Oduu Haaraya

Humni Addaa Qaanqee Bilisummaa Kaaba Shaggar Salaale keessatti humna waraana wayyaanee ummatatti roorrisaa ture irratti tarkaanfii fudhateen kasaaraa guddaa irraan gahe jedha

Godinoota Oromiyaa gara garaa keessatti tarkaanfilee waraana wayyaanee fi farreen QBO ta’an irratti fudhatu jabeessee kan itti fufe Humni Addaa Qaanqee Bilisummaa tibbanas Kaaba Shaggar Salaale Ona Kuyyuu keessatti humna waraanaa wayyaanee poolisoota federaalaa fi waraana irraa ijaaramee Ona Kuyyuu keessa naanna’uun maqaa ABO deggertuu fi WBO gargaartuun ummatatti roorrisaa ture irratti tarkaanfii boombii fudhateen miidhaa guddaa irraan gahuu oduun tarkaanfii SBO dhaqqabe ifa godhee jira.

Humni Addaa Qaanqee Bilisummaa Adoolessa 29,2015 kaleessa Salaale Ona Kuyyuu ganda Saqaa Aqaaqoo bakka addaa Somboo jedhamu Finfinnee irraa KM.195 fagaatee argamutti halkan keessaa sa’aa 9:30 irratti humna waraana wayyaanee ummata irratti haalaan roorrisaa ture bakka inni qubatee jirutti tarkaanfii boombii yeroo gabaabaa keessatti irratti fudhatuun 6 ol yeroo irraa ajjeesu, hedduun isaanii haalaan madaa’uun gabaafameera. Baay’inni loltoota wayyaanee madaa’anii gara fuula duraatti kan adda bahu ta’uunis ibsameera.

Humni Addaa Qaanqee Bilisummaa tarkaanfii boombii yeroo gabaabaa keessatti waraana goolessituu wayyaanee kan ummata naannoo dararaa ture irratti fudhate kun, jalqabatti waardiyyoota diinaa lama waardiyyummaa irra turan dhabamsiisuun sana booda weerara boombii humna diinaa qubatee ture irratti fudhatuun kasaaraa du’uu fi madaa’uu yeroo irraan gahu, kaan bir’annaa guddaadhaan akka faffaca’an mirkanaa’eera. Waytuma kana qawwee wayyaaneen miliishota gandaa akka isaan QBO dura ittiin dhaabbatanii fi ummata ittiin hiraarsaniif hidhachiiste rasaasota waliin irraa hiikuun dantaa QBOf oolchee jira.

Wayyaanotni tarkaanfii Humna Addaa kanatti rifatuudhaan guyyuma sana halkan waraana bobbaasuun Sulultaa, Dagamii fi Fiichee Caagal irratti karaa cufuudhaan sakatta’iinsa jabaa geggeessaa kan turan oggaa ta’u, reeffaa fi madoo isaanii gara Finfinneetti akka dabarsanis bira gahameera.

Murni waraana wayyaanee amma Humna Addaa Qaanqee Bilisummaan haleelame kun poolisoota federaalaa fi waraana dhaabbataa irraa kan walitti ijaarame oggaa ta’u, isaanis guutummaatti Guraagota, Amaarotaa fi Tigroota kanneen Afaan Oromoo hin beekne, ummata Oromoof gara laafina hin qabne akka ta’en beekuun danda’ameera.

Humni diinaa kun erga yeroo dhihoo as Kaaba Shaggar Salaale Ona Kuyyuu dabalatee Onoota godinichaa gara garaa keessa bobba’uun maqaa ABO deggertuu fi WBO gargaartuun ummata Oromootti roorrisaa, qabeenya ummataa saamaa, re’oota ummataa humnaan saamee qalachaa dalagaa gooltummaa ummata irratti raawwataa kan jiru ta’uun ifatti mul’ateera.

Humni Addaa Qaanqee Bilisummaa waraana gabroomfattuu wayyaanee, basaasotaa fi ergamtoota diinaa kanneen farra QBO ta’an hunda irratti bakka barbaachisoo fi kennatoo ta’an maratti tarkaanfii irratti fudhatu jabeessee kan itti fufu ta’uu beeksisee jira.

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …