Lola Masriitii fi Ajjeechaa Hogganoota Afran Qalloo ( 1874 -1884 ) | Bilisummaa Online
Oduu Haaraya

Lola Masriitii fi Ajjeechaa Hogganoota Afran Qalloo ( 1874 -1884 )

Dur, Akkaataa Ajjeechaa hogganoota Afran Qalloo laalchisee hawaasni mirriga keessatti akkana jechaa ture :-

         “…. Biluu dooyaa Goflee

               Bokkuu Awwaala dhoorke

               Jiraa qubsuma tarree

                Lafa irra harkise Arabni

                Akka reefa harree,

                Eegee gaalaa canqollee

                 Abbaan if dhaadun tolle,

                 Eegee  gaalaa saata

                 Jiraan keenya goota…”

 Bara 1874 G.C. keessa waraanni warra masrii kan Ganaraal Rauf mahmmad  paashaatiin hogganamu ossoo hin  eegamin magaalaa jaldeessaa toohate. Jiraan gosa Nooleetiifi warri akka Ali karrootiifi sheikh Usman yeroo hatatamaan tarree NooleettiWal gahii kora caffee gadaa Afran Qalloo waaman.kora sanirratti akka walii galaatti urfoo Jiloo Bikkoo  Abbaa duulaa godhuun muudan.

afranqalloo

  1- Lola Iftoohaa:

 Waraanni urfoo jiloo qophii godhuuf yeroon inni qabu gabaabaa tahus gara magaalaa jaldeessatti  miila qallaa erguudhaan sochii waraana Rauf pashaa toohachaa ture. Fulbana 24, bara 1875 G.C. keessa, naannoo magaalaa kombolchaa bakka Iftoohaa jedhamutti  waraanni Afran Qalloo, kan urfoo jilootiin hogganamu waraana masroota irratti lola bane. Haa tahu malee waraanni Rauf pasha kan qawwee Ammayyaa hidhatee jiru haala jiru toohachuun  of dura imaluudhaan Naannawa magaalaa kombolchaa, bakka  Eeguu jedhamtu gahe.

  2- lola Eeguu :

lolli kun oromoota Afran Qallootiif lola murteessaa ture. lola kana irratti hamma tokko Waraanni faradoo hirmaatus sochiin warra lafootii wajjiin godhaa turan qindaawaa hin ture. Lolli kun lola guyyaa cinaa gaggeeffame hoggaa tahu garee lachuu irraa namoota dhibbaan lakkaawamuu dhume. Ammaas waraanni warra masrootaa  lamada of jaaruun If dura deemuu itti fufe.

 3- Lola Abaaguu ( Abbaagu)

lolli kun  onkololeesa 2 bara 1875 G.C. keessa, kan gaggeeffama hoggaa tahu Akka walii galaatti loltoonni afran Qalloo warra  Faradoo dabalatee, warri lola kana irratti hirmaate 37,000 hoggaa tahu lolli kun seenaa oromoota afran Qalloo keessatti bakka guddaa qaba. Gootoowwan ilmaan Afran Qalloo,waraana masrii kan madaafaa fi qawwee Ammayyaa hidhatee lolaa ture   injifachuun seenaa Haaraya  galmeessan. Lolli kun lola guyyaa dheeraa deemaa ture hoggaa tahu  waraanni warra masrii akkuma yeroo  dabreetti of booda deebi’uun Human isaa cimsachuun magaalaa harar dhuunfachuun gaara Hakim maadheefate. Haa tahu malee waraanni Afran Qalloo Magaalaa Harar kallattii hundaan  hidhuudhaan waraana Rauf pashaa bobbaa gala dhoorke.

        Lola dooyaa goflee ( dirree Goflee)

Rauf pashaan  erga magaalaa harar toohatee as kallattii adda addaatiin loltoota Murtii guutoo  irratti waraana babbaasuu itti fufuudhaan karaa karra fallaanaatiin ona Noolee keessa Humna guddaa  erge, haa tahu malee  waraanni masrii Dirree  Goflee ykn daayaa Goflee  keessa,  yeroo bakka bishaan Bunaa jedhamtu gahan loltoota murtii guutootiin wal Afaan dhufan. Lola kana irratti waraanni Rauf pashaa Ni caphe. Gara biraatiin naannawa ona Jaarsoo keessatti  urfoo jiloo Bikkoo dabalatee, Garaada gosa jarsoo Adam Asahabiyyee , garaada gosa Girii jibriil fi  Ali Abubakar ( Hararii) , warra wal gahii gubbaa jiru

Waraanni masrii marsuudhaan hunda isaanii qaqabe. Akka barruun takka takka jettutti  jara kana waraanni masrii gara biyya masriitti erguudhaan  mana hidhaa magaalaa kaayiroo Keessa jirutti hidhe. Rauf pasha waraana isaa cinaa kallattii Karra Ereriin jaarsotti bobbaase. Haa tahu malee waraanni kun jaarsoo keessatti bakka goobbaa jedhamtutti caphe. Waraanni masrii humni guddaan , Kallattii karra Hammarreessaatiin harar irraa bobbahuun,  maayaa Qalloo qaxxaamuruun, kurfaa callee keessaan irkata baaduutti ol bahuus waraanni murtii guutoo bakka cirreettii jedhamutti afaan bahuun Guutuu guutuutti Daaraa godhe. Lola cirreettii Kana irratti Akka jedhamutti hogganoonni waraana murtii guutoo warri akka kormooso, ibroo shaxaatiifi Bal’aa Buubaa  Lola kana irratti akka waraagamantu himama.

Waraanni masrii kallattii hundaan  Socho’uu waan Dadhabaa dhufe jecha Rauf  mahmmad pashaa tooftaa waraana murtii guutoo  itti dadhabsiisuu baafachuu eegale. Rauf pasha  akka Aadaa oromotti, dubartoota oromoo magaalaa harar keessaa walitti funaanuun  warra haadha siinqqee jedhaman bakka waraanni murtii guutoo jirtu erguudhaan Araara akka barbaadu hime, haala kanaan caffeen gadaa Afran Qalloo

Walii galteen  kun akka godhamu murteessuudhaan warra walii galtee nagayaa kana irratti hirmaatu hayyoota , warra gadamoojjii, gosa hunda irraa,warra  jiraa gosaa tahan, Warra Abbaa gadaatiifi bokkuu tahan waliit qabuun walii galtee Nagayaa kana irratti  akka hirmaataniif namoota 62 gara magaalaa Hararitti ergan. Rauf pashaa carraa kanatti fayyadamuun hamilee ummataa Caphsuu fi dadhabsiisuuf jecha  Hogganoota Afran Qalloo kana bakka takkatti fixe.  Ajjeechaa  kana keessatti Hawaasni Afran Qalloo  gootaa fi Hayyoota jajjaboo warra akka Caamaa Nuur, wadaay jiruu, wadaay Rigaa , Roobaa fi baabboo daga faa dhabuus  waraanni Murtii guutoo  daran cimaa dhufe. Bara 1876 G.C. keessa, lola guddaa naannawa meettaatti godhameen oromoonni Afran Qallootiif Ituun waraana masrii dannabaan akka Cabsan baruu adda addaa keessatti ibsamee jira . Lolli oromoota afran Qallootiifi masroota jiddutti deemaa ture, Lola bara kudhan guutuu godhamaa tureedha. Lola kana irratti namoonni kumaataman akka wareegaman ragaan barreeffamee jiru ni Adeessa.

Madda:

Pillipp paulitschke- 1885 – the ethnographie

Nordost Africa.

Muktar mahmmad- history and dictionary of Somali.

Lewis I.M – people of horn Africa..

Caulk A.Richard- ( 1971) the occupation of Harar.

Abbaa urjii –  Raammissoo .( 2012

Check Also

ruumicha

Ruumicha kaameeraa baatu.

Dubara beeloftuu afaan du’aarra turte takka ruumichi wayii liqimsuudhaaf eeggachaa jira. Iddoon isaa Sudaanidha. Barri …

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *