Oduu Haaraya

Ibsa Miseensota Adda Bilisummaa Oromoo Godina Awurophaa.

 

Guyyaa 24-02-2015

Nuti miseensoni Adda bilisumma oromoo godina Awuropha hala dhiyenaa kana matan motummaa wayyannee kan ta.e abbay tshayen dhamsaa karoora abbotii isaa kan duguggaa sanyii Genocide Ilmaan oromoo irraati  labsuu isaa irraa kan ka,e nutis akka miseensota Adda bilisummaa oromoo fi akka lammii oromoo tokkoti dhamsaa kena Hawaasa oromoo hundaaf ibsina. Ilmaan oromoo guyyaa gabrumaa jalati kufaanii kaassee halkaani fi guyyaa  baddaa fi gammoojii  roba fi aduu osoo hin jedhiin qabsoo saba isani galmaan gayyuuf diinaa mirgaa isaani sarbe kufaa fi kufisaa jiru.

Dhumaa bara 1980 keessaa ergaa ummaanii oromoo sirnaa gabrofatuu  Habashotaa jalatii kufee kaassee sirnii habashotaa kun oromoo fi oromiyaa dhabsiisuf jechaa dhagaan isaan hin fonqochiin hin jiruu haa ta,uu malee  akkuma minilikii abbotaa kena Harkaa Muree fi Ayyota Harmaa mure  oromiyaa dhunfatee sabani kena akka  sirnaa isaa kan ta,ee sirnaa Gadaatin akka of hin bulchiinee godhaamee jira. guyyaa saan irraa  kaassee ummaani oromoo qabsoo isaa  halkaani fi guyyaa godhaa tureen oromiyaa fi oromumma akkasumas afaan oromoo akka afaan barnoota ta,uu godhee jiraa haa ta,uu malee haali ammaan kana sirna abbaa irree waayyaanneen godhamaa jiruu maqaa dimookrasii jalatii dhokachuundhan oromoo fi oromiyaa dhabamsiisu ta,ee jira  .   Akkuma bekamuu Yeroo ammaan kana maqaa Master plani Finfinnee  jedhuun gabromfatuun waayyaanne lammiillee oromoo 2,000,000 olitii lakkayyaaman dachee abbaa isaani irraa buqisuuf  halkaanif guyyaa kara daballootaa fi jaledhaan isati fayyaadamuun  saba kena dachii umaamaan rabbiin isani kene fi  irraati umaamani  irraa jiraata turan   sababaa maqaa maste plani finfinnee jedhuun buqisuuf karoorfatuun ishee bekamaa dhaa. sabaabuma kanan kaan waal qabatee bara 2014 keessa Oromiyaa godinallee addaa addaa keessatii dura dhabanoo Hawaasnii oromoo keessatu baratooni oromoo godhaaniin batalumaati baratooni oromoo 70 ol ta,an   gara lafinaa tokkon malee rasaasa wayyanneetiin yeroo ajjeefaman  kaneen dhibaa heduutii lakkayyaman maneen hidhaa wayyaane bakka addaa adda keessatii daraaramaa jiruu .

Kaneen dhibaa hedutii lakkayyaman biyyaa abbaa isaanii irraa baqachuun hirbataa qurxxumii  fi gammoojjii sahara keessatii lubbun isaani baha jiraa. Mootummaan gabroftuu Wayyaanee karooraa fi imaammata Abbootii isaa  irraa dhaale oromoo fi oromiyaa balleessuf waggoota 23 dabraniif dachee oromoo kaneen akka Boolee Bulbulaa, Laga Xaafoo, Aqaaqii, Sabbataa, Sulultaa, Buraayyuu fi kkf irraa qotee bulaa Oromoo buqisuun Dachee  ilmaan oromoo sammuun gurgurataa fi hirataa as gahee jira,  ilman oromoo sirnaa wayyaannetiin mormaan maqaa addaa addaa itti mogaasuun hidhuu ajjeesuu fi biyyaa abbaa isaani irraa baqqachiisuun har’a gahee  jira.

Akkasumas magaalale akka Diree Dawaa fi Awadaay  federala jala galchuun guyyaa borutiif akka isaani mijayuutii tolfataa jiruu. Akkasumaas saba fi sablamotaa naannoo oromiyaa qubataan saba oromoo waalin waalitti busun dachee oromoo mure saba biratif akka kena ture ni yaadatama ,Akkumaa yeroo ammaan kana magaalaleen Nannoo finffinnee jiraan federala jalatii deebi,u qabaa jedhani duguggaa sanyii Genocide saba oromoo  irraatii rawwaata jiru,  har,a bule boru  Baddiyaalleen Nannoon Diree Dawaa fi Awadaay jiraan akka  federalaa jalatii deebi,u  jette TPLF  laabsuun ishee waan hin oledha ,Bifumaa kanaanis Oromiyaa kukutaani  balleessuun akka karoora  gabrofatuu wayyaannee TPLF  ta,ee sabni  oromoo hundii isaa akka hubatuu qabuu jala saraaree saba oromootif  dhamna. Sabni oromoo biyyaa fi biyyaa omba keessaa jiratuu  harkaa waal qabatee sirnaa nama nyataa wayyaanee kan duguggaa sanyii ilmaan oromoo irraatii rawwata jiruu  kana duraa dhabaachuun  akka master plani wayyaanne kun akka hujiitti hin hikamneefis warreegamaa barbaachiisuu akka bahu qabu asumaan  hubachiifnaa, dhaboleen maqaa siyaasa oromoo badhaatani jiraan hundii isaani tokkummaan akka sirnaa Namaa nyaata wayyaanee kana irraatii xiyyeefataan  Akkasumas waan harkaa qaban hundan  akka wayyaannee irraati tarkaanfi fudhataanis isaan  gafan. dhumaa  iraatii  dhamsaa ilmaan oromo guttu adunyaa irraa jiran hundaaf .

1 Nuti miseensoni Addaa bilisummaa oromoo  Godina Awurophaa hanga oromoo fi oromiyaan  bilisomtuuti warregamaa nura egaamu hundaa hamaa warregamaa lubutii bafnee  mirgaa saba kena kabachisuuf qophii dhaa.

2 waldaallen Hawaasaa oromoo guttu  Adunyaa irraa jiran tokkummaan ka,ani akka master planiin wayyaanne  kun hujii irraa hin olee mormii isaanii akka  dhageesiisan gafana.

3 waldaan Dargaggootaa oromoo kan guttu Adunyaa irraa jiruu murtii gahaa  fi sirnaa qabeessa ta,e akkasumas hama warregama lubutii akka of qopheessuu qaban gafan.

4 waldaan  amaantallee oromoo hundii  Islaama, Kiristanaa , Waqeefana  wangeelaa  fkk  tokkummaan ka,ani akka  master planiin kun hujii irraa hin olee mormii isaanii akka dhageesisaan gafana.

5 dhaboolleen siyaasa oromoo kaneen biyyaa keessaa fi ala tokkummaan akka masterpilani wayyannee kana dura dhabataan gafana .

6 waldaallen Dubartoota  oromoo kara daandaayamee hundaan akka maste planin wayyanne kun hujii irraa hin ollee dirqamaa oromumma isaani akka bahan gafana.

7  dhumaa irraatii hawaasnii oromoo guttu Adunyaa irraa jiru  humnaa. daandetii fi qabenyaa isaattin akka  Adda bilisummaa oromoo B-G- Kamaal Galchutiin hoganamuu biraa akka dhabatan maqaa miseensotaa Adda Bilisumma Oromoo Godinaa Awurophaatiin Gafana.

InjjiifanoonUmmataOromoof                                               MISEENSOTA ADDA BILISUMMAA OROMOO ABO GODINA AWUROPHAA                                                                                                                 

            

                            

 

 

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …

2 comments

  1. Yaadni keessan gaariidha. haata’uu malee Oromoon kan Habashaan cabe 1980 keessa turee? mee irra deebi’aa ilaalaa. moo yeroo itti Kamaal waa’ee Oromoo dhaga’e eegaltaniiti?
    barruun keessan illee Jabina hin qabu akka nama harkisuufii namatti dhaga’amutti barreessaa
    Galatoomaa

  2. maal Hogganni keesan waan darbe haa dhiifu jedhaa hinturee? Amma immooHabashaa fi Minilikiin balaaleffachuun erga G7 isiin gatee fidatanii? Amman booda sobaan essa ga`uun hin danda`amu. Yoo uumataati makkamuu barbaadan “ethiopia” keessan dhiisati bilisummaa Oromiaaf qabsoofna jedhaa labsaa. Hanga isiin “tokkummaa Itiyoopyaa ” tikisiina jetaniiti uumata waliin wal-ta`uun isinti cimti.