Oduu Haaraya

Minnesotaafi OPDO – Jawar Mohammed

Jilli OPDO kan Wayyaaneen gara biyya alaa bobbaafte mormii cimaan isa qunnaamuu gabaasota dhihaatan irraa argaa jirra. Warri Melbourne guutumatti walgahichi akka hafu gochuun yoo milkaayan, warri Frunkfurt walgahiin sun embaasii  keessa waan ta’eef hambisuu dadhabanis, hiriira guddaan mormii isaan agarsiisan jiran. Gama Minnesota yoo dhuufnu haala walmakaan jiraachuu agarra. Gama tokkoon mormii cimaadhaan Abbaa Duulaa naasisuu videon agarre. Akkasumas magaalaa Oromoo kum afurtamii ol keessa jiraatu kessatti, walgahii qondaalonni  mootummaa gurguddoo afur irratti argamaniif namni 39 qofti argamuun, san keessaahuu walakkaa ol warra isaan mormuuf seene tahuun sirni kun akka fedhetti ummata keessa seenuu dadhabuu isaaf ragaadha. Haa taa’uu garuu akka baay’ina ummata achi jiruutinif haala amma dura Minnesotaan beekkamtuutin  namni mormiif bayes xiqqaa.  Sababni kanaa rakkoon qindoominaa falmattoota ( activists) jidduu jiraachuu akka ta’e hubanna.  Tarkaanfii fudhatamuu malurratti dursa mariinfi ejjannoon walfakkaataan akka hin fudhatamin agarra. Mudaafi milikiin Oromiyaa Xiqqoo keessatti mul’atu hamilee hawaasa Oromoo biyyaafi ala jiraataniif muteessaadha. Kanaafu laafinni akka amma mul’atee kun akka lamuu hin deebine itti yaaduun barbaachisaadha.

Amma erga dubbiin dabartee booda jaarmayoota hawaasaafi namootatti quba qabuun wal balaaleffachuun daran wal diiguuf malee faaydaa biraa hin qabu. Akeekni guddaan Wayyaaneen jara asitti bobbaafteefuu dadammaqiinsaafi tokkummaa Oromoo biyyoota alaatti waggoota lamaan dabaran mul’ate kana shakki jidduu naquun laamshessuufi. Kana hanqisuufi ciminaan as bahuuf jaarmayaaleen hawaasaatifi falmattoonni ( activists) walgahanii waan tahe tasgabbiin  xiinxaluun ejjannoofi tarsiimoo waloo baafachuun barbaachisaadha. Hojii kana ammoo kaleessuumarraahuu akka eegalan waan dhageenyeef injifannoon akka as bayan abdiin guddaadha.

Haaluma walfakkaatuun gaazexessitoonni  OMN hojii boonsaa hojjattan.  Kaameraa seensisuu dhoorganis luuxanii seenuun sagalee waraabbachuun, gaafilee ciccimoo ummata keessa jiraan gaafachuun isaani injifannoodha. Odeeffannoo ummata barbaachisu maddisiisuuf yaalii dhumaa godhuu isaanitiif ragaadha. Haawwii odeeffannoo dabalataa argachuuf qabniin jecha hamma walgahii boodaatti turan. Yaalii kana hunda sa’aa dhaabbataa hojii isaanitin alatti kaka’uumsa mataa isaanitin kan  godhan ta’uun murannoo isaanii kanaaf ragaadha. Joolleen tun baatilee kurnan kana keessatti shiraafi roorroo mootummaa kanaa ifatti saaxiluun saalfachiisaa turte. Yeroo gabaabaa kana keessatti joolleen muuxannoo televiziyoonaa takka malee onneen hojitti seente tattaaffi hakanii guyyaan gooteen gaazexeessitoota  sabni isaanii ittiin boonu, alagaan itti hinaafuufi diinni haxooxifatee sodaatu ta’uu danda’anii jiran.  Affeeraan ‘kophatti isin dubbifnaa’ sun tooftaa ( set up) suuraa maqaa gaazexessitoota kanaatifi dhaabbata isaanii, OMN, xureessuf baasan kana argachuuf akka ta’e ifaadha. Joolleen yaaliin interview Abbaa Duulaa waliin gochuu waan deebii argatan itti fakkatanii duuka deeman. Jarri garuu yoo danda’an sossobachuuf, dadhabnaan ammoo maqaa balleessuuf karoorfatan. Kun ammoo olola sa’aatilee muraasaatiif yoo fayyade malee bu’aa biraa hin qabu. Eenyummaafi amanamummaan gaazexessitoota kanaa hojii guyya-guyyaan ummataan gahaniin malee  suura takkittiin  hin madaalamu. Tooftaa rakishaa akkanaatitu duraanuu OPDO saree alagaan gamaa gamana ergattu ta’urraa baahuu isii dhoorge.

Warri suuraa kanatti fayyadamee OMN maqaa balleessuu fedhu wanni hubachuu qaban, hojii boonsaa gaazexeessitoonni dalaganitti  dabalatee hogganoonni dhaabbata kanaa bakka walgahii sanitti argamuun murmii agarsiisaa turan. Warra alatti Abbaa Duulaa gaafiin muddee ari’e keessaa takka miseensa boordii OMN kan taate Aadde Ertiraa Namarraati. Akkasumas namoota sadeen mormii kanarratti qabamanii hidhaman keessaa takka, Aadde Saamiyaa Usmaan, miseensa koree  qindeessitu  OMN kan Minnesotaati. Yeroo hogganoonni alaa mormiin jara waxalanii ari’anii ol galchan, gaazexessitoonni  ammoo keessaa,  naamusa ugummaan isaanii ajajauun   gaafilee belbletuu dhiheessuun isaanii  OMN jaarmaya akkamii akka tahe ragaa baha.

Waa hundaafuu mee haala jila OPDO Minnesota dhaqe san mudate gabaasa guutuu OMN dhiheesse irraa laalaa

– thegulelepost

 

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …