Oduu Haaraya

Daawuud Ibsaa dantaa mataa isaatiif malee danta QBO fi dantaa tokkummaa Oromoo hin qabu..

Shanee: Maafiyaa Horroo Guduruu

Akkuma har’a hunduu hubatu, Shaneen Maafiyaa Horroo Guduruu ti. Itti gaafatamaan ol’aanaan

Maafiyaa kanaa Obbo Daawuud Ibsaa ti. Yeroo dheeraa keessatti, Daawuud Ibsaa dhoksaan

Maafiyaa kana ABO keessatti ijaaraa ture. Ijaaruu duwwaa osoo hin taane, sadarkaa hundatti

namoota Horroo Guduruu itti remade. Maafiyaan kun, hamma ijaarameen booda yakka hamaa fi

hammaataa daangaa hin qabne qabsoo Oromoo, ABO, fi miseensota ABO irratti raawwataa

jiraachuun isaa oolee fi bubbulee jira. Yeroodheeraa irraa jalqabee hamma har’atti Maafiyaan

Horroo Guduruu kun, qabsoon bilisummaa Oromoo akka hin milkoofineef danqaraa fi daggaraa

ittatti ta’ee jira. Murni kun, naqarsa (“cancer”) qabsoo keessaa ta’uun isaa har’a ifatti mul’atee

jira. Dhugaan turee fi jiru

Daawuud Ibsaa, daantaa mataa isaatiif malee daanta QBO fi daantaa

tokkummaa Oromoo hin qabu

; qabaateellee hin beeku. Namuu hubatuu kan qabu, Dawuud Ibsaa

namoota ganda isaa, namoota Horroo Guduruu, qoofa bakka hundatti rammaduu isaa ti.

Fakkeennaaf:

1. Obbo Jirreenyaa Taffaraa Itti gaafatamaa Jaarmaa biyya Awuroppaa—-Horroo Guduruu;

2. Obbo Gaashuu Lammeessaa, Itti gaafatamaa Jaarmaa biyya Awustiraaliyaa—Horroo

Guduruu;

3. Dr. Shuguxee Galataa, Itti gaafatamaa Damee Diploomaasii ABOHorroo Guduruu;

4. Obbo Mikaa’eel Boranaa, Itti-gaafatamaa Jaarmaa Abba Seeraa fi Alangaa; Itti-gaafatamaa

Jaarmaa, Damee Beeksisii biyya Alaa; Itti-gaafatama Jaarmaa Damee seeraa fi toohanoo,

akkasumas Itti-gaafatamaa Jaarmaa,Damee Diinagdee USA fi Kanaadaa ti—Horroo Guduruu.

Asirratti kan nama ajaa’ibuu fi maalalchiisu, nama tokko irratti aangoon heddu tuulamuu isaa ti.

5. Aadee Dinknesh D. Kitilaa, Ijaarsa dhokkissaa namoota nannoo Horroo Guduruu ijaaruu fi Itti

gaafatamtuu ‘International Oromo Women organization (IOWO)’ jedhutti rammade—Horroo

Guduruu.

6. Obbo Tashomee Diimee, ‘International Qeerroo Support Group’ USA fi Kanaadaatti

rammade—Horroo Guduruu.

7. Obbo Girmaa Xurunaa, ilma obbolleettii isaa Itti-gaafatamaa Qeerroo biyya keessaa, Itti-
gaafatamaa Raadiyoo Sagalee Qeerroo fi Itti-gaafatamaa Diinadgee biyyaa keesaa ti—–

Horroo Guduruu.

8. Obbo Lammii Shunaa…miseensa Maafiyaa ti—Horroo Guduruu.

Dhuugaan lafa jiru, Maafiyaan Horroo Guduruu kun dhimma mataa isaatiif jecha ABO keessatti

diimokraasii dhabamsiise. Bakka diimokraasii abbaa-irrummaa, gandummaa fi dabaanbulina

(corruption) biqilchee fi magarsee sirna ittiin masakkamu kan tokkummaa Oromoo fi qabsoo

bilisummaa Oromoo ittiin laamshesu godhate.

Sinuma diriirtate kana irratti irikatee, Obbo Dawuud Ibsaa saganataa ABOn alaatti aangoo isaatti

dhimma ba’uun hojiin qabsoo fuula duratti akka hin tarkaaffanne godhaa ture; ammallee godhaa

jira. Maallaqni maqaa qabsoon walitti qabamu, bakki dhaquu fi ga’uu hin beekkamuu. Yeroo

gaafiin itti ka’u, WBOf ergame jechuun ala ragaan qabatamaan (accountability and transparency)

hin jiru. Murni Maafiyaa kun, gama tokkoon ABO diiga; qabsoo bilisummaa laamshessa. Gama

biraatiin ammoo, maqaa qabsoo fi maqaa ABOn maallaqa lammiwwaan Oromoo irraa guura.

1

Waggaa kudhanii saddeeta guutuu, maqaa Guyyaa WBOn, Guyyaa Gootoota Oromoon, Guyyaa

Fincila Diddaa Garbummaan fi amma ammoo maqaa ‘International Qeerroo Support Group’

jedhuun caasaa Maafiyaa Horroo Guduruu addunyaa keessa diriirsee lammiiwwaan Oromo

gowwomsuudhaan maalaqa guuree daldala adeemsisaa jira. Kana duwwaa odoo hintaane,

maallaqa guurame kanaan gootoota Oromoo biyyaa keessatti dhabamsiisaa jira. Maafiyaan kun,

afaaniin bilisummaa! Walabummaa! Jedhaa dhaadata. Hojiin isaatiin ammoo, tooftaa fi tarsimoo

qabsoo bilisummaa fi walabummaa Saba gonfachiisan nyaata. Afaaniin tokkummaa faarsa.

Hojiin ammoo, tokkummaa diiga. Maafiyaan kun, afaaniin jaalala Oromoof qaba jedha.

Gochaan garuu, ganda isaatiin ala jibba lammiiwwaan Oromotiif qabu hojjata. Maafiyaan kun,

ganda isaatiin ala, lammiwwan Oromoo hundaa akka masaanutti (arch-enemy) ilaala.

Xiyyeeffanaa fi adeemsi murna kanaa, Oromoo moggeessuu fi facaasuu, qabsoo bilisummaa

Oromoo laamshessuu, maseensuu fi bu’aa dhabiyyee godhee hambisuu dha. Hojiin Maafiyaa

kanaa har’a, mataa irraa hamma miillatti tortoree ajaawee jira. Haalli kun, har’a ragaa ifatti

mul’ataa Maafiyaa Horroo Guduruu ti.

Check Also

faannoo

OROMO CIVILIANS CONTINUE TO BE TARGETED BY FANO MILITIA

Amhara Fano continued to attack Oromo civilians. In this latest incident, at least 17 people …

4 comments

  1. Hedduu rakkattan!!!!!!!!!!!!!! Oromoo gandaafi lafaan addaan basaawuun diinummaa moo maali? hujjii diinaa akka hojjachaa jirtan beekkamaa tahaa dhufaa jira. Kan eergaa diinaa hujjii irra oolchuuf wixxirfaturra, kan waan akkanaa kana maxxansuutu magani/raajjii. Hundaafuu, qabsoon kashlabbeedhaan waan hin jaarmneef kashalbbeen humaa tahuu hin dandeessu.

    • Tooftaa dulloomaa dha kun,Oromoon as irra darbee jira CR namni kana si irraa bitatu hin jiru ,sababi isaas ati hoo wayyaneetu girshii shaniin si bittee ,waan oromoo diigu ,gandummaa,amantii fi gareen akka oromoo qoodduuf FB fi Paltalk irratti si ramaddee jirachuu oduun wayyanee jalaa hatame ni himaa .Kanaaf waan siif kennan sana nyaadhuu ti afaan kee qabadhuu ta’i ,akkuma sitti guutan san gadi baatee of keessaa hin albahin ,qarbata abbaa kee lafti haa nyaatuu.kkkkkk Dawud Ibsaa urjii QBO oromoo ti si dhiisii wayyanenuu ni sodaatti ,kanaaf callisii tahi qarbata wayii dawullaa.

  2. Caffee Rammis.com nuti si’ii tokkummaa oromoo diigu agarra malee ,Dawud tokkummaa oromoo diigu agarree hin beeku ,Dantaaf bitamuu jechuun nama akka kee diinaan bitamee Paltalk fi FB irratti QBO irratti olola oofu jechuu dha. ykn nama akka kee kana qarbata ,garaa isaa malee gabroomun saba ofii itti hin dhagamne jechuu dha ,kanaaf ati doofaa dha waanuma sitti guutan gadi baatee of keessaa albaata. namni diinummaa kee si irraa nagadatu hin jiru.Oromoon waan ati gootu kana irra guddateera .Dawud Ibsaa warri si bitee si fagsiisu iyyuu ni dadhaban kanaaf afaan kee qabadhuu waan siif kennan sana nyaadhuu tahi .Fagaraan yaaduu dhiisii sammuun yaaduu yaali. ajaawaa.

  3. Namni kun gadigaloo namaati. Hashara Oromoo ti malee dhiiga Oromoo nama qabuu miti dhibbaa dhibbatti. Waan kana kan maxxasuus, gaazexeesitummaa xiqqollee kan qabu ykn kan barate hin fakkaatu ykn diina. Akkamitti namni waan Oromoof hin tole oloola rakisha akkanaa yeroo maantanatti maxxansa. Maxxansullee waan raga qabatamaa qabu yoo tahe gaafachuu fi mirhkaneefachuu qaba. Abbaa Bilisummaa.com oromoof raga dhiheessi.!!!!!!!!!!!!!!