Oduu Haaraya

Ibsa Adda Bilisummaa Oromoo irraa kenname

 

Ummanni Oromoo abbaa  biyyumma isaa sarbamee impaayera Ethiopia sirna kolonii   

 Habashaa jalatti fedhii isaatiin alatti eega ammatamee eegalee miidhaan gara jabinaa mootummoota abbaa irreetiin walduraa duubaan dhufaniin irratti raawwatamaa ture, arrallee itti fufeetumma jira.

Habaashoonni ummata Oromoo sirna bulchinsa isaa diiganii biyya abbaa isaa irratti eega abbaa ta’anii booda sadarkuma sadarkaan ummata  tooftaata jijjiirachaa ajjeechaa suukaneessaa ,lafa isaa irraa buqqisaa ,jumlaan mana hiidhaatti guuraa qabeenyaa isaas saamuudhaan Oromoo hiyyummaa, deegaa fii gadadoo daangaa hinqabne adda addaatiif saaxilee jira.

Ummatni Oromoo roorroo fi miidhaalee bifa adda addaatiin itti aggaamatamaa ture kana yoomiyyuu fudhatee jilbiifatee osoo hin bulin diddaa fi falmaa qabsoo isaa bifa fincilaa fi jaarmayaatiniis ijaaramee dura dhaabbachuun ummata seenaa boonsaa qabu ta’uu isaa baroota dheeraaf mirkanneessee turullee, arralle gabroofatoota ufirraa buqqisee abbaa biyyummaa isaa deeffachuu hindandeenye.

Hata’uu garuu arra akkuma ijaan arkaa, gurraan dhagayaa jirrutti gabroomfattoonni haarofni tooftaa hammeenya dhoksaa qabuun gurmuu Oromoo diiganii dachii hanga Oromoo harkatti haftellee dhabamsiisuuf humna waraanaatiifi humna tikaatiin qaroomanii qabeenya dachii ummata keenyaa gurguraadhaan horataniin duroomanii gama hundaan nurratti duulanis, gootonni dargaggootaa fi baratoonni Oromoo akkuma abbootii isaanii gootummaadhaanToftaa TPLF maqaa maastar pilaaniitiin Oromiyaa mudhii kutuun Biyyaa addaa tan kununsa habashootaa taatu handhura Oromiyaa keessati biqilchuuf imaamatamee/saganteeffatame dura dhaabbachuu fi falmaa abbaa Biyyimmaa qabsoo karaa nagayaatiin hiriira bayan, deebisaan konoleefataa/TPLF rasaasaa taate osoo hin sodaatin, seenaa qabsoo Oromoo keessatti boqonnaa haaraya saaqan.

Addi Bilisummaa Oromoo Tokkoome (United OLF) gaafii Kaa’immanfi Baratoota  Oromoo gaafii eenyummaa fi Biyyuu, akkasumaas awwaalcha Oromoota kaleessa gaafa gabroomfatoonni handhura Oromiyaa boortaan qubatan murruqii geesisan jaarra kanattiis harayoomsuutti laala.

. • Gochaa maqaa maastar pilaaniin gabroomsaan TPLF saganteeffate,Ummata Oromo Biyya maleeyyii godhuu, Kaa’iman (mata gurra/dhaloota hegeree) kichuu kutuun ummata Oromoo shanyii gabaabsaa, akkasumaas biyya isaa irraa buqqisee galaanafi allatii biyya ormaa nyaachisa jira kan kana godhe sirna imammata policy TPLF hordofu ol’antumma saba tokkoti. Addatti Baratoota Oromoo gaafii karaa nagayaan gaafatan murni gabroomsaan deebii afaan isaa rasaasa godhate, Ummata qaroo maleeyyii taasisuu diinni keenya kaayyeefate waan taheef,  Addi Bilisummaa Oromoo humna qabu hundaa dura dhaabata, qabsoos irrati godhaa akkuma ture daran cimsee finiinsa.

 

 

  • Ummatni Oromoo bakka hunda jirtan , barattoonni oromoo godinaalee adda addaa keessatti argamtan toftaa haaraya maqaa master pilaaniitiin ummata Oromoo hoongessuu, hiyyomsuu fii maayyitti dhabamsiisuuf irratti karoorfatame kana falmachuuf  kallatti Oromiyaa hundarraa kichuu ilmaan keessan (kaa’iman) kanatti makamtanii akka dura dhaabbattan waamicha Oromummaa dabarsina. Ummanni Oromoo iddoowan falmaan qabsoo irrati deema jirtu jiraatan akkuma Ummata keenya jiddu gala Oromiyaa,Amboo, Roobe, gandoota lixa Oromiyaa Gulisoo, gincci, Ayraa, Haramaayaa, Naqamte, akkasuma golee Oromiyaa hunda keessatti  dahoo ilmaan keessanii guyyoota murasa darba  ilmaan keessan diinni gocha suukanneessa irrati hojate akka bineeyyii adamsuuf taatan  Addi Bilisummaa Oromo tokkoome ittin boonees galataa fi ulfina Sabummaas dhaama.  Ummanni Keenya golee Oromiyaa mara keessa jiraattan itti fufaan dahoo ilmaan keessanii akka taatan jabeesinee dhammanna

 

  • Ummatni keenna biyyoota anbaa keessatti faffacatani jirtan akkuma asiin dura godhaa turtan, Dhabama diinni Ummata keenya fi Biyyee Oromiyaa awwaala abboti fi akaakilee saganteefate,  ajjeechaa ,dararaa, beelaa fi hiyyummaa murni konoleefataan TPLF ummata Oromoo irratti bifa haarayaan itti jiru kana mormuufi saaxiluun akka falmaa ummanni keenya biyya keessa itti jiru tokkummaan bira dhaabatan. Qabeenya fi beekkumsaan, danda’amnaan qaamaanis itti makamtanii akka qaama falmaa qabsoo bilisummaa taatan waamicha goona.

 

  • Dhaaboleen Oromoo biyya keessaa jirtan tahee ala, garaagarummaa xixxiqqoo qabdan cinaa kaayuudhaan danda’amu fixachuudhaan, hiree qabsoo boqonnaa haaraya amma daa’iman keenyaan baname kana kununsuun fuula keenya gama tokkummaatti deeffannee akka sochii Baratoota keenyaa kana milkeessinu maqaa qabsaawota oromootiin yaamicha isinii goona. 

 

Tokkummaan Irreen ummataa Oromoo fi qabsawoota Oromoo haa jabaattu.

Gochi diinaa yeroof qalbii keenna cabsa malee lafee keenna nu hincabsu!!

 

Injifannoon Ummata Oromoof!!

Tokkummaan Qabsaawotaa Xurree injifannooti!!

 

Adda Bilisummaa Oromoo

 

Muddee 2, 2015

===============================================================================================Barreessaa Duree ABO:  barreessa.abo@gmail.com

Dubbataa ABO:  abosperson@gmail.com

 

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …