Oduu Haaraya

Hiriira guyyaa 28.05.2014 magaala Barliinitt​i ta`e – dhaddannoo keenyaa-“W​e have our dead, you have your party”

 

Qeeqannaa ayyaana waggaa 23`ffaa TPLF/EPRDF erga Oromiyaa qabate ilaalchisee

Lammii keenya nagaan haa gayuu

Ayyaana Wayyaaneen waggaa 23`ffaa erga Oromiyaa qabate kabajaatu qeeqachuun, hawaasni Oromoo Barliin, hiriira nagaa kan hatattamaa qindeessuun, guyyaa 28.05.2014 hiriira qindoomiina qabuu magaala Barliinitti baane jira.
Hiriirri kun kann ta`e, bakka „Ethiopian Embassy“ namoota baayee fi „Embassy“ biyyaa adda addaa afeeruun, bashannana qopheessite fuula duratti

Gaaffi mirga abbaa biyyummaa barattoota Oromoo biyyaa keessatti kaasanin kan ka`e, mootumman Wayyaanee (TPLF- ABUT) uumata keenya irratti rasaasaa roobsuun , dhiiga uumata keenya dhangalasaa, kaan hidhaatti guura, garii madeesa, kaan ammo biyyaa baqate akka bayuu goodha jirtti.

Wareegama haalaan baayee ulfaataa ta`ee kana hubachuu fi qabsoo lammiin keenya Oromoon biyyaa keessaatti gaggeessa jiru deegeruun, dhaddannoo ” We have our dead, you have your party” kan jedhuu dureefachuun, hiriira qindoomiina qabuu biyyaa “Germany- Berlin” keessatti baane jira.
Jeechii dhaddannoo keenyaa ” Nutii reeffa keenya qabna, isiin ammoo bashanana keessaan qabduu” jedhee kan ibsuu kun, wayyaaneen ijoollee keenyaa ajjeessaa, bashanana waan gooteef,akka foon ijoollee keenyaa kan warra ajjeesste sana nyaachaa, dhiiga isaanii dhuugaa bashanana jirtutti wan hubanuufi.

Tokkummaan humna
Injifatnoon uummata Oromoof

Koree Hojii Gaggeessitu Hawaasa Oromoo Barliin(KHG-HOB)

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …