Oduu Haaraya

Ibsa Ijjannoo Miseensota Kallacha Walabummaa Oromiyaa (KWO/OIF), Afrikaa Kibbaa

Nuti deegartoonni fi miseensonni dhaaba Kallacha Walabummaa Oromiyaa Afrikaa Kibbaa, Magaalaa Darban keessa jiraannnu Hagayya 30 bara 2015 magaalaa Darban keessatti walitti dhufuudhaan haala Qabsoo bilisummaa Saba Oromoo fi Walabummaa Oromiyaa kan dhaaba keenya KWOn huggganamu irratti maree bal’aa erga godhanneen booda, murtiilee fi kutannoolee armaan gadittti kaawaman sagalee guutuudhaan dabarfannee jirra.

  1. Jijjiirrama hundee kan dhaabni keenya KWOn Jila Qabsaayotaa seena qabeessa kan Adoolesssa 20-31  bara 2015 adeemsise irratti godhe hunda mamii tokkoon malee hamilee guutudhaan fudhachuu keenna ni mirkaneessina. Murtiile dhaabni dabarse hunda hujitti hiikudhaaf wareegama barbaachisu cufa baasuf qophii ta’uu keennya ni addeesina.
  1. Hujiin mooraa qabsoo bilisummaa Oromoo haaromsuu fi humneessu hunda dura hundee qabsichaa jabeesuu  fi kaayyoo ifaa fi fedhii ummata keenyaa irratti hundaaye qabatanii qabsaayuu nama gaafata waan ta’eef, dhaabni keenya Kallachi Walabummaa Oromiyaa, bilisummaa Saba Oromoo fi walabummaa Oromiyaa mirkaneesuu kaayyoo masakaa godhatee maxanfachuu isaa gammachuu ol’aan simanna. Kaayyoo dhaaba keenyaa kana galammaan gahuufis dirqama dhaabni keenya nutti kennu hunda fudhannee hujiitti hiikuf qophii ta’uu keenna ni mirkaneesina.
  1. Hacuuccaa fi gidiraa diinni ummata keenya irraan gahaa jiru hundeedhaan buqqisuuf  filmanni jiru Oromoon garaa hiruu dhiisee karaa isaa aanjawe hundaan wal gurmeessee gootummaan gabroomfattoota haleelun ufirraa kaasuu qofa akka ta’e hubannee qajeelfamaa fi ajaja dhaabni keenna nutti kennu hunda raawwachuudhaaf waadaa galla.
  1. Diinni keenna dhufaa dabrraan maqaa misoomaatiin ummata keenya lafa isaa irraa buqqisee hiyyomsaa har’a gaheera. Gochaan abaaramaan ummata lafa isaa irraa kafaltii gahaan maletti buqqisuu kun gadaa sirna abaaramaa mootummaa wayyeenee kan yeroo kamiituu caalaa hammaatee ittti fufee jira. Gaafiin lafaa fi gaafiin sabootaa gaafii cunqurfamtoota hundaatti. Kanaaf, haga gaafin ummataa kun deebisaa qubsaa argatutti dhaaba keenna KWO jalatti gurmaayudhaan qabsoo hadhaawaa geegsuuf murteefannee jirra.
  1. Kaayoo gootonni keena hangafootin qabsoo fi goootonni barattonni Oromoo irratti wareegaman galmaan gahuuf hoggana keena B/G/ Kamaal Galchuu jalatti hiriirree haga dhumaatti qabsaayuf murteefanne.

 

Oromiyaan Ni Walboomti !

Injifannoon Ummata Oromof !

 

 
 

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …

One comment

  1. Waan Johannesburg irraa hundeedhaan salphina gandummaa gonfattanii ari’amtaniif ummata Durban gowwoomsuuf yaaliin gootan kan oolee buluu miti.
    Ilmaan Oromoo Durban jiraatan gaafii tokkummaa maaliif akka murni Tamaam baqatu ykn dheessu gaafatanii deebii akka dhaban maddi oduu keenna nuuf mirkaneesseeti jira.
    Dambaliin Tokkummaa yeroo gabaabdutti akka yartuu fi dhiphoota Ilmaan Oromoo Lagaa fi gandaan qooduu hawwan hawwii qofatti akka hambisu mirkanaayeeti jira.
    Tokkummaan Ilmaan Oromoo cimee haa dagaagu!