Oduu Haaraya

Iccitii Abukaatootaa kana beektuu Laata??! (criminal defense)

Iccitii  Abukaatootaa kana beektuu Laata??! (criminal defense)

Baarentuu Gadaa Irraa//

Uummata Oromoo Maraaf, Keessumaa Ammoo  Maatii  Sabboontoota Mana
Hidhaa Jiraniif!

Mootummaan Wayyaanee  sabboontoota Ilmaan Oromoo Kumoota hedduun
lakkaawwaman Kaampilee waraanaa, manneen  hidhaa biyyattii  Danuu
keessattii fi  Iddoolee dhoksaa  hedduu nama itti dararan  keechatti
hidhuun  miidhaa qaamaa qalbii irraan gahaa tureera, ammas kanuma
jabeessee itti fufee  jira.

Sirni Saamtootaa kun  Ilmaan Oromoo Hidhee dararaa jiru kana keessaa
muraasa  isaanii ykn kan lakkoofsan baayyee xiqqoo ta’an fakkeessiif
Mana Murtiitti”idhiheessaa jira.

Namoonni  manneen hidhaa adda addaa keessatti mankaraaraa jiranii fi
darbee darbee mana murtiitti fakkeessiif dhihaatan kun  irra jiraan
isaanii ykn gutuumnmaa gutuutti karaa jechuun danda’amuun  humna
ittiin Abukaatoo  dhaabbatanii  falaman hin qaban.

Irra jiraa isaaniif ykn guutummaatti kan  hidhamtoota kanaaf Abukaatoo
dhaabu  mootummuma isaan hidhe kana.   Gaafii Ijoon as jira….. Dubbii
ijoon  Abukaatoonni  mootummaadhan  hidhamtootaaf dhaabbatan kun eenyu
isaan kan jedhuudha…?  Abukaatoonnii kun  irra jiraan isaanii  ifaa fi
dhoksaatti namootuma sirnicha waliin  hidhata guddaa qabanii fi
Basaastoota Wayyaaneen bobbaaftudha.

Miseensa sirnichaa ta’an malee heyyamni hin kennamuufi.   Hojii
basaasummaa guddaa sirnichaaf hojjetaa jiru.
Ilmaan Oromoo  sabboontoota polisiin Reebee ykn tumee ragaa wayiituu
irraa dhabe  maqaa abukaatoo dhugaa isaanii falamu fakkaatanii
iccitii sabboontoota tokko -tokko maqaa  “Ani  abukaatoo kee waanana
ta’eef iccitii kee na hin dhoksin” jedhuun  raga adda addaa irraa
guranii wayyaaneef dabarsanii  kennuun ilmaan Oromoo caalaatti akka
murtiin dabaa irratti murtaayee barootaaf  manneen hidhaa adda addaa
keessatti manakaraaran ykn ajjeefaman ta’aa tureera, ammas akkasuma.
Kanaafuu  Abukaatoonni antummaa ummata Oromoo qaban hin jiran jedhamuu
baatuus irra jiraan isaanii miseensoota wayyaanee  basaastoota
sirnichaaqf hojjetan waan ta’eef  of eggannoo cimaadhan itti
dhihaachuun baayyee barbaachisaadha.Yoo danda’ame ammoo Abukaatoo
Wayyaaneen basaasummaa leenjiftee namatti bobbaaftu dhiisanii osoo
Abukaatoota antummaa ummata Oromoo  qaban, kan dhugaaf hojjetan
barbaadanii dhaabbatanii bareeda ykn dansaadha!

Check Also

faannoo

OROMO CIVILIANS CONTINUE TO BE TARGETED BY FANO MILITIA

Amhara Fano continued to attack Oromo civilians. In this latest incident, at least 17 people …