Oduu Haaraya

MUKA JALLAA DIRIIRSUUN OSOO QACALEETI

Tattaaffiin rakkoo qabsoon Oromoo mudatte furuudhaaf akka matayyaattiis tahe akka  gurmuutti godhamaa jirtu mara jajjabeessuun barbaachisaadha. Carraaqqiin garasiin godhamtu garuu, tan rakkoo jirtuuf furmaata argamsiiftu malee tan rakkoo jirtu  daranuu  hammeessitu tahuu hinqabdu. Keessaafuu, injifannoolee hanga ammaatti argamaniifi wantoota bu’ura tahan akka hin faallessine of eeggannoo cimtuu qabaachuu feesisa. Murni dhiheenya kana as bahe  jechoota hahhaarayaa waliin mul’ate. Jechoota kana keessaa, jechoonni lama (terminologies) waan qabsoon Oromoo hanga ammaa himachaa turteefi (political narrative), maalummaa qabsoo tanaatis faallessu tahuu isaanii ibsuufi hubachiisuu barbaachisa. Jechoonni baanaman kuni gaaffii Oromoo gaaffii sabaatirraa gara gaaffii mirga amboommiitti gadi siqsan,  Oromoo ammoo, gurmuu akka sabaatti of dandayee ejju tahuurraa kan gara garee Afaaniitti (linguistic group) gadi cabsan tahuudha agarra. Dubbiin lameen tunniin injifannoolee hanga ammaatti goonfanne ni gaaga’an;  karaa nuu hafe keessattis gufuufi sakaallaa nutti tahuus ni malan. Kanaafis jechoonni kuni gad baafamanii ummatatti dhihaatanii afaanfajji osoo hin uumin,  warri ykn gareen dubbiin tun irraa maddite dhimmi kuni duumeeysa balaa dorrobe tahuu akka hubatan  yaaliin godhamteeti turte. Yeroo sunitti dubbiin dogongora tahuu isii fudhatanii sirreessuufis tarkaanfiin akka fudhatamtu waadaa seenaniiti turan. Haatahu ammoo, waadaa seenan sun diiguudhaan amma kunoo bifa galmeetin basaqeeysatti asiin bayaniiti jiran.

Kanaafu maalummaa dubbii tanaa ibsuudhaan miidhaa tattaaffii sabaatirratti fiduuf maltu ammuma osoo ganamaa bifa xiinxalliitiin ifa goonee ummataaf dhiheessuuf dirqamneeti jirra.

Biyyoommii /Lammoommii/ Amboommii) {‘citizenship’}[1]

Akkaan ani hubadhutti qabsoon Oromoo mudannoo akka walootti saba kanarra geesserraa dhalatte. Mootummaa alagaatiin weeraramee akka sabaatti guututti cabee, cunqursaa siyaasaa, kan diinnagdeetiifi kan aadaa jalatti kufuuf boortame. Mirgoota akka sabaatti sabni tokko qabaatu mara akka matayyaatti osoo hin tahin akka waloommiitti mulqamuu mudate. Wanni qabsoof tokkummaan isa kakaasees mudannoo tana. Furmaanni tokkichi jiruus waliin hiriiranii qabsoo waloo (collective action) gochuu qofa tahe. Kana jechuun Oromoon, mirgoota akka sabaatti qabu mara akka sabaatti dhabe; akeekni qabsoo  isaatis mirgoota mulqame mara harka ofiitti deeffachuudha;  kana dhugoomfachuufis qabsoo walootiif waliin ka’eeti bobbahe. Wanni abbootii teenya qabsaawoota duraa wal barbaachise maali? Kan Taaddasaa Birruu Shaggarii kaasee Arsii Dheeraa geesse, kan Jaarraa Abbaa Gadaa Asabootirraa tumsaaf Baaletitti isa duulchise,  kan Aadam Saaddoo Baalerraa Finfinnee fidee waraqaa barruu iccitii qabdu nyaapharraa eewaluuf alanfachiise liqimsiise maali? Balaa waloo hundarratti dhufe faccisuuf waliin dura dhaabbachuuf akka tahe ifa jira.   Ilaalchaafi hubannoon Oromoon hamma ammaatti qomaa qabduus kanuma. Kan ofitti isa fudhatee, qabsoodhaaf isa hiriirsee milkii hamma ammaatti argamte fidees kanuma.

Dhiheenya kana garuu baasa tokkootu as bahe. Waldhibdeen saba Oromootiifi sirna  abbaa irree jidduu jirtu akka waan mirgi biyyoommiidhaa ykn amboommiidhaa (citizenship) kabajamuu dhabuurraa dhalattetti warra himuu jalqabe agarre; gurraanis  dhageenye.  Biyyoommiin ykn amboommiin hariiroo mootummaafi matayyaa (individual) jidduu jirtu qofa ibsa. Kanaafuu, warri gaaffii sabaa gara gaaffii matayyaatti gadi cabsan  kuni  “Oromoon akka matayyaatti malee, akka sabaatti komii tokkollee mootummaa tanarraa hinqabu” yaada jedhuun deeman jedhuudhaa?

Wanni kuni bifa lamaan qabsoo Oromoo miidha

1)    Himannoon (grievance)  Oromoon akka sabaatti cunqurfamne jechaa ture soba fakkeessuudhaan injifannoo himannoo suniin argamtees bu’aa sochii dharaati taasisa. Yookin ammo;

2)    “Ee kaleessa Oromoon akka sabaatti cunqurfameera; har’a garuu, miidhaan garasiin jirtu furamte; gaafileenis deebii isaanin maltu argatanii jiru. Wanni hafe mirgoota matayyaatti kabajaa godhuu qofa.” Kan jettutti nama geessiti.  Kuni dhugaa taanaan Oromoon dhimma waliitiif furmaata barbaaduuf akka walotti gurmaa’uun hin barbaachisu; ilmaan Oromootis  matamatatti akka nam tokkootti mirga ofii eegsisuuf matayyoota sabaa  ykn saboota biroo waliin walitti siqee gurma’ee falmiif hiriira galuu malee, maqaa Oromootin of dararuu hin qabu; barbaachisaa mitis nuun jechuu taati. .

Oromoon Saba moo Murna Afaan Tokko Dubbatu?!

Falmii siyaasaa biyyattii sun keessatti godhamtu akka waan falmii murnoota afaan walirraa addaa dubbatan jiddutti godhamtutti dhiheessuun siyaasaa Oromoo ni faalleessa. Himannoon Oromoon jalqabarraa himachaa as gaye, Tophiyaan  lola waraanaa gurmuulee sabaan ijaaraman jiddutti godhamerraahi  ijaaramte; mootummaa alagaa tan warra biyya Habashaatu waraana  nurratti bobbaasee nu weeraree nu cabsee ol’aantummaa aadaa, dantaatifi siyaasaa isaanii  nurratti fe’e. Haala kana micciiranii warri Oromoo cunqurse warra saba kanaati jechuu mannaa warra afaan kana dubbatu jedhanii gaaffii sabaa gara gaaffii garee afaaniititti gadi cabsuun dogongora  guddaadha.   Kuni waan eenyummaa Oromootis jijjiiru tahuu isaatinis dhimma laaftutti dhiifnee irra dabarru hintahu. Sabni Amaara  gara “warra Afaan Amaaraa dubbatu”, Tigreen gara warra “Afaan Tigree” dubbatuutitti jijjirmnaan, Oromoonis sabarraa gara gartuu Afaan Oromoo dubbatuutti sharafama. Oromoo guddoon saba beekkamaa tahuu isii hanqiseeti   murna afaanii (language group) taasisa. Afaan tokko dubbachuun immoo, saba tokkicha nama hin gootu. Addunyaa tana keessa ummata toora miliyoon dhibba-shanitti shalagamuutu Afaan Ingiliizii dubbata. Sabni Ingiliiz ammoo, miliyoon jahatama qofa. Afaan Ingiliiz dubbachuun Ingiliiz nama n-gootu.  Haalli afaan Arabaatis akkasuma. Ummata biyyoota diigdamii-lama keessa jiraatuutu akka afaan ababbiitti (afaan haadhootti) afaan Arabaatiin dubbata. Afaan tokkichaan dubbachuun isaanii ammoo, warra saba  tokkoo isaan hin goone.

Ulaagaalee eenyummaa sabaa mul’isan keessaa, tokko afaan haa tahu malee kophaa isaatitti gahaa miti. Lafa walitti aantu tan waliin irra jiraatan waliin qabaachuu, aadaa tokkicha qabaachuu, hidda seenaa takkarraa madduu,  yaadqalbii aadaa  waloommiitiin ibsamtuufi  hariiroo diinnagdee walitti isaan guduunfitu qabaachuutu saba tokkicha nama taasisa. Gurmuuleen ulaagaalee kana guututti qaban Toophiyaa keessa jiraachuu haalanii waa’ee murnoota afaanii dubbachuun sababaafi galii siyaasaati qaba, biyti sun sabootarraa osoo hin tahin ‘murnoota afaaniitirraa’  ijaaramte jechuun durumarraahuu cunqursaan sabaa hin turre; har’as ol’aantummaan saba Tigree hin jiru jechuudha taha. Haaluma kanaan gaa gaaffii sabaa kaasun kaleessas haqa malee; har’as ka’uun hin malle jechuudha taha. .

Jechoonni akkanaa babahuun sababa qaba. Dur nyaapatu qabsoo Oromootiin mormuuf itti fayyadama. Kunis miidhaa akka sabaatti irran gayaa turan waakkachuufi ; akkasumattis Oromoon akka sabaatti gurmaayee humna guddaa dantaa siyaasaatiifi kan diinagdee diinni haqa malee dhuunfate harkaa buufachuu akka hindandeenye dhoowwuuf ture. Wanni jarri keenya amma   jechoota kana ergifataniif ammoo   gaaffii Oromoo ‘laaffisuun’  diina garaa laaffise,  alagaa biraatirraahis naatoo nuuf horatee  qabsoo teenyas nuuf saffisa yaada jedhurraa kan madde natti fakkaata. Kun garuu dogongora guddaadha. Kana qofa miti. Akka ilaalchaatti gowwaa ykn harsama siyaasaa hin beekne nu fakkeessa.

Waldhibdee Oromoofi warra aangoo mootumma harkaa qabu jidduu jirtu kan uume kaleessas har’as mataa jabaachuu Oromootii miti.  Keessaafuu warra amma aangoo harkaa qabu kana waliin gara ilaalchaatin ( ideology)  garaagarummaan dilas hin jirtu. Ammoo  “Qeerrensi gogaa isaatiif du’a” akkuma jedhanitti, Oromooniis qabeenyuma isiitiif cunqurfamti.  Aangoo dhuunfatanii ol aantii tahanii waaruuf diinagdee Oromiyaa harkatti galfachuufi tooyachuun dirqama taha. Wanni Oromoon qabsaa’uuf ammoo biyyaafi diinnaggee ofiirratti abbaa ta’uudha. Kana mirkaneessuufis aangoo siyaasaa dhuunfachuun dirqama malli biraa bira hinjirre taha. Kana jechuun waldiddaan Oromoofi warra isa cuqursan jidduu jirtu waldiddaa dantaa ( fundamental conflict of interest) abadan manguddummaadhaan dhumuu hin dandeenye tahuu fayyaaleeyyiin marti ni hubatan. Aangoo siyaasaa ammo boortaadhaan malee kadhaadhaan warra argate hanga ammaa waa hin agarre.

Waan ta’uuf hin malle tokkoof jedhanii jechoota siyaasaa Oromoo faalleessan oomishaa ooluun waldiddaan yaadaa Oromoo jiddutti daranuu akka babal’atu gochuu malee, bu’aan inni fidu takkalleen hin jirtu. Kanafuu warri beekaa ykn wallaalaan badii tanatti jiran kan Oromoof anaannatan yoo tahan dhugaa ifa jirtu tana  hubatanii dogongora ammaafi hegereefis diigmaya raagu kanarraa akka of deebisaniin dhaama.

 

Jawaar Siraaj Mohammad

 

Check Also

Amanuel Wondimu

Abiy Ahmed’s erecting Memorial Statues for genocidists of the Oromo for Menelik II and Haile Selassie

December 10, 2023 Leenjiso Horo    This article addresses the issue of the Oromo failure to …