Oduu Haaraya
reefka warra baharatti dhumee

MALOO ABDII HIN KUTINAA!!

======================
Rabbiin nu badhaasee
namaan saamamnullee,
▶Osoo hundumaa qabnuu
beelawaan yaamamnullee,
▶Haqaaf osoo falmannuu
alagaan dhaanamnullee,
▶Cubbamnee biyyaa baanee
galaanaan nyaatamnullee,
▶Abdii hin kunnu rabbirraa
Isa qabnaa ammallee.!!!
■■■■■■■■■■■■■■■■■■■■
▶Dhugaadha dubbiin keenna
hedduu nama dhamaasaa,
▶Inni kuun yeroo ta’u
Cubbuun nyaata rasaasaa,
▶kuun roorroo dheessee bahe
gatee haadhaaf abbaasaa,
▶Isa kaan diinni hedhee
maatiin adda facaasaa,
▶Roorroon yoo heddummaatu
qabsoof nama kakaasaa,
▶Abdii hin kutin lammiikoo
rabbiin keessaa nu baasaa,
▶Waan fideef kan beekullee
Isa qofaa balaasaa,
▶Kan barbaade kuffisee
guyyaa fedhes ol kaasaa,
Balaa rabbii obsinee
haa kadhannuu tolaasaa.!!
■■■■■■■■■■■■■■■■■■■■
▶Roobuuf yeroo barbaadus
akka duumessa godhuu,
▶Gammachuu hedduus
fiduuf gaddaatu dursa jedhuu,
▶Numa qormaate malee
rabbiin eennullee hin miidhuu,
▶Balaan yoo jabaattellee
naaf obsi ciniinnadhuu.!!!
■■■■■■■■■■■■■■■■■■■■
▶Hanga yoom du’a sabaa
himaa wol jabeessinaa?
▶Hanga yoo gara du’aa
du’a jalaa dheessinaa?
▶Maaliif du’a jalaa dheessuuf
awwaalas fageessinaa?
■■■■■■■■■■■■■■■■■■■■■■
▶Lakki nuuf gamtee jirtii
eessaa garam dheessinaa?
▶Amma booda nu gahe
kaaneet wol jabeessinaa,
▶Diina nu barbadeessu
cimnee barbadeessinaa,
▶Akka nut-hindeebines
ufirraa fageessinaa,
▶Ari’uu qabna malee
akkam jalaa dheessinaa.!!
■■■■■■■■■■■■■■■■■■
Mirga waaqni nuuf kenne
ufirraas hin butinaa,
▶Falmannee keessaa baanaa qarqaarsa rabbii wojjiin
MAALOO ABDII HIN KUTINAA!!

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …