Oduu Haaraya

Ilmaan Oromoo Galmee Malkaamuu Kinfuu Jalatti Himataman Guyyaa Hardhaa Mana Murtiitti Akka Dhihaatan Beekame !

 

#RDH Adoolessa 25 2009

Ilmaan Oromoo galmee Malkaamuu Kinfuu jalatti shororkeessummaan shakkamuun hidhamanii jiran guyyaa hardhaa mana murtiitti dhihaatanii akka turan gabaafameera.

Dhaddacha yeroo darbee irratti Manni murtichaa du’aa fi haala du’a dargaggoo Ayyalaa Bayyanaa irratti, manni sirreessichaa ragaa qabatamaa akka dhiheessuuf ajaja dabarsee turuun isaa ni yaadatama.

Haaluma kanaan bakka bu’aan mana hidhichaa ragaa hospitaala waliigalaa mana hidhichaafi xalayaa bulchiinsa mana hidhichaarraa barreeffame mana murtichaaf dhiheesseera. Kunis:

☞ Ayyalaan kutaa wal’aansa ilkaaniitti yaalamuu isaa. Gaafa 11—11—2009 gara Hospitaalichaa gaafa dhufu, maddi isaa lamaan irra mallattoon dhiita’uu irraa akka mul’atu, dhiita’uu maddiilee isaaf sababa kan ta’e, ilkeen isaa kan hubamuun nyaatame akka buqqa’eef, qorichi farra baakteeri’aa karaa hidda dhiigaatiin isaaf kennamuu isaa, hogguu ijummoon qilleensa dabarsu cufamuu fi yeroo itti hammaatu, gaafa 14—11—2009 gara Hospitaala Miniliyeemii Paawuloositti riifeeriin isaaf barreeffamuu isaa.

☞Dhumarrattis Ayyalaan Hospitaala waliigalaa mana hidhichaa keeysatti wal’aanamee fooyya’uu waan dhadhabeef, gara Hospitaala Miniliyeemii Paawuloositti ergamuu, yaalamaa osoo jiruu gaafa 16—11—2009tti lubbuun isaa dabaruu, haati manaa isaa aadde Salaamii fi obboleessi isaa dhukkubsachiisaa akka turan, erga du’ee boodas, qorannoo reeffaa ilaalchisee gara Koomishina Poolisii Magaalaa Finfinneetti akka geeffamee fi bu’aa isaa Manni murtichaa Koomishina Poolisii Poolisii Magaalaa Finfinnee akka gaafatuuf xalayaa isaarratti ibseera.

☞ Abukaatoo himatamtootaa kan ta’e, Obbo Wandimmuu Ibsaa Aadde Salaam dhaddacha irratti waan argamtuuf, dhimma kana irratti haa dubbattu jechuun yaada kan kenne tahus, Abbaan Alangaa garuu “haala du’a himatamaa irratti ragaan Hospitaala irraa dhihaate gahaa dha. Seenaan biraa yoo jira jedhame of danda’uun, dhaddacha biraa irratti komee dhiheessuu danda’a. Dhimma kana irratti bu’uurri seeraa akka haati manaa isaa dhaddacha irratti dubbattu taassisu hin jiru.” Kan jedhe yommuu ta’u, Himannaan Ayyalaa irratti banames akka addaan citu gaafateera.

Obbo Wandimmuun, haati manaa Ayyalaa akka dubbattuuf kan barbaade, xalayaa bulchiinsi mana hidhichaa dhukkubsachiisaa turte waan jedhuuf, isheenis dhaaddacha irratti waan argamtuuf, gama isheetiin waan jiru osoo dubbattee, dhimmicha qulqulleessa yaada jedhu qabatee akka ta’e ibsuun, haalli du’i himatamichaa ragaa qabatamaan hin mirkaneeffamiiniin, gaaffiin himannaa Ayyalaa addaan haa citu jedhu fudhatama hin qabu jechuun dubbataniiru.

☞ Himatamtoonni lama dhimma kana irratti akka kanaa gadiitti yaada kennaniiru:

☞” Dhiheenyatti Ayyalaa waliin kan ture Nu dha. Dhukkubni Ayyalaa dhukkuba ilkaanii tahus, afaaniif funyaaniin dhiigni bahuu eegalee ture. Gara Kilinikaa hogguu deemamu Parastaamoolii kennuuf. Rifeerii jedhamuun wal’aansaaf hogguu deemu, Orraantii isaarratti Shororkeessummaa kan jedhu waan irra jiruuf, gara mana yaalaatti osoo hin geessiin deebisu.

Haalaan dhukkubsatee Rifeer yoo jedhame, gara baka Rifeer jedhamuutti kan geeffamu, torban tokko faa erga darbee dha. Manni sirreessichaa gaafatamuu dha qaba.”

☞”Ilmi Namaa bilaashatti hogguu kufu akka laayyootti ilaalamuu hin qabu. Ayyalaan kan miidhame wayita Maa’ikelaawwii turetti. Reebicha Maa’ikelaawwiitti nurratti raawwateen hundi keenya miidhamneerra. Dhukkubsattoota taaneerra. Komii dhiheeffachuuf irra deddeebinee hogguu gaafannu, callisaa nuun jettu. Haala callisneeni du’aa kan jirru. Callisnee du’uu keenyarra dubbannee duuna jenneeti dubbachaa jirra. Nuti Gara mana murtiitti kan dhufnu, Manni murtichaa dhimma keenya qoratee murtee kenna jennee ti. Haa ta’u malee adeemsa murtii keeysatti qaamni jidduu seenee nu ajjeesaa jiru jira. Namni kamuu dhukkubsatee ni du’a. Waan barbaachisu isaaf guutamee yoo du’e du’a seera qabeessa dha. Obboleessi keenya kun dhukkubsatee wal’aansa dhabuun,, maatii osoo qabuu, kunuunsa dhabuun isaatiin du’e. Obboleessi keenya waan argachuu qabu waan sarbameefi dha kan du’e. Namoonni du’aaf isa saaxilan dhihaatanii murteen haa kennamu. Ani wal’aansa argachuuf hogguun gaafadhu naaf hin heyyemamu. Yoon mana yaalaa deemuuf gaafadhu na deebisu. Dacheen si nyaachisa jedhameera. Dachee nyaachuu koorra jedhee yaalii gaafachuu dhiiseera. Hatattamaan akka wal’aanaman rifeer jedhamuun, gara bakka rifeer jedhamanii osoo hin geeffamiin baatiilee 4 fi 5 warri tursiifaman jiru. Dubbachaa duuna jenneeti.”

☞Dhaaddacha guyyaa hardhaa irratti abbaan seeraa, xalayaan manni sirreessichaa ergee fi ragaan mana yaalaa mana hidhichaa irraa ergame, haala ajaja manni murtichaa dhaddacha darbe irratti ajajeen, haalaa himatamichi itti du’e waan hin ibsineef, ajaja biraa kennuun barbaachisaa ta’uu isaa ibsuun, yaada dhihaate irratti dabaluun guyyaa boorii murtee kennuuf guyyaa boorii sa’a 3:30tti beellamni qabameera.

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …

One comment

  1. Я бессилен воздержаться и не прокомментировать.
    Очень хорошо написано!