Oduu Haaraya

Mallas silaa namuu waan adda addaatiin akka Isa yaadatu hin shakkamu, wallaalaan aangoo argatee dachii fudhatee mana jaarrattes sanumaan isa yaadata,

As wr wb, Ajaa’ibuma tan Mallas tun! Waadaan maqaa Rabbiitin moo Maqaa Mallas?

By Khalid Aniyyaa

Mallas silaa namuu waan adda addaatiin akka Isa yaadatu hin shakkamu. Kan abbaan Isaa ajjeefame saniin Isa yaadata, wallaalaan aangoo argatee dachii fudhatee mana jaarrattes sanumaan isa yaadata, badii malee kan mana hidhaa guutes sanumaan isa yaadata. Kaadreen tujjartes galata isaa hin irranfattu. Kan karaan ganda Isaanii keeysaan bahes karaa saniin yaadatu hin oolu. Namichi waan diila kanaa fii kanaa oliin yaadatama.

Minilik Oromoo fii Muslima biratti Harma muraa Anoolee, Masjida jiysuu, Masjida beta kiristaanatti jijjiruu fii kana kanaan yaadatama.
Akkasuma Warra muraasa biratti jeyna Masjida jiyse, Jeyna Harma mure, Jeyna Kiristaanaaf qabsaawe jechuun faarfamuu hin oolu.

Akkasuma hayla silaasee fii Mangistunis waan adda addaatiin ni yaadataman.
Kan akka Mallas kanatti Waaqayoo ykn Igzaaberii wajjiin walitti dhihaate hin argamu.
Sanuu eega du’e booda Igzaabeerii tahuun Isaatis ajaa’ibuma biraati.

Alhada dabre Saahiba kiyya tokko wajjiin mana nyaataa tokko ol seenne hoggaa gad teenyu “sagantaa Poolisii” afaan amaaraatiin ETVn dabaraa ture. Ayyaana Mallas kan du’a boodaa waggaa 1ffaa kabajaa jiran. duuba wanni haalaan na dhibe poolisiin federaalaa du’a Mallas ilaalchisee beellama Isaanii haaromsaa turan.
Beellama Mallasiif seenaa jiran moo eenyuuf seenaa jiranii ani naaf hin galle.
Kan hundarra na dhibe Poolisoota kumaatamaan lakkaawaman dura Poolisittiin takka dhaabbattee waadaa galchaa turte. Isiin waan jettu kumni dillii sun jalaa je’aa beellama seenan. Akkana jetti:
Waan Mallas eegale galmaan gahuuf MAQAA MALLASIIN beellama ni seenna.
Afaan Amaaraatiin “በመለስ ስም ቃል አንገባለን ” jetti.

Kiristaanni biyya teenyaa dur beellama Maqaa Abbaa, Ilmaa fii hafuura qulqulluutiin seenan. Waqayyoon Isaan gabbaran Abbaa, Ilmaa fii Hafuura qulqulluu ture.
Booda pheenxeen dhuftee Maqaa Iyaasuus qofaan beellama seenuu eegalte.
Iyasuus Waaqayyoo Isaan gabbarani.
Muslimni Maqaa Rabbii qofaan beellama seenan. Kan Isaan gabbaran Rabbii tokkicha haqaan gabbaramu.
Tan maqaa Mallasiin Waadaa galan tun maali yaa dhiiroo?
Amantii tana keeysatti Waaqayyoon Mallas Zeenaawiidha. Maqaa Isaatiin waadaa galan. Isaaf waadaa galan, akka Isaa tahuuf waadaa galan.

Jarri Maqaa Mallasiin waadaa galle jechuun Waaqayyoo Isaanii akka tahe dirree baasanii ETVn dubbatanii jiran.

Dhiiroo Maqaan Amantii tanaa maaluma taha?
Ani maqaan Amantii tanaa Ihaadiig natti fakkaata, Macaafni Qulqulluun Isaanii Addis Ra’iyii natti fakkaata. Waaqayyoon Isii Mallas Zeenaadha. Ergamtoonni Ammoo Kaabinee fii caasaa tahuu hin oolan.

Isin garuu waan jettaniin ani hin beeku.

Mee namni Afaan Amaaraa haalaan beytan hikkaa jecha kanaa naaf ibsaa yoo naa galuu beettes hin beeku.

በመለስ ስም ቃል አንገባለን !!!!

Check Also

faannoo

OROMO CIVILIANS CONTINUE TO BE TARGETED BY FANO MILITIA

Amhara Fano continued to attack Oromo civilians. In this latest incident, at least 17 people …