Iccitii Abukaatootaa kana beektuu Laata??! (criminal defense)
Uummata Oromoo Maraaf, Keessumaa Ammoo Maatii Sabboontoota Mana
Hidhaa Jiraniif!
Mootummaan Wayyaanee sabboontoota Ilmaan Oromoo Kumoota hedduun
lakkaawwaman Kaampilee waraanaa, manneen hidhaa biyyattii Danuu
keessattii fi Iddoolee dhoksaa hedduu nama itti dararan keechatti
hidhuun miidhaa qaamaa qalbii irraan gahaa tureera, ammas kanuma
jabeessee itti fufee jira.
Sirni Saamtootaa kun Ilmaan Oromoo Hidhee dararaa jiru kana keessaa
muraasa isaanii ykn kan lakkoofsan baayyee xiqqoo ta’an fakkeessiif
“Mana Murtiitti”idhiheessaa jira.
Namoonni manneen hidhaa adda addaa keessatti mankaraaraa jiranii fi
darbee darbee mana murtiitti fakkeessiif dhihaatan kun irra jiraan
isaanii ykn gutuumnmaa gutuutti karaa jechuun danda’amuun humna
ittiin Abukaatoo dhaabbatanii falaman hin qaban.
Irra jiraa isaaniif ykn guutummaatti kan hidhamtoota kanaaf Abukaatoo
dhaabu mootummuma isaan hidhe kana. Gaafii Ijoon as jira….. Dubbii
ijoon Abukaatoonni mootummaadhan hidhamtootaaf dhaabbatan kun eenyu
isaan kan jedhuudha…? Abukaatoonnii kun irra jiraan isaanii ifaa fi
dhoksaatti namootuma sirnicha waliin hidhata guddaa qabanii fi
Basaastoota Wayyaaneen bobbaaftudha.
Miseensa sirnichaa ta’an malee heyyamni hin kennamuufi. Hojii
basaasummaa guddaa sirnichaaf hojjetaa jiru.
Ilmaan Oromoo sabboontoota polisiin Reebee ykn tumee ragaa wayiituu
irraa dhabe maqaa abukaatoo dhugaa isaanii falamu fakkaatanii
iccitii sabboontoota tokko -tokko maqaa “Ani abukaatoo kee waanana
ta’eef iccitii kee na hin dhoksin” jedhuun raga adda addaa irraa
guranii wayyaaneef dabarsanii kennuun ilmaan Oromoo caalaatti akka
murtiin dabaa irratti murtaayee barootaaf manneen hidhaa adda addaa
keessatti manakaraaran ykn ajjeefaman ta’aa tureera, ammas akkasuma.
Kanaafuu Abukaatoonni antummaa ummata Oromoo qaban hin jiran jedhamuu
baatuus irra jiraan isaanii miseensoota wayyaanee basaastoota
sirnichaaqf hojjetan waan ta’eef of eggannoo cimaadhan itti
dhihaachuun baayyee barbaachisaadha.Yoo danda’ame ammoo Abukaatoo
Wayyaaneen basaasummaa leenjiftee namatti bobbaaftu dhiisanii osoo
Abukaatoota antummaa ummata Oromoo qaban, kan dhugaaf hojjetan
barbaadanii dhaabbatanii bareeda ykn dansaadha!