Oduu Haaraya

ISLAAMA, KIRISTAANA, WAAQEEFANNAA WAL BIRATTI

Urjii Ahmad

ISLAAMA.

Islaama jechuun jecha salaam ykn Silm je’urraa argame, Nagaya ykn if kennuu jechuudha. Hikkaan Isaa Rabbiif if kennuun nagaya argachuudha.

KIRISTAANA.

Kiristos jecha je’u jecha Griik irraa dhufe. Kiristos jechuun Masiih jechuudha. Hikkaan Isaa haquu ykn dibuudha. Kiristaana jechuun Nama Iisaatti amanu tahuu Isaati. Iisaa ykn Iyyasuus ilma Rabbii kan badii namaatiif jecha nama tahee ajjeefame, innilleen Rabbi jechuu amanan.

WAAQEEFANNAA.

Waaqa jecha je’urraa dhufuu hin ooluun shakka. Waaqa jechuun kan dachii fii samii uume jechuudha, kara biraatiin Waaqa jechuun Samii jechuudha. Waaqeefannaa Jechuun Waaqa Samii fii dachii uume guddisuu tahuu Isaati.

UTUBAA ISLAAMNI IRRATTI IJAARRAMU.

Islaamni Amantii utubaa shan tan irratti Ijaaramtu qabdu. Shanan san keessaa takka namni dide hundi Kaafira je’ama. Arkaana Shanan jechuun beekkama.

1ffaa.  Shahaadaa lamaan qabachuudha, sunis “Ash’hadu Anlaa Ilaaha illallaahu, Wa Ash’hadu Anna Muhammadan Rasuulullaah” jechuudhaan Islaama seenan.  Hikkaan Isaa “Haqaan Gabbaramaan Rabbii tokkicha malee hin jiruu jechuun ragaa baha, ammas Muhammad Ergamaa Allaaha tahuu Isaa ragaan baha” jechuudha. Namni tokko hoggaa shahaadaa lamaan itti amanee Afaaniin je’e Islaama seene jechuudha. Maqaan isaa Muslima taha.  Jecha saniin hoggaa Islaamatti seene Arkaana itti aanuutu Isa eeggata. Utubaa itti aanan hunda tartiibaan fudhatee dalagarra olchuu qaba. Yoo Afaanin Shahaadaa je’ee Utubaalee itti aanan dalaguu dide Muslima maqaan je’amu Irraa fuudhamee Kaafira je’ama. Shahaadaa lameen keessatti Rabbii tokkicha haqaan gabbaramu qofattin amana eega jette, Muhammad Ergamaa tahuu amanuun dirqama taha. Namni Rabbii tokkichan gabbara Ifiin je’u eega Nabi Muhammad s.a.w ergamee kan Isa jala hin deemne hundi Kaafira je’aman.

UTUBAA KIRISTAANNI IRRATTI JAARAME.
Kiristaanni Utubaa mataa Isaanii qaban sunis “Sillaasee” ykn Trinity je’ama. Afaan Oromootiin Sadee ykn Sadeessoo tahuu hin oolu.
Hikkaan Isaa Rabbii sadihi garuu walitti tokko jechuun amanuudha. Isaanis Abbaa, Ilmaa fii Hafuura qulqulluudha.
Abbaa hoggaa je’an Rabbii guddicha Abbaa Iyyasuus tahuu Isaati. Inni kan dachii fii samii uume akka tahe ni himan. Ilma jechuun ammo Iyyasuus ykn Iisaa jechuudha. Iyyasuus ilma Waaqayyoo kan ifiifis waaqayyooti, Osoo Waaqayyoo tahee jiru beekaa dhalatee cubbuu ilma namaa dhiquuf jecha finnifamee jechuun amanan. Kiristaanni Irra hedduun Iyyasuus Waaqa akka tahe amanan. Ammas akka Inni Ilma Waaqaa tahe amanan. Bakka takkatti Ilma waaqa fii Ifiif Waaqa tahe jechuu Isaaniiti.

Kan sadaffaa Hafuura Qulqulluudha. Hafuurri Qulqulluun yoo Kiristaana gaafatan deebii argachuun ni ulfaata. Qilleensa haa tahuu, Shinbirroo haa tahuu, Malaaykaa haa tahuu hin beekkamu. Garuu Inni kunis Abbaa fii Ilmoo wajjiin Waaqa Sadaffaa tahuu Isaati. Kiristaanni Isaan sadeen walitti waaqa, kophaattis amala adda addaa qaban jechuu amanan. Sadihis tokkos jechuun amanan.

• Ani tiyyaaf waan kana kiristaanas gaafadhee deebi qubsaa hin arganne. Macaafa Qulqulluu dubbiseetis waan Isaan afaaniin sadeen walitti tokko je’an kana arguu hin dandeenye.  Kiristaana Pheenxee biratti namni Iyyasuus Waaqa akkasumas Ilma Waaqaati jechuun hin amanne hundi “Warra hin amaniin” jechuun beekkaman. Kiristaana Ortodokisii fii Kaatoolik biratti Namni Maariyaam ykn Maryam akka haadha Waaqaatti laalee Isiif hin Sagannee fii Isii hin guddifne hundi “warra hin amaniin” je’aman. Isaan Pheenxeen “Munaafiqa” je’an. Pheenxeen Isaaniin “warra hin amaniin” “Mushrikoota” jechuun balaaleefatan.

UTUBAA WAAQEEFANNAAN IRRATTI IJAARAME.
Waaqeefannaan Maalirratti akka Ijaaramu wanni beekkamu takka hin jiru. Waaqeefannaa Amantii je’amtuuf Kitaabni beekkamaan hin jiru. Wanni Waaqeefannaarraa himamu hundi waan Afaaniin namni waliif himu qofa. Akka Hubatamutti Utubaan Isaa Waaqa Guddisuudha. Waaqa Garaa garbaa, Waaqa gurraacha nuuf Roobi jechuun gaafatan. Waaqayyoon Waaqeefattoonni Guddisan Waaqa Dachii fii Samii uume tahuu Isaatu himama. Oromoon dur Waaqeeffataa akka ture himama Garuu sirni amantii sanii maalirratti akka Ijaarame wanni beekkamu hin jiru.
Sheekh Muhammad Rashaad Abdullee Amantii Oromoo Islaamaan duratti jechuun walaloo barreeyse keessatti Akka Waaqeeffataan Waaqaa fii Ateetee Waaqarra Xiqqaa guddisan, dhuma baatii irratti Horii Ji’aaf akka qalan, Ji’a akka laalanii waa himan, akka Muka jalatti aanan naquun Waaqa kabajan, Akka Shimbirroo barartuun faala laalan fii waan kana fakkaatu akka dalagan addeeysa. (DIINAA OROMO`OO
ammoo diin Oromoo islaaman durattii
diinaa namuu beekhuu akka aduu baatattii
tanaaf akki je’an diin ilmaan Haamirraa
diin Oromo qofaa kan hafe isarraa
kan Oromoon guddiftuu zamaana durattii
waaqa fii ateetee isarra xiqqaatii
bakki waaqni jiruu gara samiidhatii
dandeytiin saa guddo’oo akka yaadanittii
isaa-rrooba roobsaa isumaan quufanii
waan gagaarii malee ittin irkisanii
yoo zamanni tolee bara waaqa je’anii
ammoo yoo hin tolin abaari je’anii
ammas (aaw jilichaa) goytittii saanitii
beeki kun hundinuu islaaman durattii
abbaan warraa akka waliyyi’iitii
horii ji’aaf qalaa dhuma baati’iitii
akka horiin isaa toltuu isaaf bayuu
isaafii warrilleen ji’a biraa gayuu
bofaafii naachallee numa guddisanii
garii mukhaatillee kan akka leymanii
kan akka danbi’ii kakka ijarsaa
kan akka odaadhaa mukama gaadisaa
aanan jala-nnaqaa gaariin isaanitii
baatii hunda keessaa hanga dandayuttii
gurraacha kurbeysaa hujuba- qqalanii
amata hundarraa ni danboobbatanii
waan dhufaa jirullee numa odeessanii
moora horii qalmee akkaan lallaalanii
shinbirroo barartuun faala ni laalanii
urjillee eeganii waan fedhan himanii
Oromoon urjii laaluu baraa hoonga geessee
akkaataa burujaa Oromoo beysisee
jaarillee dhawanii wal ni wal’aananii
silaa faala beekhuu bakkuma gayanii
dhagallee laalanii ccallellee guuranii
qooqa waraabessaa wahirraa himanii
khurbeessa shayi’ii kha’anii qalanii
garii saa nyaataniikkaan waaqaa kennanii
yoo-rraa qeebalamee allaatteedha dhufaa
duuba saniin beekhan roobni samii cufaa)
Dubbii Miila Bakhar Jaafar Alii tan qopheeyse keessatti Wanni Ji’a laaluu fii dhagaa facaasanii waan dhufuu jiraatu himuu kun akka Oromoo Waaqeefattaa wajjiin jiraata ture ni hubatama.

XUMURA 

• Kiristaanni Amma jiru kun hundi Amantii Rabbiin buuse qajeeltuu jala deemaa hin jiran. Kanaaf Isaan Kaafira ‘Warra haqatti hin amanin’ je’aman. Rabbii Sadii jechuu Isaaniitiin Abaaramanii jiran. Ammas kiristaanni Nabi Muhammad s.a.w Osoo Kitaaba Isaanii keessatti dubbatamee arganii itti amanuu didanii haqa dhoysuu Isaaniitiif Kaafira ja’aman.

• Waaqeefattanis Waaqa tokko guddisa jechuun haa himamu malee Shirkii hedduu qaba. Ateetee Waaqa xiqqaa qaba. Ji’aaf qaluu, Ji’a laalanii waan ganaa dhufu himuu, Mukaa guddisuun aanan jalatti naquu fii kuni hundi Shirkii gurguddoodha. Osoo Waaqa tokko qofa yaammatan jechuurratti waliif gallees Nabi Muhammaditti waan hin amaniin Isaan Kaafira. Amantii Rabbiin itti hin ajajiin ifiif uumanii hordofan. Yoo Rabbi fii Rasuulatti hin amanin Kaafira je’aman.

Amantii Rabbi biratti fudhatama qabdu takkittidha, Isiin sun Amantii Nabiyyoota hundaa Islaama.
“Namni Islaamummaa malee amantii biraa barbaadu Rabbiin irraa hin qeebalu. Inni guyyaa irraa boodaa keessatti warra hongawerraa taha.” Al-Imraan: 85
Amantii Rabbi biratti fudhatama qabdu Islaamummaa qofa” Al-Imraan: 19
…….. Addaan baafatanii Filannoo Ifiitiin akka namuu Amantii qajeeltuu Hordofu godhuun dirqama Muslimoota hundatti.
………….. Itti fufa.

Check Also

abuna sawiroos

Gaaffilee bu’uraa ummata Oromoo fii Sabaaf Sa-blammoota Ortoodoksii

1. Abboota Afaan, aadaafi Safuu ummata keenyaa beekaniin yaa tajaajilamnu 2. Durii Kaasee Manni Kiristaanaa …