Oduu Haaraya

Motummaan wayyaane daangaa Sodaan qaxxaamurte ummata sodaan golaa jiraachuun isii gabaafame jira.

Hegeree Oromiyaatiin

Akka ministerri biyya keysaa Sodaan Gaazexaa Al-Ra’yi ja’amuf ibsetti kutaa qadaarif keysaa magaalaan Qallaabaat ,Faqash , Qureesh , Basndaa fi gandoleen sodaan heddun shiftota wayyaane kanaan weraramani jiraachu ibse jira.

Ministerichi ibsa isaa itti fufudhaan werara shiftota wayyaane kanaan namni 28 lammi sodaan irraa ajjefamu ibsee , horiin saamame ammo 300 kan caalu tahuus ibse jira.

Haaluma kanaan wal-qabate dura taa’aan barlamaan sudaan motummaan isaanii waraanaa fi nageya eydota naanno sanitti ergu akka qabdu gaafatani jiru.

Keysa beytonni haalaa ethiopia fi sudaan akka ibsaa jiranitti laafina yero ammaa motummaan sodaan keysatti argamtu kanatti motummaan wayyaane fayyadamte lafa Sodaan keysaa ta barbaadde dhunffatte ergasii wali-galte daangaa gonaa kottaa jechuuf akka demtu keysa beytonni haalaa motummaa wayyaane kunnen eranii jiru.

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …