Oduu Haaraya
walaloo 2

Mirga Qabduu Filadhaa

Mirga qabduu filadhaa
Gamtaan ta’aa mormadhaa
Jennaanuma lafaa kaane
Saba keennaaf falmine
Soba turraan shakkamne
Hidhaattis darbamne
Kaan hiitee hidhatti darartaa
Kuun biyyaa siif baqataa
Kuunillee biyyaaf falmataa
Jarattiin tama duraa beennuu
Waan haaraa bar nu irraa eennuu
Wonti kaleessaa kaleessa tartee
Hardhallee haaraa maal argite?
Dhugaa dhara fakkeessanii
Dhara dhugaa fakkeessanii
Dharri injifattee
Dhugaan nu dhokattee
Eennutu gabrooma
Eennutu gowwooma?
 
Eeennu Fa’a
Eennu fa’a bilisummaaf kan woreegaman?
Kan ijaan agartan
Kan qaamanis beektan
Faajjii isaanii kaasaa
Ittinan garmaamsaa
Goota ija barbadaa
Gootni mallattoo urjii
Kan ofirraa qabu faajjiin
Eennu fa’a bilisummaaf kan woreegaman?
Kan ijaan agartan
Kan qaamanis beektan
Worri seenaa barreessu
Kanneen dhugaaf baabsu
Abbaa daamaa booraa
Kan mudhii zinnaaraa
Kan ol kaase faajjii
Kan dhahe amajaajjii
Eennu fa’a bilisummaaf kan woreegaman?
Kan ijaan agartan
Kan qaamanis beektan
Kan qubeen barreessee
Afaan saba barsiise
Abbaa daamaa sakaraa
Haxxiyyaa jarjaraa
Kan nafti cittoo taye
Kan qaamni lafetti baye
Kan ol baye gaara
Kan harcaase xiyyaara
Eennu fa’a bilisummaaf kan woreegaman?
Kan ijaan agartan
Kan qaamanis beektan
Gaarattii
Gaarattii ol baate roggee
Eennu dhaqee diina mogge
Kophaa hin dhaqnee inni gaafa duraa
Sabboonaa fi sabbboontutuuyyi jiraa
Guyyaan leetoo leetoo
Guyyaan heexoo heexoo
Warra balleessuu majanii

Dhugaa otoo sirriin arganii

Check Also

usmaayyoo muussaa

Yaadannoo artist Usmaayyoo Muussaa

Sagantaan yaadannoo Artist Usmaayyoo Muussaa magaalaa Finfinnee Hoteela ILILI INTERNATIONAL tti torbaan dhufu ni qophaawa. …