Oduu Haaraya
galchuu fii tamaam

Kora ABO Kutaa Kanaadaa (Garee J/Kamaal Galchuu)

 

ABOn B/General  Kemal Galchuun hooganamu  Caamsaa  16-17, 2015 biyya Kanadaa, magaalaa Calgary keessatti kora isaa kan waggaa odhachuudhaan miseensotaa fi uummata Oromo waliin dhimmoota Qabsoo Bilisummaa Oromo irratti maree deemsisuuf saganteefatee jira.

Walgahii kana irratti hoganotin ABO B/G/Kemal Galchun hooganamu argamuudhaan dhimmota fardiii ta’an ( policy issues) kan akka Sagantaa Siyaasaa, kaayoo masakaa, tooftaa fi tarsiimoo qabsoo, tokkummaa qabsaayota Oromo kan kana fakkaatu irratti miseesotaa fi hawaasa Oromo waliin maree bal’aa deemsisuuf  jiraatu. Kanaaf, Oromoonni adeemsa  kaayoo, Sagantaa Siyaasaa fi Tooftaa fi Tarsiimoo QBO –tan ABOn hooganamtu irraa gaafii, yaadaa fi yaaddoo qabdan hundi akka maree kana irraa qooda fudhattan kabajaa fi Jaalala Oromummaa waliin isin afeerra.

Caamsaa 16, 2015 – guyyaa Walgahii Hawaasaa, Caamsaa  16, 2015 – galgala sagantaa bashannanaa kan Artistonni Oromoo beekamoon irraa qooda fudhatan  fi Caamsaa 17, Walgahii Miseensota ABO Kutaa Kanaadaa

Teesson – 167 Temple Community Center

Caalatti Hubachuuf lakkoofsa bilbilaa asii gadii dhawaa.

Obbo Qasim Barro – 587 700 1462, Obbo Husseen Fatoo- 403 903 4863,

Obbo Gammachuu Gole – 403 890 7617

 

 

 

 

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …