Oduu Haaraya

Magaalaa Finfinnee keeysatti Alaabaan oromiyaa akka hin fannifamne dhoorkame.

Tibba manneen barnoota magaalaa Finfinnee keessa jiran keessatti sababa alaabaatiin hokkorri kaafamuun ni yaadatama. Kanuma hordofuudhaan dhiheenya mana barnootaa kan Kutaa magaalaa Qirqoosi argamu tokko keessatti Alaabaan oromiyaa buufamuu barsiisonni mana barumsichaa ibsan.

Rakkoon kun gama mootummaatiin furamuuf yeroo baayyee irratti mariyatamullee, furmaanni waaraan argamuu hin dandeenye jedhan barsiisonni.

Guyyaa har’aa garuu alaabaan bahuuf wayita jedhu dura bu’oonni mana barumsichaa alaabaa Itoophiyaa malee kan biraa hin baasinaa jedhamnee gubbaadhaa ajajamne jechuun alaabaan Oromiyaa akka hafu taasifame jedhu barsiisonnii fi barattoonni.

Gochaan kun barattootaa fi barsiisota Oromoo akkaan dallansiisuu eeranii, magaalaa Finfinnee handhuura Oromiyaa fi dachee Oromoo taatetti eenyummaan Oromoo akka kanaan dhiibamuun aadmalee ta’uu dubbataniiru.

Mootummaan biltsiginna jalqabumaa gaaffii Oromoo deebisuuf fedhii wayiituu akka hin qabnee fi murna sirna durii harka lafa jalaan ijaaru akka ta’e agarsiiftuu dha jedhaniiru.

Mootummaan waca garee finxaaleyyii Amaaraan rifatu gaaffii uummata Oromoo ni deebisa jedhanii eeguun ofgowwonsuu akka ta’e barsiisonnii fi barattoonni mana barumsichaa kan dubbatan.

Shabo Media

Voice of voice less.

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *