Oduu Haaraya

Jilli ODF Oromiyaa seenee ture gara Awurooppaatti deebi’e

PoliticsHorn of Africa

 

Jilli ODF J/Leencoo Lataan dursamu guyyaa muraasa dura Finfinnee seenuu isaa dubbi himaan dhaabichaa ob.Leencoo Baatii mirkaneessanii turan. Haata’uu malee jilli kuni turaatii guyyaa muraasaa booda guyyaa har’aa gara Awurooppaatti deebi’eera. Jilli kuni gara Awurooppatti kan deebi’e gaafii mootummaa Itoophiyaa irraa isaaniif dhihaateen ta’uun isaa beekameera.

Akka madda keenyaatti yaaliin ODF qabsoo biyyatti deebisuu kan itti fufu ta’a. Kana dhugoomsuudhaafis carraaqqiin mootummicha woliin woliigaltee ykn wolhubannaa tokko irra gayuu kan itti fufu ta’uu isaati kan madda keenya irra baruu dandeenne.

Akka ibsa dhaabichaatti mootummaan Itoophiyyaa marii biyya alaatti ODF woliin godhamuuf jedhame woggaa lamaaf lafarra harkisuu isaati kan ODF obsa fixachiisee murtee ufii isaa fudhateen gara Oromiyaatti akka deebi’uuf kan dirqe. Akka qorataan siyaasaa maqaan isaa akka hindhayamne jedhe tokkotti mootumaan Itoophiyaa ODF irraa shakkiifi sodaa guddaa waan qabuuf kan maritti seenuu didee rincicaa tureef. ‘Kanaaf ragaan,’ jedhu qorataan siyaasaa kuni, ‘biyya paartiin siyaasaa 79 filannoof qophaayaa jiran keessatti ODF fi hooggana isaa filannoo irratti akka hirmaataniif hayyamuu mitii biyya keessaa akka jiraatan EPRDF kan carraa laatu hintaane’. Kuni kan ifatti agarsiisu , akka yaada isaatti, ODF akka humnoonni tokko tokko itti hubatan osoo hintaane ija mootummaa biratti dhaaba hedduu sodaatamuudha. ODFf hiree biyya keessatti socho’u laatuun umrii ufii akka gabaabsuutti kanniin laalan angawoota EPRDF ol’aanoo keessa jiru jechuun nutti himan hayyuun siyaasaa kuni. ‘Dimshaashumatti, EPRDF humna morkataa cimaa ta’ee as bayu malu, keessattuu dhaaba Oromoo, Itoophiyaa keessatti arguuf ammatti qophii miti,’ jechuun ibsan.

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …