Oduu Haaraya

Abbaa gadaa duraanii Obboo Aagaa Xenxanoo du’aan addunyaarraa boqotan.

Oduu Gaddaa

Kabajamoon abbaa Gadaa duraanii Doktorri kabajaa Aagaa Xenxanoo du’aan addunyaa kana irraa boqotan.

Aagaa

Abbaa gadaa Agaa xenxannoo kan dhalatan kibba oromiyaa godina Gujiitti yemmuu tahu, lubummaa kaasee hanga abbaa gadaatti ummata oromoo bal’aa tajaajilaniiru.

Bara abbaa gadaa turanitti seenaalee baayyee oromoof hojjachuudhaan ni yaadatamu. Keeysattuu ayyaana Irreechaa guddaa oromoon waggaa waggaan irratti wal argu, addunyatti beeksisuu keeysatti qoodni isaanii kan hoonga hin qabneedha.

Oromoon mana kitaabaa guddaa tokko dhabde. Hayyuu, qorataa, barsiisaa fi hoggansa gadaa guddaa kana dhabuu keenyaaf gadda hangana hin jedhamneetu nutti dhagahame.

Boolla isaanii daadhiin haa guutu jechaa, firaa fi aalii isaanii akkasumattillee ummata oromoo bal’aadhaaf Shabo Miidiyaan jajjabina hawwa.

Shabbo0 Miidiyaa

Voice of voice less.

Check Also

olla

Oromo Communities and OLLAA Thank Special Envoy of the Horn of Africa, Ambassador Mike Hammer

The U.S. Special Envoy met with the Oromo communities of Los Angeles and Southern California …

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *