Oduu Haaraya

ODUU GAMMACHIISAA,  JAALATTOOTA AARTII OROMOO MARAAF:

 

Kabajamtoota ilmaan oromoofi jaalattoota aartii afaan oromoo maraaf; akkuma beekkamu filmiin hawwii guddaan eeggachaa turtan filmiin IMIMMAAN BAQATAA, kan haala ajaa’ibaan ijoollee oromoo keniyaa jiraataniin hojjatame, filmiin barsiisaa, bashannaniisaafi erga qabeessa tahe kunoo xumuree eebbaafi agarsiisa iskiriiniif qophaa’eeti jira.

Eebbaafi agarsiisni filmii IMIMMAAN BAQATAA jiraattoota oromoo Nairobi, kenyaa jiraatan biraa kan jalqabu yoo tahu, dhawaatumaan idil addunyaa bakka ilmaan oromoo jiran mara bira kan gahu taha.

Eegaa haaluma kaanaan eebbi filmii kanaa:
Guyyaa: Sadaasa 7, 2015

Sa’aatii: waaree booda sa’aa 1:00 pm irraa jalqabee

Bakki: Nairobi, Guan Institute Hall pangani police station itti aanu.

Bakka hirmaattoonniifi jaalattoonni aartii oromoo argamanitti haala hoo’aa taheen kan eebbifamuufi agarsiisni jalqabaa iskiriinii (screen) irratti kan dhihaatu taha.

Kanaafuu; ilmaan oromoo nairobi, kenya jiraattan marti guyyaa jadhame kanatti eebba filmiifi agarsiisa isaa irratti akka hirmaattan kabajaan isin afeerree jirra.

Gatiin seensaa: shilingii 300 qofa.

KOREE QINDEESSITUU EEBBA FILMII

Check Also

xalayaa

Seenaa gammachuu qamaltii: Kutaa Tokkoffaa

Taammanaa Bitimaa irraa Jaalatamoo fi kabajamoo yaa dubbiftoota barreeffama kanaa, mee kunoo hardha irraa kaaseen: …