Dur, Akkaataa Ajjeechaa hogganoota Afran Qalloo laalchisee hawaasni mirriga keessatti akkana jechaa ture :-
“…. Biluu dooyaa Goflee
Bokkuu Awwaala dhoorke
Jiraa qubsuma tarree
Lafa irra harkise Arabni
Akka reefa harree,
Eegee gaalaa canqollee
Abbaan if dhaadun tolle,
Eegee gaalaa saata
Jiraan keenya goota…”
Bara 1874 G.C. keessa waraanni warra masrii kan Ganaraal Rauf mahmmad paashaatiin hogganamu ossoo hin eegamin magaalaa jaldeessaa toohate. Jiraan gosa Nooleetiifi warri akka Ali karrootiifi sheikh Usman yeroo hatatamaan tarree NooleettiWal gahii kora caffee gadaa Afran Qalloo waaman.kora sanirratti akka walii galaatti urfoo Jiloo Bikkoo Abbaa duulaa godhuun muudan.
1- Lola Iftoohaa:
Waraanni urfoo jiloo qophii godhuuf yeroon inni qabu gabaabaa tahus gara magaalaa jaldeessatti miila qallaa erguudhaan sochii waraana Rauf pashaa toohachaa ture. Fulbana 24, bara 1875 G.C. keessa, naannoo magaalaa kombolchaa bakka Iftoohaa jedhamutti waraanni Afran Qalloo, kan urfoo jilootiin hogganamu waraana masroota irratti lola bane. Haa tahu malee waraanni Rauf pasha kan qawwee Ammayyaa hidhatee jiru haala jiru toohachuun of dura imaluudhaan Naannawa magaalaa kombolchaa, bakka Eeguu jedhamtu gahe.
2- lola Eeguu :
lolli kun oromoota Afran Qallootiif lola murteessaa ture. lola kana irratti hamma tokko Waraanni faradoo hirmaatus sochiin warra lafootii wajjiin godhaa turan qindaawaa hin ture. Lolli kun lola guyyaa cinaa gaggeeffame hoggaa tahu garee lachuu irraa namoota dhibbaan lakkaawamuu dhume. Ammaas waraanni warra masrootaa lamada of jaaruun If dura deemuu itti fufe.
3- Lola Abaaguu ( Abbaagu)
lolli kun onkololeesa 2 bara 1875 G.C. keessa, kan gaggeeffama hoggaa tahu Akka walii galaatti loltoonni afran Qalloo warra Faradoo dabalatee, warri lola kana irratti hirmaate 37,000 hoggaa tahu lolli kun seenaa oromoota afran Qalloo keessatti bakka guddaa qaba. Gootoowwan ilmaan Afran Qalloo,waraana masrii kan madaafaa fi qawwee Ammayyaa hidhatee lolaa ture injifachuun seenaa Haaraya galmeessan. Lolli kun lola guyyaa dheeraa deemaa ture hoggaa tahu waraanni warra masrii akkuma yeroo dabreetti of booda deebi’uun Human isaa cimsachuun magaalaa harar dhuunfachuun gaara Hakim maadheefate. Haa tahu malee waraanni Afran Qalloo Magaalaa Harar kallattii hundaan hidhuudhaan waraana Rauf pashaa bobbaa gala dhoorke.
Lola dooyaa goflee ( dirree Goflee)
Rauf pashaan erga magaalaa harar toohatee as kallattii adda addaatiin loltoota Murtii guutoo irratti waraana babbaasuu itti fufuudhaan karaa karra fallaanaatiin ona Noolee keessa Humna guddaa erge, haa tahu malee waraanni masrii Dirree Goflee ykn daayaa Goflee keessa, yeroo bakka bishaan Bunaa jedhamtu gahan loltoota murtii guutootiin wal Afaan dhufan. Lola kana irratti waraanni Rauf pashaa Ni caphe. Gara biraatiin naannawa ona Jaarsoo keessatti urfoo jiloo Bikkoo dabalatee, Garaada gosa jarsoo Adam Asahabiyyee , garaada gosa Girii jibriil fi Ali Abubakar ( Hararii) , warra wal gahii gubbaa jiru
Waraanni masrii marsuudhaan hunda isaanii qaqabe. Akka barruun takka takka jettutti jara kana waraanni masrii gara biyya masriitti erguudhaan mana hidhaa magaalaa kaayiroo Keessa jirutti hidhe. Rauf pasha waraana isaa cinaa kallattii Karra Ereriin jaarsotti bobbaase. Haa tahu malee waraanni kun jaarsoo keessatti bakka goobbaa jedhamtutti caphe. Waraanni masrii humni guddaan , Kallattii karra Hammarreessaatiin harar irraa bobbahuun, maayaa Qalloo qaxxaamuruun, kurfaa callee keessaan irkata baaduutti ol bahuus waraanni murtii guutoo bakka cirreettii jedhamutti afaan bahuun Guutuu guutuutti Daaraa godhe. Lola cirreettii Kana irratti Akka jedhamutti hogganoonni waraana murtii guutoo warri akka kormooso, ibroo shaxaatiifi Bal’aa Buubaa Lola kana irratti akka waraagamantu himama.
Waraanni masrii kallattii hundaan Socho’uu waan Dadhabaa dhufe jecha Rauf mahmmad pashaa tooftaa waraana murtii guutoo itti dadhabsiisuu baafachuu eegale. Rauf pasha akka Aadaa oromotti, dubartoota oromoo magaalaa harar keessaa walitti funaanuun warra haadha siinqqee jedhaman bakka waraanni murtii guutoo jirtu erguudhaan Araara akka barbaadu hime, haala kanaan caffeen gadaa Afran Qalloo
Walii galteen kun akka godhamu murteessuudhaan warra walii galtee nagayaa kana irratti hirmaatu hayyoota , warra gadamoojjii, gosa hunda irraa,warra jiraa gosaa tahan, Warra Abbaa gadaatiifi bokkuu tahan waliit qabuun walii galtee Nagayaa kana irratti akka hirmaataniif namoota 62 gara magaalaa Hararitti ergan. Rauf pashaa carraa kanatti fayyadamuun hamilee ummataa Caphsuu fi dadhabsiisuuf jecha Hogganoota Afran Qalloo kana bakka takkatti fixe. Ajjeechaa kana keessatti Hawaasni Afran Qalloo gootaa fi Hayyoota jajjaboo warra akka Caamaa Nuur, wadaay jiruu, wadaay Rigaa , Roobaa fi baabboo daga faa dhabuus waraanni Murtii guutoo daran cimaa dhufe. Bara 1876 G.C. keessa, lola guddaa naannawa meettaatti godhameen oromoonni Afran Qallootiif Ituun waraana masrii dannabaan akka Cabsan baruu adda addaa keessatti ibsamee jira . Lolli oromoota afran Qallootiifi masroota jiddutti deemaa ture, Lola bara kudhan guutuu godhamaa tureedha. Lola kana irratti namoonni kumaataman akka wareegaman ragaan barreeffamee jiru ni Adeessa.
Madda:
Pillipp paulitschke- 1885 – the ethnographie
Nordost Africa.
Muktar mahmmad- history and dictionary of Somali.
Lewis I.M – people of horn Africa..
Caulk A.Richard- ( 1971) the occupation of Harar.
Abbaa urjii – Raammissoo .( 2012