Abiy yeroo tokko wal arganii waliin haasawan jedhe.

3. Johar erga kana godhe qabsoo Oromoo keessa jiraachuu hinqabu.

1.Johar PLC 23 qabaachun osomaa qabaatellee itti xiqqaatan jedha. Nama qabeenna qabutu waan hundatti tola waan tayeef Oromoon biyya ufii keessatti qabeenna horachuun rakkoo wayiituu hinqabu. Asirratti fakkeenya tokko kaasuu barbaada. Bara 2018 qabsaayonni Oromoo hogganoota dhaaba shaniittu biyyatti gale. Hogganoonni qabsoo Oromoo kana keessa namni tokko bakka halkan tokko bulu hinqabu ture. OPDOn hogganoota kana hunda kaan Hotela Giyon, kaan hotela ililly fi kaanis hotela hiltanitti galchitee nutti kolfaa turte. Ani warrota san keessaa nam tokko ture. Yeroma kana hogganoonni qabsoo saba biraa hundi bakka qubatanii fi waan ittiin jiraatan waan qabaniif qaanyiin akka hogganoota keenya xiqqaa ha guddatti mudate isaan irra hin geenye. Fakkeenya warri Ginbot 7 hotelota Dr. Berhanu keessa taa’aa turan. Osoo qabsaayan Oromoo tokko qabeenyaa wayii qabaate qaanyin akkasii sun hoggansa Oromoo irra hingayu ture. Tuffiin warri biyya bulchu hoggansa Oromootis agarsiise achirraa eegala jechuun ni dandayama. Wanttonni biroo akkuma juranitti tayee. Kanaaf, dubbiin Dr. Ittanaan youtube irratti firfirse hinaaffaa isatti bulte calaqisuun ala mizaana takka hinkaaftu. Oromoon Johar PLC 23 qaba jedhee Joharin deegaruu dhiisu hin jiru.

2. Johar fi Dr. Abiy wal dubbisuunis rakkoo takka hinqabu. Maal irratti akka wal dubbisan? Maal irratti akka walif galan? Maal irratti akka waliif galuu dadhaban? Atuu waan hinbeeynef nutti hinhimne. Wal dubbisuun qofti yakka jettee nutti himuu feeta. Kunis mizana killo tokko hinkaasu. Nama qabsoo karaa nagayaa geegesu dhiisi namni qawween wal dhahuuyyu wal dubbisa. Waliif galuu fi dhiisun ka warra wal dubbiseeti. Ati namni waa barate haga tana yaaduu dhabuun keetuu heddu nama gaddisiisa. Haga biyya sana keessa jiranitti Dr. Abiy yoo barbaade J. Dawud Ibsaa fi Dr. Maraaraa Gudinas dubbisuu dandaya. Wanti guddaan maal irratti dubbise? Maal ireatti waliif galan? Maal irratti wal galuu dhiisanidha? Kanaan alatti wal dubbisuun qoftu yakka ta’uu hindandayu. Hoggansi paartii siyaasaa kamuu karra cufatee lalkki ani eenynuu hindubbisu jedhee yoo taa’e hogganummaan isaa maali ree?

3. Johar erga akkana taye qabsoo Oromoo keessaa maal godha ka jetteef eyyama saba ufiitii karaa itti amananiin qabsaayuu namni namaa kennu yokin dhoorgatu hinjiru. Yoo tayes ummata ati qabsooftuf qofa. Johar Muhammed ammoo nama deeggarsa ummata Oromoo sadarkkaa guddatti qabu waan tayeef namni eeyyama( lisence) qabsoo kennuuf yokin dhoorgatu hin jiru. Kunis mizaana wayiituu hinkaasu. Kanaaf, adeeroo obboleessa kee sakaaltee kuffisuuf hirriba hindhabinii akkuma Oromoon ” fardis kunoo laftis kunoo” jedhetti karaa itti amantuun saba keef qabsaayi. Hujiidhan beekkami. Atis yoo danddeette PLC 100 qabaadhu. Namni Oromoo ka siif gammadu malee ka sitti gaddu hinjiru.

Kanuma!

Check Also

faannoo

OROMO CIVILIANS CONTINUE TO BE TARGETED BY FANO MILITIA

Amhara Fano continued to attack Oromo civilians. In this latest incident, at least 17 people …