Oduu Haaraya
iid mubaarak

Iid mubaarak

Assaalamaaleykum waraatuulaahi
Wabarakaatuu namoonnii
Amantaa muslimaa hordoftaan
hundumtuu
Ilmaan oromoo
Harka fuune
akkaam nagaa
Jirtuu…………….. .

Eid mubaarak
~~~~~~~~
Baga ittiin sii gahe
Jedhaa wal ebbiisaa
Guyyaa kabajamaa
Tau wal barsiisaa
Waggaa male hin dhifuu
Afoo wal jechisisaa
Bara gammaachu kana
Waliin daddabarsaa
Manattii wal waamaa
nyaadhaa wal nyaachisaa
Dabareedhaan deemuun
Dhugaa wal dhugsiisaa
Yoos sumaaf mijaattii
Yoos sii gammaachisaa

Ayyaana waggaatii
Kan bara dheeraatii
Eidal faxiriidhaa
Kam bara 1436ttii
Ayyaanaa ulfaataa
Soomana baatitii
Sawaabaan yoo taes
Kan akka jabaatii
Kan waa hundi dadhabee
Jabaa akka tasaatii
Dhagaa caccaabseetuu
Muuka jiidhaa gogsatii
Namarra ka.amee
Mohachuu dadhabee
Ofiif mohatamtii
Soomana ramadaanaa
Jabaa akka tasaatii
Ummatatu mohaate
Injifaannoo galmeesiitii
Rabbii sii gargaaree
Waan qabde jabeesiitii
Itti fufii
Waan sawaabaa tau beekitii

Dheebootan olee jettee
Sammuu kee hin jeeqiin
Beelawaan oole jettee
Garaa kee beeleessiin
Dafeetuu sii gahaa

Buna wal waammadha
Waliin dhugaa maaloo
Waluu mararfadhaa
Wal jallaadha tasa
Asiidi leessaanitii
Du.ai kadhadhaa
Akkaa buqqaate badduuf
Rabbiin itti qadhadhaa
Namaan wal hin tuqinaa
Du.ain mohadhaa
Injifannoo dhugaa
Seerumaan goonfadhaa
Kuni dhaamsa keenyaa
Gorsa isa dhugaadha.

Obboolawwaan oromoo
Warren amantaa biraa
Ayyaannii keessaan
Nuuf ayyaana keenyaa
Ayyaannii keenyaa
Isiif keessaanii
Baga waggaa lakkoofsiftaan
Isiin hundi keessaanii
Nu waliin as gahuun
Hedduu ittii boonaanii
Isiin nuu jiraadha
Baruma baraanii#2

Maatiillee ebbiisaa
Warreen biyya alaa
Fagaadhe jettaanii
Hin baasina amala
Jennaanni milaa
Jaraa jalaa
Ittii hin qoosiinaa
Bareechaa dawwaadha
suuta jedhaa ilaalaa
Jennaatal firdoosiin
Dhiiheeffaadha halaalaa

Qopheessaan Sabaan-boon Firrisaa
(Ahmad biyyaa….

Check Also

abuna sawiroos

Gaaffilee bu’uraa ummata Oromoo fii Sabaaf Sa-blammoota Ortoodoksii

1. Abboota Afaan, aadaafi Safuu ummata keenyaa beekaniin yaa tajaajilamnu 2. Durii Kaasee Manni Kiristaanaa …