Oduu Haaraya

LESSONS THAT CURRENT AND FUTURE GENERATION OF DDD CHILDREN,OROMO NATION AND MEDIAS MAY LEARN FROM THE REAL LIFE EXPERIENCE OF THE OROMO CLAN CALLED DDD CLAN

HISTORICAL SOCIAL LIFE RESEARCH CONCLUSIONS AND RECOMMENDATIONS IN THE FORM OF NEWS PRESENTATION AND NARRATION (in Afan Oromo)
OBJECTIVES OF THE STUDY: TO KNOW THE SOURCE OF EVIL AND THE CAUSE OF FAMILY HATRED WITHIN DDD CLAN
(NB: sample size-128 persons/104 Male–24 Female/ who are members of DDD clan….Reliable Methods of Data collection was employed by Random sampling, Compiled by: Abdurezak Mamma–05 May 2013—Europe)

THE SLOGAN OF WAR ON THIS EVIL:-´I only care for the current and future generation of DDD clan,I do not care for those who did shameful and evil acts within the clan whether their age is young or old, the evil doers should see justice at the court of DDD clan and the story should be shared by all DDD children´ ..(leader of DDD clan war on Evil).

CONCLUSIONS OF THE SURVEY(in Afan Oromo)

– Sirnii fi ilaalchi siyaasaa bulchiinsa biyya tokkoo sirnaa fi ilaalcha waliin jireenya maatii,gosaa fi dhaloota gosaa itti aanuus kan walsimu ta´ee qabatamaan mul´ataa tures,jiras.
– Sirni cubbamaan Fiwudaalaa fi Nafxanyaa yeroo xumuraatiif bara 1991 dhiiga sabaa fi sab-lammoota Itoophiyaatiin kan barbaadaa´e ta´us ilaalchi dulloomaan sirna Cubbamaa fiwudaalaa fi nafxanyaa miseensota maatii Oromoo bara fiwudaalaa abbaan isaanii ykn akaakayyuun isaanii aangoo salphinaa bara Fiwudaala Itoophiyaa kan ta´an kan akka Fiitawraarii,Giraa-azmaach, Qanyi-azmaach fi kkf kan ummata Oromoo gabroomsuu keessatti gahee guddaa taphatan ammas jireenya hawaasa Oromoo guyyaa guyyaanii  keessatti aangoo salphinaa kanneen akka aangoo ulfinaatti kaasuun ilmi namaa fi obboleeyyan lamaan wol-qixaa miti,wol-dorgommii jireenyaa kamuu keessatti ulaagaa tokko malee inni bara fiwudaalaa aangoo salphinaa irra ture isa aangoo salphinaa san irra hin turin ni caala jedhaa oromoo fi sanyii Oromoo bara san daandii dhugaa qabatee wol-qixxummaa dhala namaa mirkaneesse xiqqeessaa fi mirga namoomaa dhooggataa jiru.

– Akka seenaan dubbatutti Wol-mormiin sagantaa siyaasaa ganda DDD jedhamu keessatti yeroo hedduuf bara Fiwudaala Abbaalafaa gaggeeffame Garee ilmaan DDD Sirna Fiwudaalaa irraa bilisa ta´anii fi akka nama tokkootti jireennasaanii jiraatan kan nama XXX DDD jedhamuun hogganamu ijjannoo `Lafarra lafee fi dhiiga DDD wolitti nu jirtu filanna, wol-qixxummaa ijoollee DDD filannee wolqabanna` jedhu qabatanii kan mormaa turan yoo ta´u Garee nama YYY DDD jedhamuu kan ta´an immoo ijjannoo `Lafee irra Lafa filanna` jedhu qabatanii kan mormaa fi murteessaa turan yoo ta´u faffaca´iinsa, wol xiqqeessuu,wol jibbaa fi ilaalchi dulloomaan dhalli namaa wolqixaa miti jedhu  dhaloota ammaa ganda DDD biyya alaa fi biyya keessa jiraatan kan garee dhiphoo bara cubbamaa sirna fiwudaalaa san filatan (…sirreeffamni godhameera..namoota hundaa miti waan ta´eef akka ragaan haarofti mul´isuuf yaalutti) keessatti harras akka dagaaguufi philosophy jireenya isaanii kan guyyaa guyyaa akka ta´uuf hundee ta´ee jira.

– Sirni fiwudaalaa fi nafxanyaa yeroo xumuraatiif bara 1991 Itoophiyatti du´ee awwaalamus ilaalcha Fiwudaalaa fi Nafxanyaatiin hogganamuun hanga guyyaa kaleessaatti teessoo isaa ……… godhatee jibbaa fi dhara maatii ilma Oromoo kan DDD jedhamu kan biyya keessaa fi biyyoota gara garaa jiraatan keessatti facaasuun obboleeyyan lamaan abbaa fi haadha tokkorraa dhalatan akka wol-qixa hin ta´iniitti dhaloota ammaa barsiisuun maatii ilma Oromoo DDD jedhamuu kan dhugaa qabatanii jiraatan dararaa fi rakkoo cimaa irraan gahaa turaniiru.Haa ta´uu malee bara 2011 irraa eegalee  Woraanni Bilisummaa maatii ilma Oromoo DDD kan JJJn hogganamu Hoggantootaa fi Aangawoota ilaalcha fiwudaalaa fi Nafxanyaa dhaloota ammaa barsiisaa turanii fi jiran kanneen mataa keessa miidiyaa fi Intarneetiin deddeebisee tumuun akkuma sirni cubbamaan Abbaa lafaa Haile Sillaaseen Dargiidhaan itti salphatee mana fincaanii masaramootummaa isaa keessatti awwaalametti guyyaa kaleessaa dhaloota ammaa DDD lubbuun jiran hunda dhimmicha miidiyaa adda addaa fayyadamuun dhageessisuun Hogganaan garee dhiphootaa fi dhiphoonni yakka sukkanneessaa gurra nama woraanu kanneen deddeebisanii dalagan kan ganda DDD keessa jiran hundi isaaniituu mana murtii maatichaatti(Jaarsotatti) murtiidhaaf akka dhihaatan gaafateera.Kan hafe hojiin kan mana murtiiti.Dhaloonni ammaa gandichaa hunduu dhimmicha balaaleffataa murtee mana murtii gandichaa eeggataa jiru.Dhaloonni ammaa maatii DDD murtee dhimmichaa dhiheenyaan hordofaa jiranii fi Hogganaan woraana bilisummaa maatii DDD Murteen mana murtii gandichaa haqa qabeessaa fi Maalaammaltummaa irraa bilisa akka ta´u ni abdata.

RECOMMENDATIONS
Lubbuu fi Dhiiga woreegamtootaa ilaalchonni akkanaa dulloomaan kunniin yoo nu yaadachiisee sagantaalee Barnootaa miidiyaalee Oromootiin tamsa´an keessa galchinee hin hojjatin gahee nurraa eeggamu baane jechuun hin danda´amu.Dhiignii fi lafeen woreegamtootaa sirnaa fi ilaalcha fiwudaalaa fi nafxanyaa barbadeessuu irratti dhangalaasanii fi caccabsan nu quuquu qaba.Danqaalee ilaalchaa akkanaa kanniin kan jaalalaa fi kabajaa hawaasa keessaa balleessan adda baastanii qorattanii Sagantaalee Barnootaa ta´ee sagantaalee Bohaartiitiin Sammuu sooftiweeriin dulloomaan akkanaa kuni itti fe´amee hawaasa rakkisu kana sooftiweerii haarawa itti fe´uun murteessaadha. Kana gochuuf immoo miidiyaaleen elektirooniksii fi piresiis isin harka jiru. Maal eegnaree Oromookoo, HARMEEN OROMOO OSOO DHIIRA DEETTEE QABDU, DHARTI HOGGANAA ITTI TA´UUNII HIN QABDU.Fkn dhimmootni ummanni adda baasee sirritti beekuu qaba jedhee yaadu 1. Hiikkaan jechoota Qanyi-azmaach,Giraazmach,Fitawrari kuni Bobbii gara mirgaa,bitaa fi fuulduraa akka ta´e. Maal bobbaasaa turan Oromiyaa keessa bara fiwudaalaa san? Horiidhamoo?,Jabbileedhamoo?Waraana? Oromoonni bara fiwudaalaa Woraana yoo kallattii hundaan bobbaasaa turan sana eenyurratti bobbaasaa turan? Galma sirna akkamii galmaan gahuuf? jedhee dhaloonni ammaa gad fageessee xiinxalu yoo gafatehoo deebiin aangoo kabajaati jedhanii waan ittiin uftuulan hin fakkaatu Oromoota osoo waan haasayan hiikkaasaa fi seenaasaa osoo hin beekne haasayan yoo taate malee. Kanaaf,achi booda aangoo kabajaa osoo hin taane akka aangoo salphinaa akka ta´e Dhaloota Oromoo ammaa miidiyaaleen barsiisuudha jedha ani.Ilaalcha Nafxanyaa akkasitti hundeen buqqifnee sammuu Oromootaa qulqulleessinee qabsoo siyaasaa ta´ee dinagdee itti aanuuf qopheessuun dirqama keenya.Hin laafinaa..ufin xiqqeessinaa…Nutu uf xiqqeesse eennutu nu caale jedhe Abbaan keenya Ali Birraan.Dhugaasaati.Dhugaa san qabannee cimnee qabsaayuudha,biyya keessaa fi alaayis jechuudha.Diinni Oromoo immoo mootummaa amma aangoo harkaa qabu caalaa ilaalcha Nafxanyaan keessa isaatti baatee nuuf deemuuníi fi nurratti hojjetaa jiraniin ta´uu Oromoon hunduu beekuu qaba.Akkasuma ilaalcha olaantummaa nafxanyaa nuti sammuu keenna keessatti fedhii keenyaan baannee qabsoo laaffisnuunis ta´uu danda´a.Takka gubanne lammata gubannaaree Oromookoo?

Afaan Nafxanyaa mi´aawaa sobduu keessi ibiddaa sanaa fi Afaan Qawweetiin kan abbootii keenna gabroomsanii sooftiweerii ilaalcha nafxanyaa dharaa sammuu oromootti fe´an gahaadha.Sooftiweerii san uf keessaa haqnee sooftiweerii haaraya gara galma Oromoon gahuu barbaaduutti nu geessisuu danda´u gad fageenyaan qorannee fe´achuudha sammuu keennatti.Eenyuu Oromoo hin caalle sammuu waaqni nuuf kenne cuunfinee seeraan itti fayyadamnee dhararratti qabsaayuu dinne malee.Oromoon eenyuuyyuu gadii miti.Sammuu keennatu sheeyxanaa fi ilaalcha nafxanyaa wojji ta´anii sammuu oromoota hundaa gabroomsaa fi abdii kutachiisaa jiru.Harmeen Oromoodhaa gaafa nu deettu kaayyoo hedduu nu deetteef keessaa tokko wollaalummaa,hiyyummaa fi dhara burqaa ishee hunda barbaannee akka itti qabsoofnee burqaa dharaa hunda cufnee harmeen oromoo nu deette nagahaan jiraattuufi.Kaayyoo harmeen Oromoo nu deetteef maaf dagannee addunyaa dukkanooftuu keessatti paartii maqaa Oromoo jedhu qofa moggaafannee miidiyaa maqaa oromoo ta´ee jecha gaarii oromoo keessa tokko itti kenninee miidiyaa maqaa akkanaa jedhaa akka saree woraabessa agartee qofa caljedhanii dutuun galma Oromoon bira gahuuf mataasaa keessaa qabu bira nun geessu.Kanammoo lafaa ka´eeti miti,waan Oromoon yaadu natu keessa beeka,Expertii fi gaggeessaa garee Qorannoo yaada ummataa ta´ee woggoota afuriif hojjetaa ture.Oromoon burqaa dharaa hundarratti akka qabsooftaniif isinirraa barbaada.Kan isin amma miidiyaan haasoftan kana OPDOnuu deebii deebistee bira dabriteerti.Oromoon kan isin haasoftan kana hin dhagahu,isinitti kolfaayyu.Ani akka Oromoo tokkootti paartilee Oromoo amma socho´aa jirtan hundaan kan isiniin jedhu mul´ataa fi ergama keessan sirritti irra deebi´aa sakatta´aamee waan bilchina qabu hin fakkaatu. Paartiin biyya bulchaa jiru kunis paartii isa wojji dorgomu woyii qabaachuu qaba ykn immoo eennutu natuqa jedhaa ummata kan caale miidha beekaa.Jabaadhaa tokko ta´aa.Woraabessa Nafxanyaa seera qabsiisanii halkan halkan qofa osoo nun jeeqin naannawa keenna dhufee waan nyaatu barbaadachuun akka eeyyamamuuf qofa jela sararanii seeressuudha.Kunimmoo jelqaba sammuukeennarratti qabsoofnee uf hinjifachuu gaafata,achii dhara burqaashee hunda barbaadanii gogsuudha.Jabaadhaa.

About bilisummaa

Yaa rabbii ilmaan Oromoo haqa garsiisi warra haqa isaa ka dhabe karaa haqaatii fii gootummaan ifirratti falmatee deeffatu godhi!! Baha, Dhiha, Kaabaa fii kibbatti sagalee keenya tokko nuuf taasisi yaa waaqa!!

Check Also

AMALOOTA KUFAATII SIRNA ABBAA IRREE MIRKANEESSAN BEEKTAA?

Saphaloo Kadiir irraa. Sirnoonni Abbaa Irree kamuu amaloota wal fakkaatoo gaafa kufuuf qilee irra gahan …

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *