Oduu Haaraya

IRREEECHI AYYAANA EENYUUTI? AKKAMITTI EEGALE?

Qophiin: Urjii Ahmad

Ayyaannii Irrechaa Maali?Irrecha jechuun Hikkaan Isaa gabbaruu ykn Ibaadaa godhuu jechuudha.Hikkaa Isaa kanarraa wanni hubannu Ayyaanni kun ayyaana Ibaadaa itti godhan, kan galata Rabbirraa itti barbaadan tahuu Isaati. Fagoo osoo hin deemne hikkaa Isaa qofarraa ka’uun Muslimootaaf ayyaana tahuu akka hin dandeenye beekuun ni dandahama.• IRREECHA KABAJUUN EEYSATTI? AKKAMITTI EEGALE?Ayyaanni Irrechaa Haroo Arsadii je’amu kan magaalaa Bushooftuutti argamu biratti kabajamuu jalqabe.Sababaan jalqaba Ayyaana kanaa akka himamutti Namni Arsadii Je’amu kan Gosa Oromoo Liiban akka malee rakkatee guyyaa 8 Haroo amma maqaa Isaatiin yamamu kana biratti Waaqa kadhataa jiraate. Osoo hin nyaatiin Osoo hin dhugin jiraachuun Isaatis ummata dinqisiise. Maanguddoon Gosaa waliitti qabamanii bakka san bakka Ibaadaa “Gabbartii” Ykn Waaqeefannaa akka taatu murteeysan. Akkasitti Haroonis Haroo Arsadii taatee bakkittis bakka Ibaadaa ykn Waaqeefannaa taate.Irrechi akkatti jalqabe. Arra Aadaa Oromummaa namaaf mirkaneeysu godhuuf Waaqefatoonni dhagaa hin kaafne hin qaban.•

IRRECHI AMANTII MOO MAALI?Irrechi jalqabuma hikkaa Isaarraa eegalee hanga arraatti Waaqeefattoonni Waaqa Isaan gabbaran waliin hidhaa jabeeyfachuuf, gabbaruuf, kadhachuuf, farfachuuf Irreecha godhan.Wanni kun Aadaa Osoo hin tahin amantii taheeti eegale. Warri eegales galata Waaqaa barbaada eegalan. Wanni Rabbirraa galata itti barbaadan hundi Ibaadaa je’ama.Aada jechuunis waan Ilmi namaa uumee irratti waliif gale jechuudha. Aadaan amantii tahuu dandaha. Waaqeefatummaan Aadaa fii amantiidha. Aadaa tahuun Isaa Ummataatu uume, Amantii tahuun Isaa galata Rabbirraa itti barbaaduudha.Ayyaana Waaqa itti gabbaran jennee fudhannus akkaataan Muslimni Rabbi itti gabbaruu fii itti kadhatu Tartiiba mataa Isaa qaba.

Waan Karaa Quraanaa fii Hadiisaan Ibaadaa tahee hin dhufin akkamitti daleeynee galata Rabbirraa barbaanna? Kanaaf Ayyaanni Irrechaa Ayyaana Keenyaa miti. Amantii If dandeeyse qabna!• IRRECHA AKKAMITTI KABAJAN? EENYUU KABAJA?Irrecha kan kabaju Oromoo Amantii Waaqeefataa hordofan kan naannoo Bushooftuu Jiraatan tahus booda warri Waaqeefattummaa malee Oromoon amantii biraa qabaachuu hin qabdu je’an Ayyaana kana aadaa Oromummaa fi Mallattoo Oromummaa fakkeeysanii biyya keessaa fi alatti ni kabajan.Kan biyya alaa akka itti kabajamu beeku baannus kan biyya keessaa akka itti kabajamu barreeyfamee jira.“Abbaa Qaalluu” jechuun namni yaamamu akka Imaamaa ykn gaggeeysaatti Gabbartii Waaqaaf godhan Irrecha tartiibaan ni qajeelcha.Ayyaannii Irrechaa Asaba Raggaasaa akka Ibsituu “Ayyaana Oromoo fii Waaqa Walitti hidhu kan Waaqa waan dabreef galatoomfatanii waan dhufuuf Waaqa itti kadhatan” jechuun dubbata.Ayyaanni Irreechaa Oromummaa kan mirkaneeysuu akka tahee fii kan Oromoota hundaa akka tahes Barreeysaan Asaba Raggaasaa jedhamu Barruu Isaa “Irrecha: From Thanksgiving Ritual to Strong Symbol of Oromo Identity” jechuun Ibsee jira.Akka barreeysaan kun jedhutti Ayyaanni Irrechaa Ayyaana Waaqaaf galata itti galchanii fii Malattoo Oromummaa guddoo jechuun dubbata.Irreecha namni kabaju Oromummaan Isaa shakkii hin qabuu, namni Ayyaana kana hin kabaju je’u Mallattoo Oromummaa gudditti dide jechuudha akka Isaan jedhanitti.•

IRREECHI MUSLIMAAF MAALI?Akka gubbaatti Ibsuuf yaale Jarri Ayyaana kana Kabaju Ayyaana kanarratti Waaqaaf galata galchina, Waan ful duraa Waaqni akka nuuf tolchu kadhanna, Hiidhaa Waaqaa fii nu jidduu jirtu jabeeyfanna jechuun dubbatan.Muslimni hidhaa Rabbii fii Isa jidduu jirtu jabeeysuuf Irrecha godhuu qaba moo Karaa Rabbii fii Rasuulaa s.a.w guutuu irruu hin qabne hordofuu qaba!?Amantiin Islaamaa amantii guutuudha. Kadhaa, Rabbi farfatuu fii Hidhaa Rabbii fii nu jidduu akkamitti akka tolfannu karaan Islaamaa guutuun lafa kaayee jira. Namni galata Rabbirraa barbaaduuf Ibaadaa godhu hundi karaa Rasuulaa s.a.w qunnamee jala deemuudhaan Milkaawa. Wanni sanii achii hundi jallina.Muslimaaf irrechi guyyaa ayyaanaa Osoo hin tahin guyyaa gaddaati, akkamitti yoo jetten obboleyyan keenye hedduun arrallee Rabbii fii Rasuula s.a.w jala deemuu dhiisanii karaa Rabbiin shari’aa hin godhin jala deemaa jiran. Kuni nu gaddisiisuu qaba malee nu gammachiisuu hin qabu.Kara biraatiin ifittis gadduu qabna. Osoo nuti akka gaaritti da’waa goone Sabni keenya Kumaatamaan lakkaawaman Islaamummaa dhiisanii karaa biraa hin hordofan ture. Kuni Nu sheeneeysee da’waaf nu kaasuu qaba.• AYYAANA IRREECHAA EENYUUTU OROMUMMAAN WALITTI HIDHA?Ayyaana Irrechaa Mallattoo Oromummaa warri godhu warra Oromoon Muslimaa hedduu tahuun akka malee isaan yaachistu.Isaan wanni fedhan Muslima “Aadaa tee”, “Eenyummaa tee” jechuun amantii Waaqeefattummaa tan Oromoota hundaa godhuu fedhan. Rakkoon Isaanii guddoon Oromummaa Waaqeefattummaan walitti hidhanii Muslimoota Shirkiitti deebisuudha.Ayyaana Irreechaa Ilaalchisee Warri Siyaasaa Bilisummaa Oromoo jechuun ummata haajaa Isaanii qofaaf sobaa turan Bilisummaa dhabdan Waaqeefattummaa isiniif finne jechuun itti if jijjabeeysan. Ammallee Sobaan Muslimoota Waaqeefattummaatti deebisuu fedhan.•

XUMURA Waqeefatummaan Amantii Towhiidaa tan Rabbii tokkicha itti gabbaranii miti. Amantiin Towhiidaa tan Rabbiin tokkichi itti gabbaramu karaa Nabi Ibraahim qofa sunis Islaama.Islaamni Amantiidha, aadaadha, mala jiruu fi jireenyaati. Aadaan Amantii Islaamaa falleeysitu hundi Jallinatti laalamti, malli jiruu fii jireenyaa Islaama falleeysu hundi Jallina tahuutti beekkama.Namni Mala jiruu fi jireenyaa, Aadaa, Amantii Islaamaa malee barbaadu Akhiiraatti hongawaadha. Rabbi biraa humaa hin argatu.Irrechi karaa Amantii Waaqeefataa keessatti karaa Waaqa gurraacha ittiin gabbarani. Sun ammoo Amantii Jallinaa fii Shirkiiti.Irreechi Karaa Ibaadaa Waaqa gurraacha ittiin gabbaran waan taheef Muslima hin ilaallatu.Muslimni Rabbi ummataa wajjiin kadhachuuf jum’aa qaba, Iida qaba, Hajjii qaba.Karaan Rasuulaa s.a.w nuuf gaha!Oromummaa Rabbiin irratti nu uume, Ayyaana Irrechaa kabajuu dhabuu keenyaaf namni nurraa fuudhuu dandahu ni jiraa?………………..Maddi (Reference):1. Irrecha: From Thanksgiving Ritual to Strong Symbol of Oromo IdentityBy: Asebe RegassaAsii ni argatta=>http://waaqeffannaa.org/wp-content/uploads/2013/08/Irreecha.pdf2. Irrecha Ibsa waajira Tuzimii Oromiyaa Asii ni argama =>http://www.oromiatourism.gov.et/Oromia/or

About bilisummaa

Yaa rabbii ilmaan Oromoo haqa garsiisi warra haqa isaa ka dhabe karaa haqaatii fii gootummaan ifirratti falmatee deeffatu godhi!! Baha, Dhiha, Kaabaa fii kibbatti sagalee keenya tokko nuuf taasisi yaa waaqa!!

Check Also

AMALOOTA KUFAATII SIRNA ABBAA IRREE MIRKANEESSAN BEEKTAA?

Saphaloo Kadiir irraa. Sirnoonni Abbaa Irree kamuu amaloota wal fakkaatoo gaafa kufuuf qilee irra gahan …

One comment

  1. Oromoo tokko godhuufis gahee guddaa hin qabu, Bu’ara Oromummaati miti, Aadaa Osoo hin tahin amantii waaqeeyfannaati.
    Qabsoof osoo hin tahin waaqa Isaaniitiif Ibaadaa (gabbartii) godhuuf irreefatan.
    Oromoon akka walii galaatti Irreefachaa turuu Isaatiif ragaan tokkolleen hin jiru. Irreechi Naannoo Muraasa Oromoo keessatti kan godhamu ayyaana waaqaaf gabbartii fii faaruu itti geeysanii fii Isa kadhatani.
    Irreechi qabsoo Oromoo duratti ofuufii boodatti hambiisuuf shora takkallee hin taphatu, taphatee hin beeku.
    Aadaa Oromoo hundaati jechuunis Kijiba bakka hin qabne.
    Amantii Oromoo hundaati jechuun kijiba mataa nama dhukkubsu.
    Amantii Islaamaatti ayyaana amantii biroo kabajuun haraama, waaqa isaaniitii fii Ibaadaa Isaanii bareechanii akka karaa qajeelaatti himuun cubbuu gurguddoodha.
    Akka waan Umar binu Al-Khaxxaab Jaahiliyyaan boonuuti, Muslimni Irrechaan boonuun ykn Kabajuun.
    Wanni amantii tahe kan Islaamummaa dura qabnu hundi eega Islaamawan bakka hin qabu. Kabajuu fii dhaadheysuun amantii lammaffaa godhachuudha.
    Amantii lama godhachuun hin jirtu kufrummaadha, jaahiliyyaatti deebi’uudha.
    kuni haqa jiru kan amantii Islaamaa ilaallatu.
    Ammoo Waaqeeyfataan mirga qaba, Muslimnis didee Ayyaana Jaahiliyyaa Irrecha kabaju namni Isa gaafatu hin jiru Isaafii Rabbi jidduudha.
    Haqa ammoo himuun dirqamaa ni himna.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *