Oduu Haaraya

Ministeera Barnoota Itiyoophiyaa: Qorannaa Oromiyaan Gaggeesseetu Lafa Qormaanni Itti Kennamuu Danda’uu fi Turfamuu Qabu Murteesise

Qormaatni biyyoolessaa Itiyoophiyaa kan silaa barana kennamuuf ture ba’ee miidiyaalee hawaasummaan facaasamuu isaa irraa kan ka’e haqamuu isaa fi yeroon qoramaataa haaraan, akka lakkoobsa Itiyoophiyaatti Waxabajjii 27 haga 30 bara 2008 akka kennammu Ministarri barnootaa Itiyoophiyaa ibsa kenneen beeksisee jira.

Qormaatni sun akka baasamee facaasamu ka taasisame, mormii barattootaa baatiilee ja’aaf Oromiyaa keessatti geggeessameen wal-qabatee, barattoonni sirnaan barnootaa isaanii hordofuu fi qormaatichaaf qophii gahaa gochuuf yeroo fi deggersa gahaa waan hin argatiiniif kanneen jedhan geggeessitoonnii fi deggertoonni mormii Oromiyaa keessaa immoo, beellamni lammataa mootummaan kenne kun illee yeroo gahaa akka hin ta’in dubbachuun morman.

Kana kan ilaaleen Ministeera Barnootaa kan Federaala Itiyoophiyaatti Daayreektoreetii dhimmootii komunikeshinii keessatti bakka bu’aa Daayreekteeraa kan ta’an Obbo Ahmed-siraaj Misbah deebii kennaniin qorannoo Oromiyaan gaggeesseetu lafa qormaanni itti kennamuu qabuu fi turfamuu qabu murteesise jedhan. Guyyaan Qormaataa Waxabajji 27 hanga 30tti qabaamees gabaabina yeroo jiru irraa ta’uu isaa ibsanii ba’ii qormaata barattotaa yeroon gabaasanii barnoota bara dhufuu itti fufuuf haala dandeesisuun guyyaan kun murame jedhan. Soommana Ramadaan keessa hojii hojjachuun rakkisaa miti, garui Id Al Faxir guyyoota kana irra ollaan guyyaa tokkoon achii butuun ni jiraata jedhu.

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …