Oduu Haaraya

NAFXANYICHI WAYYAANEE BURKAANA IRRA TAA’EE DHAADATAA?

                                                                                                      Taammanaa Bitimaa irraa
Dubbiftoota barruu tanaa jaalatamoo fi kabajamoo, wannin harra isiniif dhiyeessu kun dubbii dureewwan warra Wayyaanee keessaa inni tokko raasaa kana kallachumatti, uummata Oromoo fi saba Oromoo guddicha kana irratti dhaadate kan ilaalu. Nama dubbii biidiyoon nuuf dabarfame kana qalbeeffateef, namtichi Abbaay Tsahaayee jedhamu kun ifumatti duulaa fi waraana saba Oromoo irratti banuu isaa hubata. Mee yaa Waaq aangoo fi saammatanii buluun akkanatti ija namaa cufaa? Akkanatti sammuu ilmoo namaa isa hubatee akka yaaduuf uumame, gara sammuu horii fi bineeyyiitti gadi-buusaa? Namtichi baddaa Tigraay irraa harree ooffatee barabaasoo, bututtuu fi kilaashoon Oromiyaa seenee, saammatee abbaa-kitilaa (“millionaire“) tahe kun eessa dhaabatee? Maal irra taa’ee nutti dhaadata? Eekaa, nu Oromoota kitila 46-ol (46 000 000 +) taanetti dhaadataa? Yaa Oromoo koo, warri Wayyaanee kun garamitti nu dhiibaa jiru? Jarri qaarutee fakkaatan kun gara raatuutti of-geeddaruun, akka nuti gaaraa-dakaa tokkoomnee olkaanu nu gochaa jiru!
Maarree, erga dhiibamnee, erga ijuma teenya duratti uummanni keenya araddaa fi qeyee isaa irraa buqqifamuun itti-fufee, akka nama tokkootti waltahuun oljechuu malee, filmaata biraa tokkollee hin qabnu. Jarri kun, ee warri nafxanyoota haaraa kun tokkom-tokkoon gara nafxanyoota moofaa saniitti of-jijjiiraa jiru. Mee as irratti waan tokko! Muummichi warra Dargii, kan Mangistuu Hayila-Maaraam jedhamu bar tokko, ee oggaa warri Wayyaanee kun qabasaawota turan, tuffii uummata Tigraay irraa qabuun kan ka’e: “wanni nuti Tigraay irraa argannu chookii tokkichallee nuuf bituu hin dandayu” jechuun, uummata Tigraay kabajamaa san isa eeboon madeesse caala arraba isaa addaggee (baalagee) sanaan madeesse. Kun jiraa nama Tigraay dhiisii du’aan isaatuu akka waltahuun qabsaawu isa taasise. Nama Tigraay dhiisitii nutuu akka namummaaf jenneetoo namummaan isaan mararfannu, isaan gargaaru nu taasise. Ammas addaggummaa fi sanyummaan “waddii” Abbaay Tsahaayee kun jiraa Oromoo dhiisitii du’aan isaatuu, akka mootummaa isaa kanatti ka’uun ofirraa gombisu gochaa jira. Dureewwan warra Wayyaanee kanaaf waayeen: aadaa Oromoo, lafa Oromoo, tolcha Oromoo, odaa fi caffee Oromoo, awwaala fi galma Oromoo faa tokkoyyuu hin galleef jechaa dha. Oromoof lafnii fi lafeen gadameessa tokko keessaa akka bayan, lafa isaa qabachuun lafee isaa caccabsanii nyaachuu akka tahe ganaa hin galleef jechaa dha. Kun nafxanyoota Amaaratii galuuf waggaalee 80 isaan irraa fudhate. Kaan isaanitiif garuu, ammumallee homaa hin galleefi. Nafxanyoonni Tigraayiif  kun akka isaanii galuuf waggaalee 80 isaan barbaachisa moo maal dubbiin? Garuu, dhaloonni harraa kun, keessumaa Dhaloonni Qubee kun burkaanni (“volcano“) Oromoo akka daddafeetoo dhowu taasisa.
Uummanni Oromoo mirgaa fi haqa, qeyee fi araddaa, manaa fi ala, qabeenya fi leecalloo uummata Tigraay tokkollee hin tuqne. Daangaa iaanii hin dabarre, laggeen isaanii hin summeessinee, dhalawwan isaanii hin galaafanne, jaarsaa-jaartii isaanii hin salphifne, namoota isaanii manneen hidhaatti hin guurre. Warri Wayyaanee kun garuu, wanneen ilmoon namaa ilmoo namaa irratti hin raawwanne, wanneen suukaneessoo hedduu uummata Oromoo fi uummatoota Kibbaa irraatti adeemsisanii jiru. Wanneen nafxanyoonni Amaaraa Minilikii fi Raas Daargeen faa Oromoo irratti adeemsisan keessaa kan isaan hafee harma-muraa fi rakraka-muraa, ija-buqqisaa fi funyaan-kutaa faatu isaan hafe. Bosona Oromiyaa irbaata ibiddaa gochuu fi haroolee fi laggeen Oromiyaa summeessuu kan nafxanyoonni moofaan hin goonee isaan adeemsisanii jiru. Kumaa-kumaatamaan Oromoonni akka biyya ofii gaddhiisanii lubbuuf baqatan godhanii jiru. Dhalawwan Oromoo isaan qurxummii namnyaataa, shaarkii jedhamuun Galoo Adan keessatti liqimfamnii hafan, kanneen adaala Sahaaraa keessatti irbaata bineeyyii tahan, cirrachaan awwaalamanii hafan faa manneeni fi gumaa-baasaan Oromoo haa lakkaawu!
Silaa mee, nama miiddhaa fi roorroo jala turetti, miiddhaa fi roorroo nama irratti adeemsisuun isatti ulfaataa! “Waddii” Abbaay faa ammoo gammachuu fi bashanantiin kanneen adeemsisaa jiru. Isaan irraa namummaa fi nameenyi keessaa cunfamee dhumee jira. Jarreen kun hacuccaa fi rooorroo, abbaa-garummaa fi anamalummaa, of-tulummaa fi sanyummaa bakka amantii ofii buufatanii argamu. Warreen akkanaa kana uummanni Oromoo fi uummanni Ogadeeniyaa, uummanni Afaari fi Sidaamaa, uummanni Hadiyyaa fi Benshaangul, uummanni Sulula Omoo fi Gambeellaa waltayee ofirraa isaan gombisuu malee, filmaata biraa hin qabu. Oromoon biyya namaa hin dhaqnee biyya ofii irratti biyyee  ofiitiif, lafa ofii irraatti lafee ofiitiif olaka’uun isaa namaa fi lafaan, Waaqaa fi ayyaanaan eebbifamaa dha. Uummatoonni addunyaa martis isa deeggaru. Kana immoo nuti dhalawwan Oromoo kanneen garaa waaqaa jala faffacaanee jirru, beekisafachuu fi sagalee takkaan iyyachuun dirqama keenya!
Kunoo, warri Wayyaanee kun isaan qabsaawota irraa gara gaadduu fi saamtuutti of-geeddaran kun bardrabre kana keessa ijoollee Oromoo Oromiyaa guutuu irraa: “Master Plan Finfinnee” san dura dhaabatan heddumminaan gorra’anii jiru. Oromoota 200 oliitu galaafatame. Kaan ammallee manneen hidhaa Habashootaa keessatti waxalamaa, waadamaa jirti. Imimmaan warreen ijoollee teenyaa tanaallee otoo hin qoorin, kunoo bantiiwwan hoggantoota warra Wayyaanee keessaa kan tokko tahe, Abbaay Tsahaayee ifumatti waraana Oromoo irratti labsee jira. Jarreen kanatti bunaa fi jimaa, midhaanii fi horii, albuuda fi hoomisha warshaalee Oromoo malee, mirgii fi haqni, namummaa fi nameenyi Oromoo waa isaanitti hin muldhatu. Nama qawween gaaddatee, saammatee buluutti kan sirriitti isatti muldhatu qawwee san callaa dha. Qawween sun qawweedhumaan hurrooftee akka baddu, waan moorri ija isaa baaruda qawweetiin cufameef, homaa hin galuufi. Uummanni Oromoo beekaa fi guddichi kun inni seenaa isaa keessatti sammuun yaadee, wal-amanisiisee seera gadaatiin, dimokiraasiin of-bulchaa ture sun, kunoo gara waggaalee 140 olii warra qawwee ergifatee, qawwee dhoortoo kadhatee itti-dhufeen bitamee jira; ammas bitamaa jira. Egaa, warra qawwee bakka amantii ofii buutee isatti dhaadatu kana, qawwuma saniin olka’ee ofirraa kaasuu qaba. Kanaafillee, gandeen Oroppaa fi Ameerikaa keessa deddeemee qawwee san waan kadhatuuf hin qabu. Hableen, haamtuun, qottoon, dhagaraan, hordaan, manshiin, eeboon, cakiin, mancaa fi shimalli faa uummata tokkoomee, iyyee iyya dabarsuun olka’eef qawwee san caala. Isumaan qawwee ergisaa fi qawwee kandhannaan dhufe san abbootii qawwee san irraa hiikkata.
Seerri biyyoota addunyaas, seerri Mootummoota Waltayaniis (UNO) saba qawween biyyi isaa qabame, akka qawweenis of-bilisoomsu ni gargaara. Maal dureen uummata Falastiinaa, Yaasir Arafaat shugguxii hidhatee walgayii UNO irratti argamee mitii? Kanan kana kaaseef, Oromoota tokko tokko kanneen: “addunyaan geeddaramte“, “barri bara globalization” faa jechuun impaayarittii Toopphiyaa tana nuuf suppuu fi nu irratti supphuuf yaalaniifi. Uummanni Oromoo inni qawween cabee dhiddhiitamaa jiru kun karaa nagaas, karaa kaanis bilisummaa fi walabummaa ofiitiif qabasaawuun namaanis, Waaqaanis kan deeggaramu; kan eebbifamu. Kanaaf, ee kanaaf uummanni Oromoo guddichi kun, gaaraa-dakaa, alaa-manaa ijaaramee, tokkoomee, walitti-qindoomee, karaa maraan hidhatee mirgaa fi haqa uumaan qabuuf tarkaanfachuu qaba. Jaarmoleen Oromoo marti, dhiiraa-dubartiin Oromoo marti waltahuun oljechuutu isaanis, biyya isaanii boontuu tanas kan baasu taha. Waladaaleen amntiiwwanii kan: Muslimootaas, kan Kiristaanotas, kan Waaqeffatootaas uummanni Oromoo akka birmadoomuuf, sabni Oromoo akka bilisoomuuf, Biyya Oromoo, Oromiyaan akka walaboomtuuf WAAQA kadhachuufii qabu! “Nama Waaqni bilisa taasisee uume, eenyumtuu akka isa gabroomfachuu hin qabne“, lallabuun, barsiisuun hojii isaanii keessaa isa hangafa!
Yaa Oromoo lammiiwwan kiyya, kunoo amma irraa kaasee nama Oromoo dhiisii lafni Oromootuu qabsoo bilisummaa irratti argama. Uummata “iyyii, iyya dabarsi!“, jedhee waltahuun olka’e enyumtuu dura dhaabachuu hin dandayu. Ammaan tana nama Oromoo dhiisitii: horiin, bineeyyiin, allaattii-shimbirroon, laflootuu fi kanneen biroo marti qabsoo irratti argamu. Laggeen, harooleeni fi harawwan Oromiyaa marti diina isaani irraa waraabbatee dhugutti dhiiga fi summii itti-tahu. Lafnii fi margi Oromiyaa diina isaan irra fiffiigaa dhalawwan Oromoo gorra’utti qoree fi eeboo itti-tahuun waraanu. Gaarran, sululoonni fi caakkaawwan Oromiyaa diina isaanitti baqatutti leencotaa fi qeerransoota itti-tahuun haleelu. Amma irraa kaasee, Oromiyaa dachee leencotaa qabatanii ijoollee Oromoo galaafachaa jiraachuun kakuu dha; laguu dha hin jiru! “Uu, uu iyyii, iyya dabrsi! Qabi, qabii dhayi!“, jechuun akka Oromoota Kurnan Gullallee isaan bara 1878 walatahuun olka’uu qabna!
                                                ==============    //    ==============

About bilisummaa

Yaa rabbii ilmaan Oromoo haqa garsiisi warra haqa isaa ka dhabe karaa haqaatii fii gootummaan ifirratti falmatee deeffatu godhi!! Baha, Dhiha, Kaabaa fii kibbatti sagalee keenya tokko nuuf taasisi yaa waaqa!!

Check Also

AMALOOTA KUFAATII SIRNA ABBAA IRREE MIRKANEESSAN BEEKTAA?

Saphaloo Kadiir irraa. Sirnoonni Abbaa Irree kamuu amaloota wal fakkaatoo gaafa kufuuf qilee irra gahan …

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *