Oduu Haaraya

Oduu Battalaa:Ogeessi Olaanaa Jila Oromiyaa Gane

(Oromedia, 12 Fulbaana 2015) Ogeessi olaanaa jila Pirezidaantii Oromiyaatiin durfamee waliin Western Australia daawáchaa ture Fulbaana 12 bara 2015 Itoophiyaatti deebiú didee hafe.

Intarpiraasii Hojiiwwan Bishaanii fi Deeszayinii Oromiyaatti ogeessa olaanaa kan taé, Daawiit Galataa jila olaanaa pirizidaantii Oromiyaa Ob Mukataa Kadir waliin torbaan tokkoof Western Australia daawaánnaa gochaa ture.
Akka sagantaa qabameetti gareen sun marti har’a ganama gara biyyaatti deebi’uu qaba ture. Garuu, Ob Daawit Galataa garee miseensota torba qabu ssan keessaa biyyatti deebiúu didee waan hafeef jila san gidduutti jeequmsa kaa’ee jira.

Oduun amma nu gahe akka ibsutti, jila hará gara ganama biyyaatti deebi’e keessaa ogeessi hafe kun nama sadarkaa olanaa irra jiruu dha.

Jila mootummaa Itoophiyaa bakka buúun daawánnaa hojii torbaan tokkoo Western Australia keessatti gaggeessa ture kun ogeessa tokko dhabee guyyaa haráa gara biyyaatti deebi’ee jira.

Gareen kun dabaree walkomachaa fi waljeeqaa akka deeman sababa kana taé isaan keessaa ogeessi olaanaa tokko Itoophiyaatti deebiúu diduun achiitti hafuu isaatiin akka ta’e beekameera.

Odeessi nu gahe akka ibsutti Ob Daawit mootummicha kan gane, roorroo fi miidhaa ummata Oromoo irra gahaa jiru balaaleffachuun.

Odeessa dabalataan gara boodaa isnitti deebina!!

Check Also

loogii ethio telecom

Dhaabbanni Itiyoo-telekoom olaantummaa dhalattoota saba tokkoo qofaan kan dhuunftameedha

Ragaan sanadaa loogummaa fi olaantummaa dhalattoota saba tokkootiin dhuunfatamuu Itiyoo-telekoom saaxilu OMN harka seenuu itti …