Oduu Haaraya

Ibsa Gamtaa GCW-BBH(AEOFR) irraa kenname

Gamtaa Carraa Walqixxummaa fi Bakka Bu’ummaa Haqaa-GCW-BBH (Alliance for Equal Opportunity and fair Representation – AEOFR)

aeofr

Hundeeffama irra kan jiru gamtaan kun, Dhaabbata Safariom irratti duula banuudhaan imala isaa takka jedhee injifannoon kan eegale, yeroo ammaa damee Oromiyaa dabalatee sabaafi sablammoota akka Affaar, Walaayittaa, Sidaamaa waliin hojjachuu kan eegale akkasumas, saboota carraa walqixaafi hirmaannaa haqa-qabeessa barbaadan dabalaa kan simatu tahee biyya keenya Itoophiyaa keessatti kallattii hundumaan hirmaannaa haqa-qabeessaa fi carraa walqixaa hojiirra akka ooluuf gahee keenya bahuuf humna dargaggeessaa gurmaayedha. Ibsi kun kallattiidhaan Gamtaa AEOFR-Damee Oromiyaa irraa kan kenname yoo tahu, Imala haqa haqaaqame gaafachuun eegalameefi kallattii gara fuulduraa bifa armaan gadiitti gabaabsee tarreessa:

– Imalli haqa haqaaqame gaafatu takka jedhee dhaabbata Safaricom irraa eegale injifannoo-waloo ajaa’ibaa ifatti muldhate argamsiisuun kan eegaleefi injifannoowwan arganne lafarratti akka gadi bu’aniif qindoominnaan hojjachaa jiraachuu yoo ibsinu GAMMACHUU guddaadhaani.

Injifannoo duula Safaricom irratti gaggeessineen argame kan Ummata Oromoo hunda mataa Ol-qabachiise waan taheef, qindoominni keenya humna keenya akka tahe amanuu qofa osoo hin taane waltumsuudhaan tulluun nuti hin sochoofne akka hin jirre kan qabatamaan itti-hubanne akka tahe hedduu keenyaaf barnoota guddaa ta’ee darbeera.

Injifannoo arganne jennu tokko tokkoon maqaa tarreessinee waamuu keenyaan dura waanti qabatamaan lafarratti haa muldhatu jennee waan amannuuf ammatti maqaa waamnee tarreessuu irraa ofqusanneerra.

– Gaaffiin qindoominnaan karaa Safaricom takka jedhee jalqabame kun dhaabilee hedduu keessatti deebii argachuu qaba jedhee kan amanu gamtaan keenya, #AEOFR, damee walfakkaataa Sabaafi Sablammoota Itoophiyaa gaaffii walfakkaataa qaban hirmaachisuudhaan yeroo ammaa gamtaa 4 ofjalatti horateera. Kunis Aadaa, Seenaafi Sirni Gadaa Oromoo kan keessatti dhalannee guddanne kophaatti fayyadamuu, hatuu fi saamuu irraa ilmi Oromoo bilisa tahuu kan mirkaneessu waan taheef, qabatama hawaasa keenyaa ifatti agarsiisa jennee waan amannuuf gammachuu guddaatu nutti dhagahama.

– Imala eegalle qajeellootti lafa qabsiisuu fi hirmaannaa hunda-galeessa tahe mirkaneessuuf, ilmaan Oromoo hundi kallattii Oromiyaa Arfan keessaa, Amantii hunduma keessaa fi Saala lamaan keessaa garee kana keessatti qooda fudhachuudhaan ‘Carraa Walqixaafi bakka bu’ummaa haqa-qabeessa’ akka mirkanaayu gahee isaanii akka taphatan hojiin jalqabame lafarratti gadi bu’ee hojjatamaa kan jiruudha. Kanaanis gamtichi guyyaa kaleessaa Sadarkaa Giddu-galeessaatti ‘Marii Waliinii’ kan gaggeesse yoo tahu karooraa fi kallattii barbaachisaa, akkasumas carraalee jiran irratti mari’ateera.

Marii Sad. Giddu-galeessatti godhame irratti kan argaman Dargaggota ‘Duula Safaricom’ jalqabaniifi finiinsanii ummata kakaasaa turan, akkasumas Ummata Oromoo bakka bu’uudhaan Dhaabbata Safaricom’ dubbisanii gaaffii ummataa kan kan dhiyeessan hundumti keessatti kan hirmaatanii fi kanneen dabalataan kallattiilee Oromiyaa hunda keessaa gamticha bakka bu;aniidha.

Marii waliinii Sadarkaa giddugaleessatti godhame kana keessatti, ‘Gamtaan kun qaama ykn garee siyaasaa kamiinuu akka hin hundaayiin’, ‘Garee ykn qaama Siyaasaa kamirraallee ajaja ykn gorsa kan hin fudhatin akka tahe’, ‘Faayidaa ykn fedhii garee ykn namoota muraasaa ykn naannoo tokkoo eegsisuuf osoo hin taane carraalee waggoota dheeraaf akka sabaatti nutti cufamee ture, qoodiinsa maqaan, sabummaan, tuffatamuu Afaan keenyaafi eenyummaa keenyaa afoo dhaabbachuudhaan ilmaan Oromoo hundi lagaafi gandaan, amantiin, maqaan osoo hin taane dandeettii fi beekumsa qabaniin akka lammii biyya kanaatti carraalee jiran irratti hirmaachuufi irraa fayyadamuu akka qaban faayidaa waliiniitiif waliin dhaabbachuu fi waliif tumsuu qofarratti kan fuulleffate ta’uun waliif galameera.’

– Hojiin ‘Carraa Walqixaa fi Bakka Bu’ummaa haqa-qabeessa’ raawwachiisuu gahee mootummaa biyya bulchuu ta’us, mootummaan itti gaafatamummaa sana waan hin baaneef teenyee komii dhiyeessuu irra beekumsaafi humna qabnuun hamma dandeenyu sirreessuuf yaalii nurraa eegamu taasisuu irratti argamna. Sochii dhaabbata Safaricom irraa tokko jenner eegalle kana qaamni mootummaa kamuu haqummaa gaaffii dargaggootaa ta’uu ni fudhata jennee abdanna.

– Bu’uura heera Mootummaa Itoophiyaa Keeyyata 25 irratti ‘Carraa Walqixaafi Bakka Bu’ummaa haqa-qabeessa’ mirkaneessuuf, qaamni mootummaas tahee mit-mootummaa akkasumas, qaamni dhimmi ilaallatu deeggarsa barbaachisaafi gahee isaan irraa eegamu bahachuudhaan sochii gamataa kana jajjabeessu jennee amanna.

– Imala haqa haqaaqame, gamtaan kun dhaabbata Saafaricom irraatti eegaleen dhaabbatichi rifaatuu hamaa keessa seenuu bira darbee, ‘waadaalee adda addaa kallattiifi al-kallattii hedduu kan seene waan taheef, waadaalee ummataaf seeneef deebii dabalataa kennuuf torbaan kana keessa walgahii marsaa 2ffaa nu waamee waan jiruuf… Carraa Walqixaa fi Bakka Bu’ummaa Haqaa gaafanne qabatamaan lafarratti ummatatti agarsiisuuf xiyyeeffannaan hojjachaa jiraachuu keenya mirkaneessina. Akkasumas, tarkaanfiin itti aanu maal akka tahe dhawatumaan kan wal-yaadachiisaa deemnu taha.

Marii waliinii Sadarkaa giddu-galeessatti godhame kana keessatti, gamtichi siyaasa kamuu irraa walaba tahuu, hordoftoota amantii hundaa hirmaachisuu, kutaalee Oromiyaa hundarraa qooda fudhachiisuu, yoo faayidaan ykn carraaleen kennaman jiraatan ifaatti ilmaan Oromoo ulaagaa guutan dhoorkii tokko malee akka fayyadaman taasisuu. Dabalataanis, Sabaafi Sablammoonni biyyattii hunduu bifa walqixaafi akkaataa heddummina saba isaaniitiin – ‘Carraa Walqixxummaa fi Bakka Bu’ummaa Haqaa’ kanarraa fayyadamoo akka tahan tumsa gochuu irratti gamtaan kun cichoominaan kan hojjatu akka nuuf hubatamu jala-sararree hubachiisuu barbaanna.

– Namoonni Ogummaa adda addaatiin dhaabbaticha keessatti carraa hojii barbaadanii dorgomaa turan, akkasumas dhaabbilee bakka-bu’ummaafi hojiilee adda addaatiif dorgomaa turan, kanneen sababa maqaa, eenyummaafi Afaan isaaniitiif dhiibamanii dorgommiin ala godhaman kallattii adda addaatin Komii dhiyeeffachuufi yoo carraan jiraate hirmaachuuf heddumminaan, namoota gamtaa keenya keessa jiraniif dhuunfaa dhuunfatti gaaffii dhiyeessaa jiru. Gaaffii dhiyaachaa jiru kana dhuunfatti keessummeessuun ulfaataa akka ta’e gamtaan keenya waan amanuuf, wal gargaaruun hojii salphisuuf, bakka barbaachisaa ta’etti miseensota gamtichaaf hojii qooduun hojicha saffisiisuun akka barbaachisu kallattiin kaa’ameera. Gaaffilee dorgommii keessaa dhiibamuufi komii namoonni keenya dhaabbata Safaricomitti dhiyeessuu barbaadan keessummeessuufi qindeessuun barbaachisaa tahee waan argameef, namoonni ykn dhaabbilee ‘Ani/Nuti osoo ulaagaalee barbaachisan guunnuu, muuxannoo gaafatames qabnuu, iddoo ykn hojii sanaaf nama sirrii ta’uu keessan beektanii, garuu maqaa kiyyaaf, eenyummaafi Afaan kiyyaafan dhiibame warri jettan, ragaalee barbaachisoo tahan hundumaa, kanneen Dhaabbatichaaf dhiyeessitanii turtan gara T.E(Email) Gamtichaa: allianceforequalopportunities@gmail.com akka ergitaniifi adeemsa itti aanu obsaan akka hordoftan kabajaan isin hubachiifna. Dabalataanis, kanumaan walqabatee marsariitiin Gamtichaas yeroo gabaabatti kan ifoomu taha.

Gamtichis yeroo yerootti Odeeffannoolee adda addaa hawaasaaf ifoomsaa kan adeemu taha.

Gamtaadhaan haqa keenya gaafanna!

Gamtaa Carraa Walqixxummaafi Bakka Bu’ummaa Haqaa | Alliance for Equal Opportunity and fair Representation – AEOFR | ለእኩል ዕድል እና ፍትሃዊ ውክልና ህብረት

Email: allianceforequalopportunities@gmail.com

Maddi: miidiyaa hawaasaa

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *