Oduu Haaraya

jaalala haadhaa hubachuu yoo feete seenaa dhugaa kana obsaan dubbistu malee bira hin dabriin.

den 28 februari 2014 kl. 23:06

jajjaboo-sabaatiin

1456029 10203481766868687 2035402897 n
Seenaa dhugaa jaalala haadhaati fi mucaa isii:

Ummaan tiyya ija tokko qadi(iji tokko dhaamee jira). Ija tokko waan hin qabneef haalaanin isii jibba. Barsiisootaa fi baratoottaaf nyaata qopheessuu dhan naa jiraachifti. Abbaan kiyya du’ee jira. Yaroon elementary barachaa jiru guyyaa tokko mana barnootatti nagaafachuuf dhufte. Yaroon isii argu akka maleen rifadhe. Maqaa kiiya baleessuf akkamitti as dhufti ja’eetin aare. Qaanyii guddaatu natti dhagahame. Dubbisuulle hin barbaanne aareetiin “maalif dhufta?” ja’ee aaraan osoo hin dubbisiiniin dhiisee biraa deeme.

Guyyaa itti aanu baratoonni kutaa kiyyaa “ummaantee ija tokko hin qabdu! 1920612 10203481775428901 813109101 nEEEhhh…..” ja’anii natti koflan. Natti qoosan. Eegasii jiruun kiyyaatu naa jibbisiise. Isiirraa dhalachuu kiyya haalaan naa aarsuu eegale. Guyyaan isiirraa addaan bahu natti dheerate. Guyyaa tokko yaroon barnoota irraa deebi’u akkanaan ja’een..” gammachuun kiyya yaroo ati duute qofa. Maalif hin duune?” ja’eetin itti iyye.

Deebii naaf hin deebifne, mataashee gadii qabattee naduraa achi deemte. ummaa tiyya wajjiin addaan bahuuf barnoota kiyya cimsee qo’achuu eegale. Akka tasaatti carraan barnootaa ol’aanaa naa dhufeeti biyya jijjiiree isirraa addaan bahe. Eegasii jartii fuudhe, mana bareedaa bitadhee jollee dhale. 

waggoota dheeraa booda ummaan tiyya teessoo kiyyaa barbaaddee manatti nadhufte. Yaroon isii argu amanuu hin dandeenye. Jolleen kiyya yaroo isii argan itti koflan. 

Aniis “hayyama kiyyaan malee mana kiyya maalif dhufta ? mana kiyya eenyuutu sii garsiise? As dhuftee jollee kiyya maa narraa rifachifta? Dafii narraa bahi!” ja’ee loleetin itti iyye. Ummaan tiyyas sagaleesii gadiiqabdee rifaachuu dhaan “Ow….aaaa! Dhiifama guddaan si gaafadha adreesii dogongoreetin mana kana seene” nan jattee daftee naannoo sanirraa dhabamte.

Eegasii ummaa tiyya arkeetuu hin beekhu. Tura booda ollaan kiyya du’uu isii natti himte. Humaa natti hin fakkaane. Guyyaa tokko karaa mana barnootaatin xalayaan tokko naa gahe. Xalayaa kana laalaatin jaartii tiyya wajjiin qoosa eegale “carraan hujii naa dhufe sii dhiisee deemuufi” ja’eetin itti qoosa. Xalayaa kana eegannon yaroon banu guyyaa dheeraan dura xalayaa ummaa tiyya irraa naaf barreefame ture. Akkana ja’a:-

” mucaa kiyya bareedaa fi kabajamaa akkam jirta? Yaroo hunda sumaan yaada. ciisuus hirriiba hin qabu. tanaan dura mana kee dhufee Ijollee tee rifachiisuu kiyyaaf dhiifamaan sii gaafadha.

Ani ilmoo sii qofa waanin qabuuf bayyen sitti bonaa hedduun sitti gamadaas. Yaroo guddate kana dhugaa sii himee si Jeeqee kiyya kanaaf dhifama.

Agartee…..gaafa ati daa’imaa  konkolaataan nuun garagalee ijji kee tokko si Jaamtee . aniis ijji kee dhaamee sii arguu waan garaan koo hin dandeenyeef , Ija tokkon akka guddatus hin barbaanne, Kanaafu ija kiyya baaseetin siif kenne, Ija lamaanin adunyaa tana yaroo agartu gammachuun kiyya daangaa hin qabu ture, Ijja kiyya sif kaneetin ija tokkon hafe Mucaa kiyya ija tiyya saniin Jaalala naaf guddatee onnee irraan si jaaladhaa nagayaan naaf jiraadhu.
1926942 10203481847230696 516073997 nEega xalayaa kana dubbise booda jiruun kiyya guutuu dhukkubaan siree irra ciiseetin dabarse. 

*************THE END**********
Seenaa kana irraa maal barattan?
Waan isinitti dhagahame nuu bareessaa.

Jaalala haadhaa

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …

One comment

  1. I have read a short story about a mothers love. 9 I have no doubt that mothers love in this world is limitless . But how is it possible that your eyes work with someone’s else’s eyes . Please explain or elaborate on that . Thank you . It’s a story full of lesson , and it’s the number one story of all time , of all places , of all nations , of all races , and of all generations , and of all stories . This single story in my single opinion. Is the most interesting stories . Thank you for sharing ,and May Allah make us those who understand , and act upon this love from our mother or parent in general .