Oduu Haaraya

Ka dhadhaa afaan kaayan dhagaa afaan nama kaaya

Bara beelaa sana
Jireenyatu akkana:

Mana worrasaanii
Akaayiin midhaanii
Corroqat aannani.

Foon silaa hinjiruu
Ambaashaatu coomaa
Namuu walii ‘niluu
Darbatee walsaama.

Roobni gadi ‘nbu’uu
Inni lafa jiisu.
Maddi laga ‘njiruu
Inni dheebuu baasu

Biqiltuun hinjiruu
Ammi lafaa gogaa
Abaaboon honjiru
Dammisaanii gagaa
Bishaan silaan jiruu
Hindhiqatan nafa
Qulqullinni ‘injiru
Fooliin biyyoo moofaa.

Bara beela sana
Beelli itti hammaatee
Jiruun lafa kanaa
Tasa ‘tihadhooftee
Agabuun qoomamtee
Lubbuun keessaa baatee
Kan beelarraa hafte
Sa dur dagattee
Beela bayyanattee

Isan arge argii
Xiiqiidhaan guutamtee
Akka kiyya deegii
Nuyyoomsuu kutatte
Namni akkam beela’aa??
Jettee nutti qooste.

Nurraa olguurrattee
Qaama gagabbattee
Biyya ofii faarsiti
Biyya dammaaf dhadhaa biyya quufaa jetti.

Namni akkam dagataa
Isa keessa kute?
Barasiin beeloftee
Agabuun raatoftee
Waan nyaatamu dhabdee
Qeyee keenya fidnee
Manatti ijaarree
waallee afaan keenyee,
Afata afneefii
Haxoofnee raffisnee,
Namaan qixxeessinee,
San hunda dagattee
Quba nu ciniintee
Nutti diina taatee?

Biyya keenya dhuftee
Jiruu mi’eeffattee
Biyya nu dhuunfattee
Lafa nuu safartee,
Daangaallee nuu murtee?

Ajab dubbii waaqaa
Miillatu harkadhiqaa!!
Abbaa biyyaa(tu) deega
Biyyaasaatti dhiigaa
Keessummaan ofifidne utubaa nu dhiiba
Mana nutti diigaa??!!

Check Also

usmaayyoo muussaa

Yaadannoo artist Usmaayyoo Muussaa

Sagantaan yaadannoo Artist Usmaayyoo Muussaa magaalaa Finfinnee Hoteela ILILI INTERNATIONAL tti torbaan dhufu ni qophaawa. …