Harki abaaboo namaa kennu ni urgaa’a. (Chinese)
♣ Namoota baay’atanii laga ce’an naachi hin-nyaatu. (African)
♣ Kufaatii diinakeetti hingammadiin; lafaa isa kaasuufis hinariifatiin. (Jewish)
♣ Hanga laga ceetutti naacha hinarrabsiin. (Haitian)
♣ Yoo kolfuu hinjaalattu ta’e Suuqii hinbanatiin. (Chinese)
♣ Nama fuudhaaf deemuu fi nama waraanaaf deemu hingorsani. (Spanish)
♣ Dhugaa dubbachuu hinsodaatiin; garuu dafii achii deemi. (Slovenian)
♣ Mala Jaalalaa: suuta qabi; suuta gadi dhiisi. (Spanish)
♣ Lagni hangam fagaatee deemus, madda isaa hindagatu. (Nigerian)
♣ Maalummaa nama tokkoo isa dhugaa baruuf, hanga inni taayitaa argatutti eegi. (Yugoslav)
♣ Saree hindunnee fi bishaan ciisu amantee itti hindeemiin. (German)
♣ Bakka itti kufte caalaa bakka itti mucucaatte yaadadhu. (African)
♣ Gorsaa fi soogidda osoo hingaafatamiin hinkenniin. (Italian)
♣ Sooressa, namni gowwaa hinse’u. (Spanish)
♣ Hiriyaakee dhugaa harka lamaaniin qabadhu. (Nigerian)
♣ Mukti jallaan, gaaddidduun isaatis jallaa dha. (French)
♣ Osoo hinilaaliin hindhugiin; osoo hindubbisiin hinmallatteessiin. (Spanish)
♣ Onneekee oftuulummaan hinguutiin; ogummaadhaaf bakka dhabdaa. (African)
♣ Waaqni simbirrootaaf nyaata ni kennaaf; garuu baatee manatti isaan hingalchu. (Danish)
♣ Maallaqni hindubbatu; garuu soba dhugaa fakkeessa. (South African)
♣ Yeroo arfaasaa ooruu (maasaa) kee, yeroo gannaa immoo mana kee gadi hindhiisiin. (Chinese)