Oduu Haaraya

“SHIROOTAA FI IMPAAYEERA HIWAATOOTAA IJAARUU”

HUNDEE  GAADDISAA (2006)    kutaa 1ffaa:

Ebla 28, 2014

Biyya Itoophiyaa jedhamtuf, warri  Imimmaan naachaa cobsan , Qileetti ishee oofaa jiraachuu guyyuu argaa fi dhaga’aa jirra. Gaaffii Ummatootaa Ukkaamsuun eessaanu nama hin ga’u.warri kaleessa “Ahaadaawwii mangist” jedhanii eenyummaa Ummatootaa haalanii ol aantummaa saba tokko fudhachiisuuf hojjataa turan dhiisaatii, wayyaaneen Sirna Fedaraalaa Ummatootaaf fide jedhee of dhaadhessu iyyuu, Ibidda seenee, waan ta’u wallaalaa jira. Osoo qalbii nagaa qabaatanii kana irraa baratan. Qalbiin Ummatootaa hangam jabaachuu dhufu hubaan. Sirnoota duraanii fi ammaa gidduu abshaalummaa fi gawwamsaa jiru hubachuu isaanii hubatu turan. Ummatoonni qalbiin isaanii sadarkaa irra jiru hubatanii karaa qajeelaa irra bu’u turan . garuu hin taane. Qalbiin Ummatootaa fi wayyaanee gargar deemu asi irraa hubachuu dandeenya. Wayyaaneen Fincila Barattoota Oromoo Bara 2000 bifa haaraan qabsiifameen rifate, hanga har’atti rifaatu keessaa hin baane. Kanaaf nama haqa isaa gaafate, ajjeessuun furmaata jedhee guyyuu dhiiga Ilmaan Oromoo dhangalaasaa jira.  Itti dabalee haala Filannoo bara 2005 wal qabatee mormiin hundee isaa raase hundi walitti ida’amee, hanga har’atti, wayyaanoota yaaddoo jabaa keessa galchee jira.

Wayyaanoonni addatti “HIWAATONNI” rifaatu guddaa keessa seenu irraa, badii dhiifama hin qabne hojjachuuf dirqamaniiru. Kunis, Sabboonummaan Ummatootaa dagaagaa dhufe, hegaree keenyaaf yaaddoo guddaadha jedhanii shiroota adda addaa gaggeessuuf,addatti, bara 2000 kaasanii sochiin itti jiran, dhaloota isaanii dabalatee balaatti isaan oofaa jira. Hiwaatoonni Maal gochuu barbaadu ? haala akkamiin of baraaruuf deemaa jiru ? Maaliif toftaa amma itti jiran baafatan ? karoorri yeroo dheeraa fi gabaabaa jedhanii qabatan maalii ? akkamiin hojii irra oolchuuf yaalan ? dhuma irratti maal irratti uumaa jira ?  boruu maal gochuuf yaalaa jiru ? mee kana gaggabaabseen hubannoof akka tolutti kaasa. Keessattu dhalooti har’aa fi borii waan kana hubatee, karaa isaaf mijatu hundaan dura dhaabbachuu akka qabu akeekuun yaala.

Wayyaanoonni karoora sabboonummaa Ummatootaa hankaaksanii of jala galchuu kun, sagantaa bal’aa fi yeroo keessa odoo itti hin dammaqamiin kan ittiin injifachuu baraadaniidha. wanni gadi jabeessinee hubachuu qabnu, Shiroota har’a sadarkaa Mootummaatti gaggeeffamaa jiran kan qindeessanii fi Angoo irra turuuf karoora hammeenyaan guutame kan baasan maadhee Hiwaatootaati. Warri kaan dhimma raawwachiisuu qofaadha. Hiwaatootaan ala kan jiran daboo ba’uu malee, shirri gaggeeffamu maaliidhaa ? dhumni shiroota kanaa maalii ? bifa kamiin gaggeeffamaa ? kan beekan hin jiru. shirri kun garuu boruu akka isaaniinu fudhatee deemu hin beekan. “Abiyoot lijochuwaan tibalaallachiin” bara dargii mammaakame, Bara wayyaanee kana dachaan dabaleera. Shiroonni ta’e jedhamanii of baraaruuf gaggeeffamaa jiran garuu, Biyyattii balaa keessaa ba’uu hin dandeenyeef saaxilaa jira. Balaa Biyyatiitti dhufaa jiru kanaaf jennee, sabummaa keenyaa fi dachee keenya hin dhabnu. isaan of olchuuf shira ittiin nu dhabamsiisanii bal’ifatanii jiraataniif hojjachaa jiran. Nuutii ammo kana of irraa dhaabuuf sochiin taasifnu hundi kan isaaniin kan gitu ta’uu qaba. Waan dirqamnee itti seenaa jirrudha. “KARAA CABE HAA DHANGALA’UU”n, shira kana of irraa qolachuun murteessaadha. Kana gochuu hanqannee teenye wal ilaallaan , wanni goonu miti, wanni hawwinu hin jiraatu hubadhaa !!!!!!!!!!!!!!!!!!

Hiwaatoonni waggaa 50f Biyyatti Bulchuuf karoorfachuu ifatti dubbataa jiran. Waggaa 22 nu bitanii , waggaa 28f nu bituuf ammoo, karaa Karoora Magaalaa Finfinnee waggaa 25 keessatti dhugoomutti qabatanii nutti himaa jiran. Hiwaatoonni Sabboonummaa Ummatootaa dagaagaa dhufetti gammadoo miti. Addatti Sabboonummaan Ummata Oromoo fi OPDO keessati dagaagaa dhufe , yaaddoo cimaa ega itti ta’ee bubbuleera.  Kanas Manneen hidhaa Oromiyaa keessatti Maallaqa Biyyoota alaa irraa liqeeffatanii ijaarsiisaa jiran , kan ajjeesanii fi Biyyaa yaasan irraa kan hafe, achitti naqanii Sabboonummaa Ummata kanaa dhaabuun karoora isaanii tokko yennaa ta’u, sabboonummaa OPDO keessaa bara 2004  sabni kamuu miseensa OPDO ta’uu ni danda’a jedhanii ega mirkaneessanii kaasee , shira kana hin jedhamne gaggeessaa jiran.

  1. KAROORRI HIWAATOOTAA ADDA DURAA MAALII ?

Karoorri isaanii adda duraa Impaayeera isaanii ijaaaruudha. Impaayeerri kun Ol aantummaa Hiwaatootaa fi waa’eellan isaanii kan keessatti mikaneessan qofaa odoo hin taane, tikifamuudha. Magaaloota dhalattoota isaanii heddumminaaan qubachiisanii, wiirtuu Dingdee qabatanii, Magaalaa sana keessatti akkamitti akka of tiksanii fi mormii kan itti kaasu akka hin jiraanneef hojjachaa jiru. kanaaf ammoo Magaaloota tarsiimoo isaaniif toltu filatanii keessa qubataniiru. Karoorri isaanii kun bara 2000 asitti haa jabaatu malee, Bara Bosona jiranii kaasanii waan yaadaniidha. Kana dhugeessuuf ragaalee hedduu kaasuun ni danda’ama. Impaayeera saamichaa ijaaruuf, toftaan Ummatoota ittin dagna jedhanii qabatanii dhufan, Sirna Fedaraalaati. Amma Ummatoonni waan haaraa kanatti madaqanitti, isaan suduudaan saamichatti bobba’an. Akka malee tujaaran. Kana booda Impaayeera isaanii Dingdeen tu’achuuf sochii eegalan. Kana hundaa mirkaneeffachuu fi of tikisuuf ammo humna waraanaa , Polisaa fi tikaa akka barbaadanitti ijaaran. Qophii akkasii keessa odoo jiranii Fincilli Barattootaa bara 2000 isaan rifaasise egalame. Amma yaada isaanitti kan dhufe, Impaayeera Hiwaatootaa kanaaf yaaddoon Sabboonummaa Ummatootaa akka ta’etti fudhatan. Gama tokkon eenyummaa keessan guddisaa, ofiin of bulchaa jedhu. Gama tokkon ammo sabbonummaan kana irra dabarraan nu gaaga’a jedhanii daangeessu.

  1. IMPAAYEERA ISAANII  DHUGEESSUUF TOFTAA AKKAMII FAYYADAMU ?

Mahaandisni shiroota kanaa akkuman dursee dubbadhe, Hiwaatoota. Karoorri isaan qabanii fi Ihaadeeg qabu garaagari. Karoorri Ihaadeeg har’aa, karoora Hiwaatootaa dhoksaan hojjatame raawwachiisuuf irra keessa  ka lallabama.  Karoora kana tarii Namoota bi’aadeen keessaa aantee Hiwaatootaa ta’an yoo beekan malee, warri kaan waan beekan hin qaban. Karoora qaban kana raawwachiisuuf murteessaa jedhanii kan irratti hojjatan, Humna waraanaa tu’achuu, Dingdee biyyattii tu’achuu, Humna Tikaa dhunfachuu , Humna Polisaa tu’achuu, Humnoota mormitootaa hunda laamsheessuu, saboota gaaffii kaasan tarkaanfi irratti fudhachuu, Biyyaa baasuu , Beektoota bakka dhabsiisuu kkf tokko lama jedhanii irratti hojjataniiru. Ummatoota Bifa akkasiin cabsinee bara baraaf jiraanna jedhanii itti ifaajjaa turan, Ummatoonni bakka bakkaa itti finciluun karoora biraaf isaan afeere. Yaadi isaanii Sabboonummaan Ummatootaa akka ol hin kaaneef tu’achuudha. Kanaaf Hiwaatoonni dhaabbilee Ihaadeegiif, mirga qaban Xaasaan SAFAREE qoodeef. Yoo daangaa kennameef irra dabree, dachee nyaachisan.

Sabboonummaa Ummatootaa kana dura dhaabbchuun gama tokkon balaa Ulfaataa akka itti fidu hubatanii , shira bubbulee Ummatoota miilaa fi humna jalaa fuudhu jedhanii yaadan lafa keeyyatan. Kunis, hanga adeemsa siyaasaa Biyyatti geeddaru kan ga’uudha. Kunis tartiiba tokko kaasanii tarrifatan qaban. Toftaan isaanii kun, odoo ilaalcha Ummataa ykn Ummatoonni odoo irratti hin xiyyeeffannee, waan hojii irra oolu gaggeessuudha. Kunis sababaa adda addaan gaggeeffama.

2:1- SABBOONUMMAA UMMATOOTAA KOLAASUU-DHABAMSIISUU:-

Sabboonummaa Ummatootaa dhaamsanii , Ilaalcha ofii barbaadanitti Ummata harkisuuf shirri gaggeessan Daangaa hin qabu. Shirri kun hundi kan raawwatamu toftaalee adda addaanidha.Sabboonummaan Ummata tokko waan irratti hundaa’u qaba. Sabboonummaan Oromoo, Oromummaa isaa irratti hundaa’a. Oromoon tokko dhiigaan Oromoo ta’eef, Oromummaa ykn Sabboonummaa qaba jechuun hin danda’amu. Namni Ulaagaa Oromummaa fi Sabboonummaa guute tokko gonkumaa diinaaf jilbeeffate hin jiraatu. Gaaffii mirgaa gaafachuu fi falmachuu irraa hin dhaabbatu. Kana akka hin taaneef waggaa 150 oliif , Ulaagaa Oromummaa fi Sabboonummaa nu keessaa baasanii kan isaanii nutti guutuuf carraaqan. Hiwaatoonnis shira Impaayeera isaanii barbaaru jedhanii kan karoorfatanii itti jiran kanuma. Sabboonummaan ykn Oromummaan, Mirga Umamaaf Falmachuu, Eenyummaa fi maalummaa saba ofiif dhaabbachuu, walii gala Mirga Abbaa Biyyummaa umamaan qaban deeffachuuf falmachuu irra taree, waan ofiitti boonuu fi ittiin jiraachuun mirkanaa’a. kun Hiwaatootaafis ta’ee , sirnoota dabaraniif gonkumaa hin liqifamu. Kanaaf hammeenya hojjataa jiran.

Hiwaatoonni , Sabboonummaa Ummatootaa ega dhabamsiisanii booda, kan gochuu barbaadan, Itoophiyaa Impaayeera Hiwaatootaa Amaareffaan jiraattu uumuudha. Gama kanaan Hiwaatoonni kan hojjatan kaasuun yaala.

=Qooqaa fi Daangaa Ummatootaa irratti waan hojjatamaa jiru.

Sadarkaa Biyyaatti yoo ilaallee, Sirna Fedaraalaa Naannoolee 9 fi Bulchiinsa addaa 2n gaggeeffamu keessatti hammeenyi hojjatame kanaaf ragaadha. Mootummaan Fedaraalaa , Ummatoonni Kibbaa , Gaambeellaa , Beenashaangul, Dirree Dawaa, Naannoo Amaaraa , Guutummaatti Afaan Hojii isaanii Afaan Amaaraati. Naannoolee keessaa , Oromiyaa, Tigiraay fi Ogaadeen qofaatu Afaan dhalootaan hojjataa jira. Shirri maqaa misoomaa fi waan adda addaan dhihaataa jiru kana dhugeessuu hammata. Hiwaatoonni shirri gaggeessan akka hojii irra ooluuf, sababaa adda addaan hojjatan.Ogaadeen keessatti Ummati Ogaadeen Somaalee Itoophiyaa, Itoophiyummaa isaatti boonuudha jedhanii bal’inaan irratti hojjachaa jiru. Lammiilee garii Lammiileen walii galuuf Afaan kana barbachuu qabdu jedhanii jala deemtoota siaanii Angoo irra naqan sammuu geeddaranii jijjiirsiisaa jiraachuu dhaga’amaa jira. Har’a Magaalaa Finfinnee maqaa misoomaan qabamee kan gaggeeffamaa jiru, Magaaloota Finfinnee marsanii jiraniif yaadamee odoo hin taanee, amma Maqaa misoomaan walitti makuu , boru ammoo suuta Bulchiinsa harkaa fuudhanii  Afaan hojii fi kanneen biroo geeddaruudha. Toftaan kun hanga Km 45ttii kan bal’atuudha. Karoora lammaffaan kan jiru ammoo , Magaaloota Oromiyaa keessaa saboonni Biroo keessatti heddummaatan, fkn, Jimmaa, Shaashamannee, Naqamtee, Baahir daar, Amboo kkf magaaloota addaa jedhanii Fedaraala jala galchuuf keewwatanii jiru. kan hedduu nama raaju, yaadi isaanii Finfinnee babal’isuu kun Namoota Magaalaalee Bulchan saboota biraan jijjiiruuf yaaduudha.

Anga’oonni OPDO akka kumaa faa’aa, har’a mormii Ummataa kana fashalsuuf karaa TV asi ba’anii lallabaa jiran, kaleessa Bulchiinsa Finfinnee keessatti sagantaa hiwaatootaa kana rawwachiisuuf waan fedhan hojii irra oolchaafii kan ture, Magaalaa Finfinnee keessatti qofaa, Lammiilee Hiwaatootaa fi waa’eellan isaanii kuma 500 ol ta’an , manneen dhuunfaa kaasee hanga caasaa ijaaramaniin Mana kondimiyemii akka rgatan kan taasise, kana raawwachiisuuf Ilmaan Oromoo kan buqqise, har’a Namni Oromoof dhimmu yoo jiraate, sagantaa Finfinneef qabane deeggaruu qaba !!! jedhee dhaadata. Kumaan Mataa isaa aantee Hiwaatootaa Afaan Oromoon hojjatuudha. Magaalaan Finfinnee Amma ijaaramaa jirtu Dizaayinii Hiwaatootaa fi chaayinaan akka ta’ee fi meeshaalee Teekinooloojii nageenya isaaniif gargaaru waliin akka hojjatamaa jiru keessa beektoonni ni dubbatu. Akkaataan qubannaan isaanii mataa isaa, Finfinnee keessatti waa tokko illee akka isaan hin mudanne, Qabeenyaan isaanii akka gaaritti itti tikifamu kkf waliin kan ijaaraa jiraaniidha. Kana dhugeessuu kan barbaadu ijaarsa Finfinnee keessatti raawwatame qoradhaa . Egaa shirri jireenya ofii tolchee kan isanii laamsheessuu kun, Magaalaa Finfinnee amma jirtu keessatti dhibbaa dhibbatti rakkoo malee jiraachuu, Magaalaalee ishee marsanii jiran keessatti ammoo, harka 80 mirkaneessuudha. Asi irratti gadi jabeessinee kan hubachuu qabnu, Magaalaa Finfinnee Maqaa Misoomaan waan maraan geeddaruuf toftaan karoorfame kun, Oromoon tole akka hin jenne odoo beekaniiti. Waajjira Mootummaa Naannoo Oromiyaa fi teessoo waajjiraalee Oromiyaa Adaamaatti geeddaruuf sochiin ifatti taasisan maal akka hordofsiisee waan beekaniif, amma Abshaalummaan dhihaachaa jiraachuu hubachuu nu feesisa.waan kaleessa yaadan bifa biraan garuu waan yaadan lameenuu ergaan takkaa raawwachuuf yaadu isaaniiti. Waldaa Maccaa fi Tuulamaa dhabamsiisuu eegalee , ibsituu eenyummaa Ummata kanaa Ukkaamsuun hundi kan hammataman Oppireeshinii Sabboonummaa Ummata kanaa cabsuu keessatti ilaalama. Jarri karaa dheeraa deemu hin dagatiinaa . jabiina keenyaaninis waan dura dhaabbanne hedduu qabna. Sagantaan isaanii karaa kumaantama ta’ee, keenya mormuu irratti qofaa hundaa’uun , har’a akka yaannutti nu tarkaanfachiisuu dhiisuu ni mala. Bor garuu kana irra akka hammaannu sochii har’aa irraa hubachuu ni dandeenya.

Heera Mootummaa Biyyatti keessatti, Oromoon Finfinnee keessaa bu’aa addaa ni qabaataa jedha. Amma garuu faallaadha. Finfinnee miti, Magaaloota Finfinnee marsanii jiran keessattu dhimmi Oromoo bakka qabaachuu akka hin dandeenye waan hojjatamaa jiru irraa hubachuun nama hin dhibu. Kanatu dhaloota har’aaf qophaa’aa jira. Shirri Sabboonummaa Ummatootaa addatti Oromoo dhabamsiisuu , Miidiyaa wayyaanee Biyya keessaa hundaa fi Artiistoota bifa Holly woodn ijaaraamaniin gaggeeffamaa jira. Akkamitti ? shirri nu irratti gaggeeffamaa jiru, sadarkaan isaa akka qoosaatti kan ilaalluu miti. Ta’ee jedhamee toftaa humnoota alaa Addunyaa ittiin tu’atan galagalchanii kan itti fayyadamaa jiraniidha. Kana dhaabuuf jabiinaa fi lubbuu keenya qaalii hanga wareegutti of laannee kan itti hojjachuu qabnuudha. Maal gochuu qabna ? kanas barruu kana keessatti ni ilaalla. Kutaa 2ffaan itti fufa.

GALATOOMAA !!!!!!!!!!

About bilisummaa

Yaa rabbii ilmaan Oromoo haqa garsiisi warra haqa isaa ka dhabe karaa haqaatii fii gootummaan ifirratti falmatee deeffatu godhi!! Baha, Dhiha, Kaabaa fii kibbatti sagalee keenya tokko nuuf taasisi yaa waaqa!!

Check Also

Waraana calqaba isaa malee xumurrii fi ittibahinsi isaa hin beekamne – Oromoon maal godhuu qaba?

Berhanu Hundee Waraanni amma garee seeraa fi heeraa ala mootummaa Federaalaa ofiin jedhu fi mootummaa …

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *