Oduu Haaraya

Matiiwwaan Hiidhaamtoota Kofalee fi Asaasaaf Degarsi Malaqaa Tasiifame.

Raadiyoo Daandii Haqaa {RDH }
Jumaata Hagayya 22 /2007

Obolewwaan Biyya Kuweetiit argaman Kan Nannoo Oromiyaa Goodina Arsii Lixxaat Dhalataan Matiiwwaan Musliimoota Kofalee fi Asaasaa irra Hiidhamaniif Degaarsa Malaaqa tasiisuu issaani maddooni nuf gabasaaniru.

Obolewaan kun Mattiiwwaan Hidhaamtoota 32 karaa Bakka Buu’oota Issaani Bakka Bufataniin Matiiwwaan 31 kofalee irraa fi Maati tokko ammoo Asaassaat gargaarsa Malaqaa obolewwwaniin gumaachame kan biran gahan yoo ta’u tokkon tokkon issaaniif degaarsa malaqaa hamma 2000 kan tasiisaniif walummaa galaat degaarsa malaaqa biyya keenya 60,000( Kumma Jaatamma ) kan tasiisan tahuu maddooni keenya nuf gabasaaniru.

Obolewwan kun Fedhii Rabbiitin duranaafis gargaarsa barbaachisu hundaan Hawaasa maatin karaa Rabbi irrat qabsaa’u isaanitif irra hidhaman gargaaruf kan kutatani kahan tahu nuf beksisaniiru .

Maatin Hidhamtootas Gargaarsa Ijoole isaan biyya alat argamaniin isaanif taasifamef kan akkaan gamadaniif du’aa’I kan taasisanif tahu bekameera .

Hawaasin muslimaa Biyoottan alaa keeysat argaman Maati Hidhamtoota Fi Shahiidotta gargaaruf ijoole isaan barsiisu gubbat akka hojii cimma hoojachu qabu waamicha baldhaan taasifama kan ture tahu ni yaadatama .

Rabbiin Injifanoo akka nu goonfachiisuf Obolewwan keenya karaa Rabbii kana gubbat Aarsaa gudda kafala jiran haa yaadanu !

Wolif Haa Tumsinu !

Tokkumaan wol ijaarudhan Maati hidhamtoota fi shahiidota cinaa dhaabachudhan nus isin wajjiin jira haa jenuun !

Ijoolle Abbaan irraa karaa Rabbi irrat Shahiiddumma argataniiif Mana hidhat darbamaniif Abba haa taanuf !

Hundumtu keenya Qabsoo kana keeysat Gahee keenya haa baanu !

Check Also

Sheekh Aakdam Tuulaa 20221019 21

Nama Rabbiin jaalate maaltu jibba? Awwaalcha Sheekha guddaa Aadam Tuulaa, ilmi namaa manatti hin hafne.

SEENAA SHEEKH AADAM TUULAA fii yaada ummata (Yaadannoo Sheekh Aadam Tuulaa (1905-2022) By: Urjii Ahmad …