WASHINGTON,DC — Koollejjiin Teknikaa fi Ummataa (MCTC) Fulbaana 24,2013 jalqabee afaan addunyaa 12tti dabaltee Afaan Oromoollee akka barnootaa tokkootti barsiisuuf qophii jirti.
Barnoota tokko akka damee barnootaatti barsiisuuf kaarikuleemii ykn seerii barnootaa jabaan,fedhii fi guddinna afaan tokkoo dabalee waan hedduu ilaalan.
Viktooriyaa Luling daarektera barnoota itti fufiinsa sagantaa MCTC, Afaan Oromoo koollejjii teenna keessaa qabaachuun nuuf gammachuu guddoo jetti.
“Yoo jalaqa porofeeser Baanjaan waahee Afaan Oromoo hedduu ani hin beekne natti hime guddoo ajaabsifadhe afaan kun asitti barsiifamuu qabu jedhee hubadhe.Itti aanee ammoo karoora barnootaa ka Maatiyaas Guddinnaa qophii barnoota kanaatii dhiyeessellee arge.Barsiisotilleen karoora sun ilaalanii mirkansan.
Tanaaf wanti kun carraa umamtii argachu malee jennee dubbanne.Barnoota keenna keessatti afaan wal makaa qabaachu fi fedhii ariifachiiftuu tana qabaachuun barbaachisaa jennee walii galle.”
Obbo Maatiyaas Gudina warra akka Afaan Oromoo koolleejji tanatti kennaman gaafachaa bahe keessaa tokko.
“Afaan Oromoo afaan saayisii fi teknooloojii tahanii qubee isaalleen qarooma jabanaa kanaan waan walii galuuf hujiifillee nama hin rakkisu,afaan sabii ballaan biyyaa fi biyya alaalleetti dubbatuu dabalee waan hedduu jennee itti himne,taatullee name afaan kanaa jedhee hin miidhamin hin jiru.”
Kolleejjiin tun afaan Awurooppaa, Iskaandineeviyaa, Jermanii,Ispaanish,Eezhiyaa dabalee afaan 12 barsiisaa,afrikaa keessaa Afaan Oromootii fi Somaalee qofatti barsiifama.Koollejiin MN Afaan Oromoo Akka Barnootaatti Barsiisuuf Qophii Jirti.
Koollejjiin Teknikaa fi Ummataa (MCTC) Fulbaana 24,2013 jalqabee afaan addunyaa 12tti dabaltee Afaan Oromoollee akka barnootaa tokkootti barsiisuuf qophii jirti.
Barnoota tokko akka damee barnootaatti barsiisuuf kaarikuleemii ykn seerii barnootaa jabaan,fedhii fi guddinna afaan tokkoo dabalee waan hedduu ilaalan.
Viktooriyaa Luling daarektera barnoota itti fufiinsa sagantaa MCTC, Afaan Oromoo koollejjii teenna keessaa qabaachuun nuuf gammachuu guddoo jetti.
“Yoo jalaqa porofeeser Baanjaan waahee Afaan Oromoo hedduu ani hin beekne natti hime guddoo ajaabsifadhe afaan kun asitti barsiifamuu qabu jedhee hubadhe.Itti aanee ammoo karoora barnootaa ka Maatiyaas Guddinnaa qophii barnoota kanaatii dhiyeessellee arge.Barsiisotilleen karoora sun ilaalanii mirkansan.Tanaaf wanti kun carraa umamtii argachu malee jennee dubbanne.Barnoota keenna keessatti afaan wal makaa qabaachu fi fedhii ariifachiiftuu tana qabaachuun barbaachisaa jennee walii galle.”
Obbo Maatiyaas Gudina warra akka Afaan Oromoo koolleejji tanatti kennaman gaafachaa bahe keessaa tokko.
“Afaan Oromoo afaan saayisii fi teknooloojii tahanii qubee isaalleen qarooma jabanaa kanaan waan walii galuuf hujiifillee nama hin rakkisu,afaan sabii ballaan biyyaa fi biyya alaalleetti dubbatuu dabalee waan hedduu jennee itti himne,taatullee name afaan kanaa jedhee hin miidhamin hin jiru.”
Kolleejjiin tun afaan Awurooppaa, Iskaandineeviyaa, Jermanii,Ispaanish,Eezhiyaa dabalee afaan 12 barsiisti,afrikaa keessaa Afaan Oromootii fi Somaalee qofatti barsiifama.