Sagantaa fii imaammata siyaasaa jaarmaya KFO
Oduu Haaraya

Sagantaa fii imaammata siyaasaa jaarmaya KFO

Koongireesii Federaalawaa Oromoo KFO

Dhaabni siyaasaa kamiyyuu gaafa hundaa’u sagantaalee gurguddoo dhimmoota Siyaasaa, Dinagdee, Hawaasummaa, Caaseffama Raayyaa Ittisaa, Hariiroo alaafi ollaa, Imaammata adda addaafi kan kana fakkaatan qorannoo hayyootaafi qo’annoo saayinsii irratti hundaa’uun haala Addunyaan keessa jirtuufi qabatamaa Biyyi keessatti qabsaa’an keessa jirtu ilaalcha keessa galchuun Egeree biyyaafi Uummata qabsaa’aniif aarsaa kaffaluun of tahuun dirree siyaasaa seenu jechuudha. Wanti KFOn godhes kanuma. Dirreen siyaasichaa bal’atus dhiphatus KFOn aarsaa kamiifuu of kennee qabsoo karaa nagaa tarsiimoo godhatee halkanii guyyaa hojii qabatamaatti jira.

Mee har’a kanuma bu’uura godhachuun Sagantaa siyaasaa Jaarmiyaa KFO akka armaan gadiitti kutaa kana keessatti isiniif dhiyeessa. Hubannoof dubbisaa, naamusa qeeqa ijaarsaafi yaada kamiyyuu kennuu eegdanii waan isinitti gaaffii uume kaasuu dandeessu. Adeemsa keessa wanti hin fooyyofne hinjiru dhaabni keenya yaadota keessan akka galteetti fudhachuu mala.

SAGANTAA SIYAASAA KFO:

A. KFOn sirni mootummaa federaalizimii dhugaa eenyummaarratti hundaa’e Itiyoophiyaatti akka mirkana’u ni qabsaa’a.

B. KFOn mirgi hiree ofii ofiin murteeffannaa uummata Oromoo akka kabajamu ni godha.

C. KFOn sirni paartii hedduu (multi-party system) fi dimookiraasii dhugaa biyya kanatti akka dhugoomu ni qabsaa’a.

D. Sabaaf sablammoota lakkoofsi isaanii muraasa ta’ee naannolee biroo keessa jiraatan mirgi namoomaa fi dimookiraasii isaanii akka kabajamuu ni taasifama.

E. Hooggansa KFOtiin mirgi namoomaa, uummamaa fi dimookiraasii ni eegamu (kabajamu).

F. Lammiileen hunduu seera fulduratti wal qixa. Kun akkuma jirutti ta’ee dhimmi lammiilee biyya alaa ilaallatu seerota ba’aniin kan gaggeeffamu ta’a.

G. Lammiileen, saalaan, umuriidhaan, ogummaasaa fi ilaalcha siyaasa isaaniitiin dhiibbaan kamuu osoo irratti hin godhamiin mirgi bilisummaadhaan ijaaramuu isaanii ni kabajama.

H. Qaamoleen haqaa dhiibbaa qaama mootummaa hojii raawwachiiftuurraa bilisa ta’anii akka hojjatan fi qaamoleen mootummaa hunduu aangoo fi itti gaafatamummaan isaanii murteessuuf qaamolee mootummaa sadan gidduutti sirna inni tokko isa biraa to’achuu danda’u (check and balance) caaseffamni mootummaa akka jiraatu ni godhama.

I. Dhaabbilee ijaarsa sirna dimookiraasiif barbaachisan jechuun boordii filannoo, komishii mirga namoomaa, dhaabbata abba gaarii uummataa, dhaabbilee sabaa himaalee (media) fi waldaaleen sivilii bilisummaan akka hojjatan taasifama; eegumsi seeraas ni godhamaaf.

J. Hojiin mootummaa loogummaa siyaasaa kamirraayyuu bilisa akka ta’u godhama. Walitti hidhamsi hojii paartii siyaasaa fi mootummaa kan dhorkamedha.

K. Boordiin filannoo, abbaan alangaa, dhaabbanni abbaa gaar uummataa, Komishiniin farra malaamaltummaa, dhaabbanni tikaa nageenyaa biyyaalessaa, dhaabbileen haqaa dhiibbaa siyaasa paartiileerraa bilisa ta’anii hojjatu.

L. Afaan Oromoo Afaan Amaaraan walqixa Afaan hojii mootummaa Federaalaa akka ta’u godhama. Jaarmiyaan siyaasaa kamiyyuu gaafa hundaa’u sagantaalee gurguddoo dhimmoota Siyaasaa, Diinaggeey, Hawaasummaa, Caaseffama Raayyaa Ittisaa, Hariiroo alaafi ollaa, Imaammata adda addaafi kan kana fakkaatan qorannoo hayyootaafi qo’annoo saayinsii irratti hundaa’uun haala Addunyaan keessa jirtuufi qabatamaa Biyyi keessatti qabsaa’an keessa jirtu ilaalcha keessa galchuun Egeree biyyaafi Uummata qabsaa’aniif aarsaa kaffaluun of tahuun dirree siyaasaa seenu jechuudha. Wanti KFOn godhes kanuma. Dirreen siyaasichaa bal’atus dhiphatus KFOn aarsaa kamiifuu of kennee qabsoo karaa nagaa tarsiimoo godhatee halkanii guyyaa hojii qabatamaatti jira.

SAGANTAA DINAGDEE:

A. KFO sirna gabaa bilisaa dorgommii irratti hundaa’e ni mirkaneessa.

B. Lafti qabeenyaa uummataa ta’a. Sirni bulchiinsa isaa seeraan murtaa’a.

C. KFO tooftaa qonna ammayyaa babal’ isuudhaan biyyi keenya dinagee industiriin durfamuutti akka ceetu deeggarsa barbaachisu hunda ni taasisa.

D. Mootummaa Federaalaas ta’ee mootummaan naannoo Oromiyaa haala jireenya uummata keenyaa fooyyessuuf uummanni keenya oomisha qonnaan akka of danda’u taasisuus deeggarsa hin qusatamne ni goona. Mootummaan qonnaan bultootaaf deeggarsa barbaachisu ni taasisa.

E. Lammiileen dandeettii fi ogummaa isaaniitiin gosa hojii barbaadanirratti akka hirmaatan mirgi isaanii nikabajamaa.

F. Investimentii biyya keessaas ta’ee biyya alaa ni jajjabeeffamu. Ta’us abbootii qabeenyaa biyya keessaf dursi ni kennama.

G. Maqaa Inveestimeentiin lammileen jireenya isaaniirraa hin buqqifamani. Mootummaan lafa ynk iddoo sana faayidaa uummataaf yoo barbaade beenyaa ga’aa kenneefii lafa biraan osoo bakka hin buusiiniif lammileen hin kaafaman (hin buqqifaman).

H. Dhaabbileen gargaarsaa mootummaas ta’ee miti mootummaa sadarkaa addunyaas ta’ee biyya keessa biqilaan deeggarsi isaan taasisaan ni jajjabeeffama. KFOn hojii misoomaa akka hojjataniif haala mijataa ni uumaaf.

I. KFOn kufaatii gatiis ta’ee qaala’insa ittisuuf tarsiimoo misooma dinagdee sirrii fi madaala eegu danda’u ni karoorsa.

J. KFOn naannoo horsiisee bultootaafxiyyeeffannoo ni kenna. Horsiisa beelladootaaf haala mijataa uumuu fi oomishi isaanii akka guddatu gochuun fayyadamtoota akka ta’an ni taasisa.

SAGANTAA HAWAASUMMAA:

A. KFOn aadaa fi Seenaan uummata Oromoo bal’inaan akka qoratamanii fi dagaagan ni taasisa.

B. Uummanni keenya doofummaarraa walaboomee humna hoomishaa ta’uuf manneen barnoota akka babal’atan ni godha. Qulqullina barnootaafisxiyyeeffannaan addaa ni kennama. Bilisummaan sirna barnootaa ni eeggama.

C. Hojii dhabdummaan akka hir’famu fi dhabamu KFOn cimee ni hojjata. Waajiraalee mootummaa keessatti lammileen dandeettii fi dorgommii qofaan hojiirratti akka bobba’an ni taasifama.

D. Giddu galeessi dhaabbilee fayyaa, hospitaaloonni, kilinikoonni, fi buufataaleen fayyaa itti dhiyeenyaan uummata akka tajaajilan mirkaneessun guutummaa biyyaattiti akka babal’atanii fi tajaajila qulqullina qabu akkakennaan ni taasifama. HIV/AIDS fi dhukkuboota daddarban irratti hojiin addaa akka hojjatamuuf xiyyeeffannan ni kennama. Qorichoonni sammuu adoochaan fi fayyaa uummataaf balaa ta’an akka hin babal’anne KFOn to’annoo barbaachisan akka taasifamu ni godha.

E. KFOn balaa uumamaas ta’ee namtolcheenakka hin uumamne of eeggannoon dursaa akka godhamu ni taasisa.yoo mudates deeggarsa barbaachisa ni godha.

F. Mirgii fayyadamummaa maanguddootaa fi qaama miidhamtootaa ni eeggama.

G. Lammiilee qaamaanis ta’ee sammuudhaan ga’umsa qaban uumuun akka danda’amuuf iddoowwan bashannanaa fi iddoowwan oolmaa ispoortii guutummaa biyyatti keessatti akka babal’atu ni taasifama. Ispoortessitootaafis deeggarsi barbaachisu ni taasifamaaf.

H. Eegumsa qabeenya uumamaa fi kunnuunsa xiyyeeffannaa addaa kennuun hojiin naannoo misoomsuu fi eeguu bal’inaan adeemsifama.

I. Industirii turizimii guddisuun galiin isarraa argamu akka dabalamu gochuuf tattaaffiin barbaachisu ni godhama.

J. Baay’inni uummataa guddina dinagdeebiyyaa wajjiin walmadaalee akka guddatu qusannaan maatii karoora irraattihundaa’e akka jiraatu KFOn jabaateet hojjata.

K. Bilisummaan amantaa ni kabajama; amantiwwaan dhiibbaa mootummaarraa bilisa ta’u. Amantaan hojii mootummaakeessa hin seenu. Mootummaan hojii amantaa keessa hin seenu.

L. KFOn walqixxummaan dubartootaa akka dhugoomu jabaatee hojjata; dubartoonni mirga walqixxummaa fayyadamanii ijaaramuu akka danda’an. Kanaanis siyaasaan dinagdeeni fi hawaasummaan dhiiraan walqixa hirmaannaa fi fayyadamuummaan isaanii akka jiraatu deeggarsii barbaachisaa ta’e akka taasifamuun ni godhama.

M. Dargaggoon waldaadhaan ijaaramanii biyyaaf ga’ee isaanii akka gumaachaan ni taasifama. Karaa waldaa isaaniitiin ga’eegara fulduraatti dhaaltummaa biyyaa isaanii taphachuu akka danda’aniif deeggarsi barbaachisu ni godhamaaf.

SAGANTAA RAAYYAA ITTISA BIYYAAFI HUMNA POOLISII:

A. Biyyattiin raayyaa ittisa biyyaa humna biyyattin madalawaa ta’e mana maree bakka bu’ootaan murtaa’u ni qabaata. Haalli itti filatamaniis madaala hirmaannaa sabaa fi sablammootaa bifa bu’uureffateen ta’ee sadarkaa barumsaa fi ga’msa dandeetti qofa giddu galeessa kan godhateen ta’a.

B. Hojiin raayyaa ittisa biyyaa inni guddaan daangaa biyyaa kabajchiisuu yoo ta’u yeroo barbaachisaa ta’e hojii misoomaarratti kan hirmaatu ta’a.

C. Raayyaan ittisa biyyaa mootummaan’ naannoo yoo gaafate malee dhimma naannoo keessa hin seenu.

D. Poolisiis ta’ee raayyaan ittisa biyyaa ilaalcha siyaasaa kamirraayyuu bilisa ta’a.

E. Sadarkaa mootummaa federaalaatti humni poolisii ni ijaarama.

F. Naannoleen humna poolisii mataa mataa isaanii ni ijaarratu.

G. Adeemsi Poolisiin mootummaa federalaa poolisii naannolee wajjiin qindoomiinhojjatan ni diriirfama; raawwiin isaa seeraan murtaa’a.

SAGANTAA IMAAMMATA ALAA

A. Biyyi keenya biyyoota olla wajjiin akkasumaas biyyoota idile addunyaa wajjiin qunnamtii gaarii akka qabaatu ni taasifama. KFOn qunnamtiiwwan humnoota alaa kamiyyuu wajjiin godhu qabsoo uummanni Oromoo wal qixxummaa isaaf taasisuu fi faayidaa biyyaalessa giddu galeessa kan godhate ta’a.

B. Seeroonni Idile addunyaa Itiyoophiyaan fudhattee fi mirkaneessite qaama seera biyya keenyati.

HARIIROO PAARTILEE WALDAALEE SIIVIILII:

A. Faayidaa uummata Oromoo kabajchiisuuf dhaabbilee siyaasaa karaa nagaa fi seeraa qabsaa’anii fi waldaalee hawaasaa (siviilii) wajjiin qabsoo uummata keenyaa waltaanee galmaan ga’uuf wal deeggarsa barbaachisu ni taasisa.

B. Saboota cunqursaan walfakkaataa irra ga’e wajjiin walitti dhufeenyi cimaan akka jiraatu ni godhama.

C. Warreen mirga abba biyyumma Oromoo fudhatanii walqixxummaa dimookiraasii sabaa fi sablammootaa amananii fi ijaarsa sirna federaalawaa dhugaa fi hojiirra oolmaa isaatiif dhugaadhaan qabsa’an humnoota dimookiraasii biyyatti wajjiin walitti dhufeenyaan wal gargaaruu fi qindoomin uumuun waliin hojjachuun akka danda’amu ni taasifama.

Maddi; Sagantaa siyaasaa KFO

Check Also

wbo 3

Ololli WBO irratti Oofamu haa Dhabbatu!

Hubataa Dubbii tiin Qabsoon Oromoo tooftaa hundatti dhimma bahuu qaba: Qabsoo nagaas, kan hidhannoos. ABOn …

Leave a Reply

Your email address will not be published.